25
Woggaa Torbeesso'oo Ta Fooraa
Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muuse'een, «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Lafa ani isiniif kennu sanitti yennaa galtanu, foora sanbataa ka woggaa torbeesso'oo mara lafa qotiisa lakkisiisaan ana Mootii Waan Maraa ulfeessa'a. Woggaa jaa fichaa keessanitti facaafadha'aa, muka woyni'ii keessanille quxadha'aatii, midhaan keessan galfadha'a. Woggaan torbeesso'oo ammoo foora sanbataa ka woggaa torbaa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome; fichaa keessanitti hin facaafatina'a; muka woyni'ii keessanille hin quxina'a. Midhaan haaga'ee hin haammatina'a. Muka woyni'ii ka hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. Lattille woggaa fooraa qabaattuu ti. Foora sanbataa ka woggaa torbaa keessa wonni latti baachu marti si'iif, garboota teeti ta dhiiraatii fi ta dubarti'iitiif, hojjataa qaxaramee hujuu fi alagaa yenna'aaf isin woliin le'uuf sagalee te'uu ti. Horii keetii fi bineensa biyya teeti keessa jiranu maraafille sagalee te'uu ti.
Jila Woggaa Shantameesso'oo
« ‹Woggaa fooraa torba yennaa torba laakkow; wolumatti woggaa afurtamii sagal hin te'an. Achiin duuba ji'a torbeesso'oo guyyaa kudhaneesso'oo, guyyaa gumaa cubbu'uu, biyya teessan addee maratti tultullaan afuufamuu ti. 10 Woggaa shantameesso'oo woyyoonsa'a; namoota biyya teessan keessa jiru maraaf bilisummaa lassa'a. Woggaan tun jila woggaa shantameesso'oo*Jila woggaa shantameesso'oo: Afaan Ibrootaatiin yobeel jedhama. isiniif teetuu ti. Woggaa tanatti tokko tokkoon keessan gara qabeenna maatii teessaniitii fi gara fira keessanii deebi'a'a. 11 Woggaan shantameesso'oo tun jila woggaa shantameesso'oo isiniif teetuu ti; ficha'atti hin facaafatina'a; midhaan ifiin late yookiin woynii hin quxamin irraa midhaan hin guuratina'a. 12 Woggaan shantameesso'oo jila woggaa shantameesso'oo waan teeteef, ta woyyoonte isiniif teetuu ti; waan fichaa keessatti ifiin late callaa nyaadha'a.
13 « ‹Woggaa shantameesso'oo tana keessa nami martinuu gara qabeenna ifii deebi'uu ti. 14 Isin lafa yoo wolitti gurgurtane yookiin yoo wol irraa bitattane wol hin dagina'a. 15 Isin akka bacinna laakkossa woggoota jila woggaa shantameesso'ootiif hatteetitti shallaga'aatii nama biyya teessanii irraa bitadha'a. Innille akka laakkossa woggoota midhaan irraa galfatiisa dande'anuutitti shallagee gurguruu ti. 16 Wonni inni isinitti gurguru laakkossa woggaa isin midhaan irraa galfattanuun waan te'eef, yoo woggaan hedduu teete, gatii itti dabala'a; yoo woggaan diqqoo teete gatii irraa cassa'a. 17 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waan te'eef, ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, wol hin dagina'a.
18 « ‹Lafa irra nageyaan akka leetanu, seerata kiyya eegadha'a; seera kiyyaaf ajajamiisaafille ifi eegadha'a. 19 Achiin duuba latti midhaan hin kenniti; isinille nyaattanee quuttanee, nageyaan hin leetan.
20 « ‹Isin: yoo hin facaafatin yookiin midhaan yoo hin galfatin woggaa torbeesso'oo keessa maan nyaanna jettanee gaafattan fa'a te'a. 21 Woggaa jayeesso'ootitti latti midhaan woggaa sadiif gewu akka isiniif kennitu ani eebba kiyya isiniif hin erga. 22 Woggaa saddeetesso'ootitti midhaan yennaa facaafattanu, midhaan galisoo san nyaattan; haga midhaan woggaa sagaleesso'oo galfattanulle'etti midhaanuma san nyaatan.
Seera Lafa Wodiisaa
23 « ‹Latti tiyya waan teeteef, isin ammoo alagaa yenna'aaf lafa tiyya irra jirtanu waan teetaneef, latti gurgurantee achumaan hin hafin.
24 « ‹Lafa ifiif qabattane mara keessatti mirgi lafa deebisanee wodatanu jiraatuu ti. 25 Isin worra Israa'elii keessaa nami tokko hiyyoommatee, lafa ifii yoo gurgure, nami fira aantii isaa deebisee isaaf wodatuu ti. 26 Nami sun fira aanti'ii ka lafa san isaaf wodu yoo hin qabaatin, inninuu deebisee wodatiisaaf karra yoo dhaggate ammoo, 27 lafa san haga itti gurgureen jalqabee, woggoota dabarane laakkowee, waan irraa hafe namichaaf deebisuu ti. 28 Deebisee wodatiisaaf harki isaa yoo hanqate ammoo, haga jila woggaa shantameesso'ootitti, latti sun abbuma bitate san harka turtuu ti; woggaa shantameesso'ootitti abbaa qara gurgureef deebituu ti; namichi keessaa bayee gara lafa ifii deebi'uu ti.
