26
Eebba Ajajamiisaan Dhaggamu
1 Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqa keessan; isin waaqota dharaa hin hujatina'a yookiin fakkii yookiin soodduu woyyittii hin dhaabbatina'a; dhakaa qiriixamelle itti sagadiisaaf biyya teessan keessatti hin dhaabina'a! 2 Ani Mootii Waan Maraa ti! Guyyaa Sanbataa kiyya eegadha'a; addee woyyittii tiyyaafille ulfinna kenna'a.
3 «Isin seerata kiyya yoo eegattane, ajaja kiyyaafille akka dansaa yoo ajajantane, 4 Bokkeya yennaa isaatitti isiniif hin kenna; latti midhaan hin baachi; mukille midhaan hin buusa. 5 Midhaan adoo dhowattanuu yennaan unkuruura woyni'ii murattanu hin geetti; unkuruura woyni'iille adoo murattanuu yennaan midhaan facaafattanu hin geetti; sagalee barbaaddane maralle hin nyaattan; lafa teessan keessalle nageyaan hin leetan.
6 «Lafaaf nageya hin kenna; isin hin foorfattan; nami isin sodaachisu tokkolle hin jiraatu. Ani bineensa hamaa lafa irraa hin balleessa; diinni keessan haganaa achi isin hin lolu. 7 Isin diinota keessan hin ariitan; isaanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan. 8 Isin nami shan isaan nama dhibba hin ariitan; isin nami dhibbi isaan nama kuma kudhan hin ariitan; diinoti keessanille shallaagaa keessaniin isin duratti hin dhumatan. 9 Ani gara keessan hin ilaala; akka isin hortanu godhee, isin hin baceessa. Gondooroo isin woliin godhadhe hin eegadha. 10 Isin midhaan bara dabaree adoo nyaattanuu, midhaan bara haareyaatiif addee dhaggatiisaaf, midhaan bara dabaree san hin haxoottan. 11 Ani addee leetoo tiyyaa odduu teessanitti hin godhadha; isin hin jibbulle'e. 12 Ani yennaa mara odduu teessan le'ee, Waaqa isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan. 13 Akka isin haganaa achi worra Gibxi'iitiif garba hin teene, biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase, ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ani waanjoo garbumma'aa isin irraa cassee, ol jettanee akka deentanu isin godheera.
Adabbii Ajajamiisa Dhabaa
14 «Isin naaf ajajamiisa dhaddanee, ajaja kiyya mara yoo hin eegatin, 15 seerata kiyyalle tuffattanee, seera kiyya yoo jibbitane, akka ajaja kiyyaatitti hujuu dhaddanee, gondooroo tiyya yoo diiddane, 16 ani waan asii gad jiru isinitti hin fida: bararaqa dedhaa*Dedha: Yookiin tasa., dhukkuba balleessu, o'a ila isin balleessee jiruu gossu isinitti fida; isin sanyii hin facaafatan, garuu diinota keessanitti nyaata. 17 Akka diinni keessan isin injifatu, ani diina isinitti hin te'a; worri isin jibbu isin hin bulcha; adoo nami isin hin ari'in hin baqattan.
18 «Tana maraan duuba isin ammalle naaf yoo hin ajajamin, ani sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba isin hin adaba. 19 Ani hunna teessan ta isin ittiin koortanu hin cassa; bokkeenni akka hin roonne, gubbaa akka sibiilaa, lafa akka sageettu'uu hin godha. 20 Latti teessan midhaan waan hin baanneef, muki keessanille midhaan waan hin buunneef, hunni teessan toluma dhumatti.
21 «Isin na mormitanee, na dhage'iisa yoo diddane, ani akka cubbuu teessaniititti dachaa torba rakkinna isinitti fida. 22 Ani bineensota ijoollee teessan isin duraa fudhatu, ka horii keessan balleessu, ka laakkossa keessanille diqqeessee, nami karaa irra deemu akka dhabamu godhu isinitti hin erga.
