4
Ataabamuu Yesuusii
(Mat. 4:1-11; Mar. 1:12,13)
Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanosiitii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse. Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa hin nyaanne; tanaaf dhuma guyyoota saniititti inni beelowe. Seexanni isaan, «Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji» jedhe. Yesuus deebisee, «Barreeffam woyyichi, ‹Nami sagalee calla'aan hin le'u› jedha» jedhe. Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise. Seexanni Yesuusiin, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan naaf kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin dande'a. Maarre yoo naaf sagadde, kun maraa keeti te'a» jedheen. Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keetiif sagadi; isa calla'aafille tajaajili!› jedha» jedheen. 9-11 Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban› waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi» isaan jedhe. 12 Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, ‹Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin› jedha» jedheen. 13 Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme.
Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe
(Mat. 4:12-17; Mar. 1:14,15)
14 Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame. 15 Inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse.
Yesuus Naaziretitti Tuffatame
(Mat. 13:53-58; Mar. 6:1-6)
16 Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e, 17 kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee,
18 «Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira,
worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera.
Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf,
worra ballaa akka dhaggisiisuuf,
worra miicame akka baasuuf,
19 woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle
akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.
20 Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte. 21 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe. 22 Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, «Inni ilma Yoseefiitii motii?» jedhane. 23 Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe. 24 Itti dabaleelle, «Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu. 25 Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti. 26 Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne. 27 Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine» jedhe. 28 Worri mana waaqonfannaa Yihudootaa keessa jiranu martinuu yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane. 29 Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane. 30 Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme.
Namicha Ayyaana Hama'aan Qabameeru Tokko
(Mar. 1:21-28)
31 Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise. 32 Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane. 33 Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqonfannaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon, 34 «Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti» jedhee iyye.
35 Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! Keessalle'ee bayi!» jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye.
36 Kolbaan martinuu baaseffatee, «Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman» wol woliin jette. 37 Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame.
Yesuus Worra Dhibamaa Hedduu Fayyise
(Mat. 8:14-17; Mar. 1:29-34)
38 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane. 39 Maarre Yesuus itti dhikaatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte*Areerte: Yookiin keessummeessite. 40 Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise. 41 Durriisotille Yesuusiin, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge.
Yesuus Manoota Waaqonfannaa Yihudootaa Keessatti Lallabe
(Mar. 1:35-39)
42 Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante. 43 Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame» jedhe. 44 Maarre inni manoota waaqonfannaa Yihudootaa ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe.

*4:39 Areerte: Yookiin keessummeessite