6
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
(Mat. 12:1-8; Mar. 2:23-28)
1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane. 2 Fariisaayoti gariin, «Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?» jedhanee gaafatane. 3 Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee? 4 Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhooggu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» jedheen. 5 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti» jedhe.
Yesuus Namicha Harka Laashoweeru Tokko Fayyise
(Mat. 12:9-14; 3:1-6)
6 Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. 7 Barsiisoti Seera Muuse'eetii*Barsiisoti Seera Muuse'ee: Hiikkaan gariin barreessitoota qofa jedha. fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. 8 Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, «Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!» jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate. 9 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?» jedhe. 10 Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, «Namichaan harka keeti diriirfadhu» jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye. 11 Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
(Mat. 10:1-4; Mar. 3:13-19)
12 Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule. 13 Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase. 14 Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, 15 Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, «Hinaatticha» jedhamee beekkame, 16 Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a.
Barsiisiisaa Fi Dhibamaa Fayyisiisa Yesuusii
(Mat. 4:23-25)
17 Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti; 18 isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane. 19 Hunni fayyittu isa irraa bayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante.
Gammadaa Fi Gadda
(Mat. 5:1-12)
20 Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee,
«Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a†Gammada'a: Ka badhaatane, ka eebbifantane;
mootummaan Waaqaa teessan!
21 Isin worri amma beelottanu gammada'a;
hin quuttan!
Isin worri amma boottanu gammada'a;
hin kollitan!
22 «Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrassitee gurra isin balleessite, gammada'a!1 Phex. 4:14 23 Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite.
24 «Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e;
ka isin gewu fudhattaneertan‡Ka isin gewu fudhattaneertan: Biyya lafaatittuu gammaddaneertan, qananootaneertan!
25 Isin worra amma quuttaneef aanne'e;
hin beelottan!
Isin worra amma kolluuf aanne'e;
gadditanee hin boottan!
26 «Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasuma tolchite.
Diinota Jaalachuu
(Mat. 5:38-48; 7:12)
27 «Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a. 28 Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a! 29 Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin! 30 Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin. 31 Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a.
32 «Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaalatu jaalatan. 33 Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan. 34 Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan. 35 Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a. 36 Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a.
Namatti Muriisa
(Mat. 7:1-5)
37 «Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqille isiniif hin araarama. 38 Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe. 39 Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an. 40 Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a.
41 «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne? 42 Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe.
Muki Midhaan Ifiitiin Beekkama
(Mat. 7:16-20; 12:33-35)
43 «Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu. 44 Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu. 45 Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Namoota Mana Ijaaranu Lamaan
(Mat. 7:24-27)
46 «Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‹Goottaa, Goottaa› jedhaa na waantan. 47 Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa. 48 Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne. 49 Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute» jedhe.