5
Yesuus Barattoota Jalqabaa Waame
(Mat. 4:18-22; Mar. 1:16-20)
Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii*Abbaayaa Genesaarexii: Abbaayaa Galiila'aa dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite. Inni hoboloota lamaan qarqara abbaaya'aatitti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise.Mat. 13:1-2; Mar. 3:9-10; 4:1 Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, «Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a» jedhe. Simoonille, «Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa» jedheen. Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane.Yoh. 21:6 Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatataneHaatatane: Harkaan, ilaan, mataa raasiisaan waamane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane. Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, «Goottaa kiyya ani cubbichaa, natti hin dhikaatin!» jedhe. Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. 10 Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, «Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta» jedhe. 11 Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane.
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
(Mat. 8:1-4; Mar. 1:40-45)
12 Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, «Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e na fayyisiFayyisi: Qulleessi» jedhee kadhate. 13 Yesuus harka ifii diriirfatee, isa qabee, «Hin fedha fayyi» jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise. 14 Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee seere. 15 Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte. 16 Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate.
Yesuus Namicha Laashoweeru Tokko Fayyise
(Mat. 9:1-8; Mar. 2:1-12)
17 Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiiyyu. 18 Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. 19 Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane§Ijaarsi mana Yihudootaa keenna irraa waan goruuf heellichoo manaa saaqanee deebisu'uuf hin dande'an. 20 Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, «Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe. 21 Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, «Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?» jedhaa yaadatane. 22 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? 23 ‹Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii ideem› jechu'utti kaso'o? 24 Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!» jedhe. 25 Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme. 26 Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, «Adha baasa guddaa dhaggine!» jedhaa Waaqa galateeffatane.
Yesuus Lewwii Waame
(Mat. 9:9-13; Mar. 2:13-17)
27 Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. 28 Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe. 29 Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddoo Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran. 30 Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?» jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane. 31 Yesuus deebisee, «Worra fayyaa hin qanneef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. 32 Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
(Mat. 9:14-17; Mar. 2:18-22)
33 Namooti gariin Yesuusiin, «Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan» jedhane. 34 Yesuus deebisee, «Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame*Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame: Hiikkaan gariin jaaloti jedha adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu! 35 Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman» isaaniin jedhe. 36 Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, «Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu. 37 Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada. 38 Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte! 39 Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin bayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ta baate woyya› jedha» jedhe.

*5:1 Abbaayaa Genesaarexii: Abbaayaa Galiila'aa

5:3 Mat. 13:1-2; Mar. 3:9-10; 4:1

5:6 Yoh. 21:6

5:7 Haatatane: Harkaan, ilaan, mataa raasiisaan waamane

5:12 Fayyisi: Qulleessi

§5:19 Ijaarsi mana Yihudootaa keenna irraa waan goruuf heellichoo manaa saaqanee deebisu'uuf hin dande'an

*5:34 Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame: Hiikkaan gariin jaaloti jedha