27
Kennansa Waaqaaf Dhikaate Woduu
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
2 «Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko nama ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kenniisaaf waadaa yoo gale, akka nami sun itti shallagametti, gatiin inni kaffalu,
3 akka madaallii addee woyyitti'iititti dhiira woggaa diddamaa haga woggaa jaatamaatiif meetii giraama dhibba shanii fi torbaatama
*,
4 dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba sadii fi afurtama
†,
5 dhiira woggaa shanii haga woggaa diddamaatiif meetii giraama dhibba lamaa fi soddoma
‡, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan
§,
6 dhiira ji'a tokkoo haga woggaa shaniitiif meetii giraama shantamii torba
*, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama soddomii afur
† 7 dhiira woggaa jaatamaa oliitiif meetii giraama dhibba tokkoo fi torbaatamii tokko
‡, dubartii yoo teete ammoo meetii giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shan
§ kaffaluu ti.
8 « ‹Nami waadaa gale sun hiyyeessa te'ee shallaggii san kaffaluu yoo dadhabe, nama kenniisaaf waadaa gale san fuula hayyichaa dura dhikeessuu ti; hayyichille gatii inni kaffaliisaaf dande'utti shallaguu ti.
9 « ‹Wonni inni kenniisaaf waadaa gale sun horii kennansa ana Mootii Waan Maraatiif fudhatama qabu yoo te'e, horiin akkasii ka ana Mootii Waan Maraatiif kenname woyyuu hin te'a. 10 Nami sun kennansa dhikaate san dansaa hama'aan yookiin hamaa dansa'aan hin jijjiirin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'iin bakka yoo buuse, horiin sun lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti. 11 Wonni inni ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa gale sun horii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ka qulqulluu hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf ka fudhatama hin qanne yoo te'e, horiin sun hayyicha dura dhikaatuu ti. 12 Hayyichi horii san dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti. 13 Abbichi horii san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti.
14 « ‹Nami tokko mana ifii ana Mootii Waan Maraatiif woyyuu akka te'u yoo adda baase, hayyichi manni sun dansaa yookiin badaa te'uu isaa ilaalee shallaguu ti. Achiin duuba shallaggiin sun akkuma hayyichi shallagetti hin teeti 15 Abbichi mana ifii adda baase sun mana san wodatiisa yoo barbaade, shallaggii sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti. Manni sun deebi'ee ka isaa hin te'a.
16 « ‹Nami tokko lafa maatii ifii irraa dhaale irraa fichaa kutee ana Mootii Waan Maraatiif adda baasee kennansa yoo dhikeesse, latti sun haga sanyii itti facaafantuutiin shallagantuu ti; sanyiin itti facaafantu garbuu kiiloogiraama dhibba tokko, latti sun meetii giraama dhibba shanii fi torbaatamatti
* hin shallaganti.
17 Nami sun fichaa ifii san yennaa jila woggaa shantameesso'ootitti adda baasee yoo kenne, shallaggiin sun akkuma hayyichi murteesse sanitti te'a.
18 Inni fichaa ifii san woggaa shantameesso'ootiin duuba yoo kennee jiraate ammoo, hayyichi akka laakkossa woggoota haga jila woggaa shantameesso'oo ta itti aantuutitti woggoota hafaneeranu ilaalee, shallaggii fichaa sanii irraa dhidhisuu ti.
19 Abbichi fichaa ifii kenne sun deebisee wodatiisa yoo barbaade, gatii fichaan itti shallagamee sanitti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu ti; fichaan sun ka isaa hin te'a.
20 Te'uu malee fichaa san yoo hin wodatin yookiin nama dhibi'itti yoo gurgure deebi'ee fichaa san wodatiisa hin dande'u.
21 Fichaan sun woggaa shantameesso'ootitti
† yennaa gad lakkifamu, ka woyyoome te'ee, akka fichaa ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffameetitti, qabeenna hayyootaa hin te'a.
22 « ‹Nami tokko fichaa bitate ka lafa maatii ifii irraa dhaale hin te'in, ana Mootii Waan Maraatiif adda yoo baase, 23 hayyichi shallaggii fichaa sanii haga jila woggaa shantameesso'ootitti laakkowee shallaguu ti; namichille akka waan Mootii Waan Maraatiif woyyuu te'eetitti guyyuma san kaffaluu ti. 24 Jila woggaa shantameesso'ootitti fichaan sun abbicha lafaa ka qara inni irraa bite saniif hin deebi'a. 25 Shallaggiin martinuu akka madaallii addee woyyitti'iititti te'uu ti.
26 « ‹Te'uu malee angafi hori'ii duruuyyuu ka ana Mootii Waan Maraa waan te'eef, eennulle angafa hori'ii ana Mootii Waan Maraatiif adda baasuu hin dande'u; angafa jabbii loonii, angafa ilmoolee hoole'ee yookiin re'e'ee te'ulle ka ana Mootii Waan Maraa ti. 27 Horii qulqulluu hin te'in yoo te'e, gatii itti shallagame harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. Inni yoo hin wodatin, gatii itti shallagametti gurguramuu ti.
28 « ‹Wonni ana Mootii Waan Maraatiif kennamiisaaf murteeffame martinuu irra caalaa woyyuu waan teeteef, wonni nami naaf kenniisaaf murteesse horiin, nami, latti maatii ifii irraa inni dhaale tokkolle hin gurguramin yookiin hin wodamin. 29 Namalle yoo te'e hin wodamin; inni ijjeefamuu qaba.
30 «‹Waan latti baachu mara keessaa, midhaan biyyeen baachu yookiin midhaan mukaalle te'u kudhan keessaa tokko ka ana Mootii Waan Maraa ti. Ana Mootii Waan Maraatiifille ka woyyoome. 31 Nami kennansa ifii ka kudhan keessaa tokko kenne san wodatiisa barbaadu, gatii kennansa saniititti, harka shan keessaa harka tokko itti dabalee wodatuu ti. 32 Horii keessaa kudhan keessa tokko, ka laakkowamiisaaf ulee tissitootaa jala dabaranu mara keessaa kudhaneessoon, ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome te'uu ti. 33 Horiin kudhaneesso'oo sun badaa yookiin dansaalle te'u, nami kennu sun hin filin yookiin bakka hin buusin; horii tokko horii dhibi'ii bakka yoo buuse, lamaanuu ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomanuu ti; wodamiisaaf hin dande'anu› jedhi» jedhe.
34 Kun ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti kolbaa Israa'eliitiif karaa Muuse'eetiin kenne.