7
Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
(Mat. 8:5-13)
Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhikaateeraayyu. Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane. Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe. Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe. 10 Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.
Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Tokko Du'aa Kaase
11 Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane. 12 Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirti. 13 Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, «Hin bowin» jedheen. 14 Itti hiiqeelle raree reeffaan ba'ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba'ateerulle dhaabbate; Yesuus, «Dargaggeessa! Ani si'iin jedha ka'i!» jedhe. 15 Dargaggeessi du'e sun ol ka'ee tee'ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne. 16 Isaan martinuu sodaatanee, «Raagaan guddaan nu'uma keessaa ka'eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu'uuf dhufeera» jedhanee Waaqa galateeffatane. 17 Gurri Yesuusii biyya Yihuda'aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge
(Mat. 11:2-19)
18 Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee, 19 «Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge. 20 Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, «Yohaannisiin cuuphaan, ‹Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?› jedhee gara keeti nu ergeera» jedhaneen. 21 Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane. 22 Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. 23 Nami mamee anaan hin gufanne*Anaan hin gufanne: Anatti addii hin kutanne ka badhaadhe!» jedhe.
24 Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? 25 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. 26 Natti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. 27 Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga› jedheera. 28 Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
29 Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane.Mat. 21:32; Luq. 3:12 30 Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane. 31 Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan? 32 Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹SuusulleeSuusullee: Ulullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan. 33 Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane. 34 Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jettane. 35 Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatuWorra isii fudhatu: Ijoollee isi'ii maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe.
Dubartiin Takka Yesuus Fiqiree Issite
36 Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee'e. 37 Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaaxarii irraa hojjatante guutuu fiddee, 38 Yesuusiin duuba miila isaa bira dhaabbattee, bowaa imimmaaniin miila isaa jiitte. Achiin duuba rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxoottee, sunqataa fiqiree issite. 39 Fariisaayichi yennaa tana dhagge, «Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu» jedhee gadhaa ifiititti yaadate. 40 Yesuus isaan, «Simoon, ani waan si'itti himu qaba» jedhee dubbate.
Innille «Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!» jedhe. 41 Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu§Mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu: Dinaara dhibba shan liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu*Mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu: dinaara shantama liqeeffate. 42 Isaan lamaanuu waan deebisanee kaffalanu dhabanee jennaan, inni akkasumaan isaaniif lakkise. Jara lamaan tana keessaa kamitti irra isa jaalata? 43 Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaalata natti fakkaata» jedhe.
Yesuus, «Dhugaa jette» jedheen. 44 Achiin duuba gara dubartitti'ii garagalee, Simooniin, «Dubartii tana dhaggitaa? Yennaa ani mana keeti dhufe ati bisaan miilaa naaf hin kennine. Isiin ammoo imimmaan ifiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. 45 Ati sunqattee na hin fudhanne, isiin ammoo haga ani dhufee jalqaddee miila kiyya sunqatiisa hin lakkinne. 46 Ati mataa kiyya zayitiiZayitii: Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu isaan zayitii iffatan hin issine, isiin ammoo fiqiree gatii guddo'oo miila kiyya issite. 47 Maarre, ani si'iin jedha, jaalalli guddaan isiin mudhitte kun, cubbuu isi'ii heddu'uuf araarri akka kenname mirkaneessa. Nami araarri diqqaan kennameef ammoo, jaalala diqqaa callaa mudhisa» jedhe. 48 Achiin duuba Yesuus dubartitti'iin «Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe. 49 Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, «Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?» wol woliin jedhane. 50 Yesuus ammoo dubartitti'iin, «Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.

*7:23 Anaan hin gufanne: Anatti addii hin kutanne

7:29 Mat. 21:32; Luq. 3:12

7:32 Suusullee: Ulullee

7:35 Worra isii fudhatu: Ijoollee isi'ii

§7:41 Mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu: Dinaara dhibba shan

*7:41 Mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu: dinaara shantama

7:46 Zayitii: Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu isaan zayitii iffatan