29 « ‹Nami tokko qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu keessa jiru keessatti mana ifii yoo gurgure, gurgureen duuba woggaa tokko keessatti wodatiisaaf mirga qaba. 30 Manni sun woggaa tokko keessatti yoo hin wodamin, manni qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabu san keessaa sun, namicha bitatee fi sanyii isaatiif te'uu ti; manni sun woggaa shantameesso'ootitti hin wodamin. 31 Manooti ollaa dalleya dhaka'aa hin qanne keessa jiranu ammoo akka mana diida keessa jiruutitti laakkowamanee, wodamanee, woggaa shantameesso'oo keessa deebifamanuu ti. 32 Te'uu malee, worri Lewwootaa manoota qachaa isaanii keessa jiranu yennaa mara wodatiisaaf mirga qaban. 33 Manooti qachoota Lewwootaa keessa jiranu, odduu Israa'elootaatitti qabeenna Lewwootaa waan te'aneef, worri Lewwootaa mana qachoota ifii keessaa gurguranee yoo wodatiisa dhabane, woggaa shantameesso'ootitti manni sun Lewwootaaf deebi'uu ti. 34 Addeen horii itti bobbaafatanu ta adaala qachaa isaanii jirtu ammoo qabeenna isaanii ka bara baraa waan teeteef, hin gurguramin.
Liqaa Hiyyeessaaf Kennuu
35 « ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee ifi qarqaariisa yoo dadhabe, akka inni odduu teessan le'iisa dande'u, akkuma nama alaga'aatii fi nama yenna'aaf odduu teessan jiru qarqaartanu isa qarqaara'a. 36 Isin ammoo ana Mootii Waan Maraa keessan sodaadha'a; akka inni odduu teessan le'uuf, waan tokkolle dhalaan isa irraa hin fudhatina'a. 37 Beesee teeti dhalaan isaaf hin liqeessin; sagalee isatti gurgurtu irraa bu'aa hin barbaadin. 38 Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan, ka lafa kana'aanii isiniif kenniisaaf, Waaqa keessanille isiniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isin baase.
Garboolee Woduu
39 « ‹Isin keessaa nami tokko hiyyoommatee isinitti ifi yoo gurgure, akka garbaatitti isa hin hujisiisin. 40 Isin biratti inni akka nama qaxaramee hujuu yookiin akka nama yenna'aaf odduu teessan jiruutitti laakkowamuu ti; inni haga woggaa shantameesso'ootitti isinii hujuu ti. 41 Achiin duuba innii fi ijoolleen isaa bilisa bayanee fira ifii, gara qabeenna abbootii ifii ta duriititti deebi'uu ti. 42 Israa'elooti tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase waan te'aneef, akka garbaa hin gurguramin. 43 Isin ana Waaqa keessan sodaadha'a malee, gadhi-jabeennaan isaan hin bulchina'a. 44 Garboota teessan ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii gosa biyya adda addaa ta adaala keessan jiranu keessaa bitatuu hin dandeettan. 45 Akkasuma worra yenna'aaf odduu teessan le'uu fi worra fira isaanii ka biyya teessan keessatti dhalate bitatiisa hin dandeettan; isaan qabeenna keessan hin te'an. 46 Akka qabeenna keessanii ijoolleen teessan isaan dhaaltuu ti; bara jiruu isaanii mara garboota isaan godhatuu dandeettan. Te'uu malee Israa'eloota obboleeyyan teessan gadhi-jabeennaan hin bulchina'a.
47 « ‹Nami alagaan yookiin nami yenna'aaf odduu teessan le'u tokko yoo duroome, nami biyya teessanii tokko hiyyoommatee nama alaga'aa ka odduu teessan le'utti yookiin nama fira alaga'aa sanitti yoo ifi gurgure, 48 inni ifi gurgureen duuba mirga wodamiisaa hin qaba. Nami obboleessa isaa, 49 wosiilli isaa yookiin ilmi wosiila isaa yookiin sanyii worra isaa keessaa nami tokko isa wodiisa hin dande'a yookiin inninuu yoo karra dhaggate ifi wodatiisa hin dande'a. 50 Inni woggaa ifi itti gurgureen jalqabee haga woggaa shantameesso'ootitti nama isa bitate san woliin yennaa isaa laakkowanuu ti; gatiin inni ittiin lakkifamu akka laakkossa woggoota saniititti, akka nama qaxaramee huju tokkoof kaffalamutti shallagama. 51 Woggaan hedduun hattee yoo jiraatte, gatii inni ittiin ifi gurgure keessaa, gatiin laakkossa woggaa hatte sanii shallagantee, gatii wodoo ifii isaaf kaffaluu ti. 52 Haga jila woggaa shantameesso'ootitti woggaan diqqoon callaan yoo hattee jiraatte, haga woggaa hatte saniititti gatii isaaf kaffaluu ti. 53 Inni akka nama wogga'aa gara wogga'aatitti qaxaramee le'uu ti; namichi isa bitate sun isin duratti gadhi-jabeennaan isa hin bulchin. 54 Akka kanaan yoo wodamiisa dhabe, innii fi ijoolleen isaa jila woggaa shantameesso'ootitti gad lakkifamanuu ti. 55 Isin kolbaan Israa'elii tajaajiltoota tiyya; isin tajaajiltoota tiyya ta ani biyya Gibxi'ii keessaa baase; ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan› jedhiin» jedhe.

*25:10 Jila woggaa shantameesso'oo: Afaan Ibrootaatiin yobeel jedhama.