3
Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa
(Mat. 3:1-12; Mar. 1:1-8; Yoh. 1:19-28)
Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane. Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte. Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhee lallabe. Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, «Nami tokko goomolee keessatti, ‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!
«‹Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti. Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga› » jedhee barreesseera.
Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime? Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima. Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama» jedhe. 10 Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte 11 Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle worra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe. 12 Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, «Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?» jedhanee isa gaafatane. 13 Yohaannis isaaniin, «Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a» jedhe 14 Loltooti gariin, «Nuuti hore? Maan goona?» jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, «Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keessan isiniif gewuu ti» jedhe. 15 Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, «Yohaannis Masiihii*Masiihii: Kiristoos te'innaa?» jettee mante. 16 Yohaannis, «Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka na caalu ammoo na duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. 17 Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobaneeWobanee: Wobansaa yookiin horooroo ittiin hafarsu harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba» jedhe. 18 Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe. 19 Heroodisiin bulchaan, Heroodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe.Mat. 6:17-18 20 Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche.
Cuuphamiisa Yesuusii
21 Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee, 22 Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya jaalatama'a. Ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.
Hidda Dhaloota Yesuusii
(Mat. 1:1-17)
23 Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eli'ii isa seete. 24 Eliin ka Maataa'aa, Maataan ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii, 25 Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee, 26 Naageen ka Maa'aatii, Maa'aat ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoose'ee, Yooseen ka Yooda'aa, 27 Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Neerii 28 Neeri ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii, 29 Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yoraamii, Yoraam ka Maataatii, Maataat ka Lewwii, 30 Lewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaamii, Yoonaam ka Eliyaaqimii, 31 Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawitii, 32 Daawiti ka Iseyii, Isey ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii, 33 Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaramii, Aaram ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii, 34 Yaaqoob ka Yisihaqii, Yisihaq ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Seruugii, 35 Seruug ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Ebeerii, Ebeer ka Shala'aa, Shalaan ka Qayinaanii, 36 Qayinaan ka Arfaaksaadii, Arfaaksaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laamek ka Matusaala'aa, 37 Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalalelii, Mahalalel ka Qayinaanii, Qayinaan ka Enoshii, 38 Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti.

*3:15 Masiihii: Kiristoos

3:17 Wobanee: Wobansaa yookiin horooroo ittiin hafarsu

3:19 Mat. 6:17-18