24
Issaa
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2 «Ifi yennaa mara akka ifu, Israa'elooti zayitii qulluu muka ejersaa irraa cunfantee dhimbiibante akka sii fiddu ajaji! 3 Aaron Dunkaanii Woldeenna'aa keessatti, gollaa dhugaa bayaatiin alatti, galgalaa haga ganamaatitti, ifa yennaa mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti; kun dhaloota dhufu maraaf seerata haga bara baraa te'uu ti. 4 Aaron waan issaa irra keyanu ta worqii qulluu irraa hujante san irratti, ifi sun akka hin dhaanne ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti.
Daabboo Waaqaaf Dhikaattu
5 «Bullaa dansaa fuudhiitii xaltaa daabbo'oo kudhanii lama, tokko tokkoon isaa kiiloogiraama lama lama ka te'e bilcheessi. 6 Xaltaa daabbo'oo san xarapheessaa worqii qulluu irraa hujame irratti tarree lamaan, jaan jaaniin fuula kiyya dura wol irra naqi. 7 Xaltaa daabbo'oo san woliin qooda yaadannoo kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu akka te'u, hixaana qulluu tarree lamaan san irra kaayi. 8 Aaron bakka kolbaa Israa'elii bu'ee daabboo tana, Sanbata mara ana Mootii Waan Maraa duratti tarree galchuu ti. Tun Gondooroo bara baraa teetuu ti. 9 Daabboon tun qooda Aaroniitii fi qooda ilmaan isaa ti; kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa qooda isaanii ka irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatanuu ti. Kun seerata haga bara baraa ti» jedhe.
Yakka'aa Fi Adabbii
10 Nami haati isaa dubartii Israa'elii teete, ka abbaan isaa nama Gibxi'ii te'e tokko odduu Israa'elootaatitti gad bayee, Israa'elicha tokko woliin wol lolane. 11 Ilmi dubartii Israa'elii sun maqaa Waaqaa abaaree waan faanshesseef, gara Muuse'ee isa fidane; haati isaa intala Dibrii nama gosa Daanii ti; maqaan isi'ii «Shelomiit» jedhama. 12 Fedhi Mootii Waan Maraa haga isaanitti mudhatutti, isaan mana hidha'aatitti isa galchane.
13 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 14 «Nama maqaa Waaqaa abaaree faanshesse san addee quttumaatiin alatti baasi. Worri faanshessiisa isaa dhage'e marti akka inni yakkaa huje dhugaa bayiisaaf harka ifii mataa isaa irra keyanuu ti; achiin duuba wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti. 15 Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami maqaa Waaqa ifii abaaru marti cubbuu waan hujeef, itti hin gaafatama. 16 Nami maqaa Mootii Waan Maraa faanshessu ijjeefamuu ti! Kolbaan wolde'i marti dhaka'aan isa tumanuu ti; alagaalle te'u yookiin dhalataa biyyaalle te'u nami maqaa Waaqaa faanshessu ijjeefamuu ti.
17 « ‹Nami nama yoo ijjeese ijjeefamuu ti. 18 Nami horii namaa ijjeese abbaa saniif horuma gosa sanii bakka buusuu ti. 19 Nami tokko nama yoo miidhe, wonni inni nama irratti godhe sun isa irralle'etti godhamuu ti. 20 Yoo inni lafee namaa casse, lafeen isaalle cadduu ti; yoo inni ila namaa balleesse, ilti isaalle badduu ti; yoo inni ilkaan nama casse, ilkaan isaalle cabuu ti. Akkuma nama dhibii miidhe, innille miidhamuu ti. 21 Nami horii ijjeese, horii ijjeese san bakka buusuu ti; nami nama ijjeese ammoo ijjeefamuu ti. 22 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama alaga'aa fi nama dhalataa biyyaa te'eefille seeruma tokko qabaadha'a› jedhi» jedhe.
23 Achiin duuba Muuseen waan kana mara kolbaa Israa'eliititti hime; isaan namicha san addee quttumaatiin alatti baasanee dhaka'aan tumanee ijjeesane. Akka kanaan kolbaan Israa'elii waan Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje mara goote.