23 «Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane, 24 ani isin mormee sababa cubbuu teessaniitiif dachaa torba rakkinna isinitti hin fida. 25 Gondooroo tiyya waan diiddaneef, haluu bayiisaaf, shallaagaa isinitti hin fida. Yennaa isin qachaa keessatti wolitti qabantanu, ani balaa odduu teessanitti hin erga; harka diinaatitti dabarfantanee hin kennantan. 26 Yennaa ani sagalee isin dhooggu, dubartiin kudhan eelee takka'atti daabboo isiniif bilcheessitee, madaaltee isinii hin dhikeessiti; isin hin nyaattan, ammoo hin quuttanu.
27 «Waan kanalle'een gara kiyya deebi'uu diddanee, anaan yoo mormitane, 28 achiin duuba aarii tiyyaan isin mormee, sababa cubbuu teessaniitiif, dachaa torba isin hin adaba. 29 Isin foon ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin nyaattan. 30 Addee waaqonfanna'aa teessan hin balleessa; addee ciinca'aa teessan ta hixaanni irratti aarfamu hin diiga; reeffa keessan waaqota dharaa keessan ka lubbuu hin qanne san irratti hin tuula; isinille hin diqadha. 31 Qachoota keessan hin diiga; addee woyyittii teessanille hin onsa; ciincaa keessan ka foolee dansaa qabu sanille hin fudhadhu. 32 Diinoti keessan ka lafa teessan keessa le'anu, dhagganee akka rifatanu lafa teessan hin onsa. 33 Gosa biyya adda addaa keessa isin bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isin hin ari'a; latti teessan duwwaa teetee, qachooti keessanille hin ona. 34 Achiin duuba latti woggoota onte san mara, yennaa isin biyya diinota keessanii keessa jirtanu foora sanbataa ka woggoota torbaa ka ifii sanitti hin gammaddi; achiin duuba latti foorfattee, Sanbata ifiititti hin gammaddi. 35 Latti woggoota Sanbataa ta yennaa isin keessa leetane san foora hin qanne, yennaa ontee teettu san mara hin qabaatti.
36 «Isin keessaa worra lubbu'uun hafe, lafa diinota isaanii keessa jiranuun sodaa hantuu isaanitti hin erga. Shokokkeessi baala qilleensi tachoosuu isaan hin bararassa; nami isaan ari'u adoo hin jiraatin akka nama shallaagaa dheetuu hin baqatan; hin jiganille'e. 37 Nami isaan ari'u adoo hin jiraatin, akka nama shallaagaa dheetuu adoo baqatanuu wol gufatan. Maarre isin diinota keessan dura dhaabbatiisa hin dandeettanu. 38 Isin gosa biyya adda addaa oddu'utti hin dhumattan; latti diinota keessanii isin hin liqinsiti. 39 Isin keessaa worri lubbu'uun hafe, sababa cubbuu ifiitii fi sababa cubbuu abbootii ifiitiif lafa diinota ifii keessatti hin yaayyan.
40 «Te'uu malee isaan cubbuu ifiitii fi cubbuu abbootii ifii ta isaan maltumma'aan na mormatane yoo faaci'atane, 41 cubbuu akka ani diina isaanitti te'uu fi gara lafa diina isaaniititti akka ani isaan ari'u goote san yoo faaci'atane, gadhaan isaanii ka jabaate sun laafee, adabbii cubbuu ifii yoo fudhatane, 42 ani gondooroo tiyya ta Yaaqoob, Yisihaqii fi Abrahaamii woliin godhe san hin qaabadha. Lafa sanille hin qaabadha. 43 Isaan lakkisanee waan deemaneef, latti ontee, addee isaan hin jirretti woggoota Sanbata ifiititti hin gammaddi; isaan seera kiyya tuffatanee, seerata kiyya waan jibbaneef adabbii cubbuu ifii hin fudhatan. 44 Te'uu malee, waan kanalle'een, ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, gondooroo isaan woliin godhe hin diigu; yennaa isaan lafa diina ifii keessa jiranu ijjumaa isaan balleessiisaaf, isaan hin gatu yookiin hin diqadhu. 45 Ani ammoo gondooroo tiyya ta abbootii isaanii, gosi biyya adda addaa adoo dhaggituu, Waaqa isaaniif te'iisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa yennaa isaan baase isaan woliin godhe san, isaaniif jedhee hin qaabadha. Ani Mootii Waan Maraa ti!» jedhe. 46 Kun Seerata, seeraa fi ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti ifii fi kolbaa Israa'elii wodhakka'atti karaa Muuse'eetiin dhaabe.