2
Dhaloota Yesuusii
(Mat. 1:18-25)
Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugusxoos ajaja baase. Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e. Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa*Goongaa: Gonboo keessa irkitte.
Tissitootaa Fi Ergantoota Waaqaa
Dirree adaala biyya saniititti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiranTissitooti horii halkaniin tissaa bulanu: Tissitooti horii miree yookiin foora bulchanu. Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane. 10 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe. 11 Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. 12 Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe. 13 Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee, 14 «Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane. 15 Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, «Ka'aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!» woliin jedhane. 16 Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami'ii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane. 17 Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane. 18 Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane. 19 Maariyaamiin ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte. 20 Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane.
Yesuus Maqaa Baasane
21 Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase «Yesuus» jedhane. 22 Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane. 23 Seera Gootta'aa keessatti, «Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a» jedhantee barreeffanteerti. 24 Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin maddoo lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane. 25 Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira. 26 Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise. 27 Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetitti waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime. 28 Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee,
29 «Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta,
ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessiAddee dhuga'aa geessi: Na fudhadhu.
30-31 Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite,
ilti tiyya dhaggiteerti.
32 Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun,
kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida» jedhee Waaqa galateeffate.
33 Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbate baaseffatane. 34 Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, «Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee, 35 yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka shallaagaa qaramee gadhaa keeti hin woraana» jedhe. 36 Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e. 37 Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte. 38 Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte.
Gara Naaziretii Deebi'ane
39 Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane.Mat. 2:23 40 Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira.
Yesuus Yennaa Ijoollichaa Galma Waaqaa Keessatti Hafe
41 Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan. 42 Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane. 43 Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne. 44 Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane. 45 Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane. 46 Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane. 47 Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane. 48 Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette.
49 Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?» isaaniin jedhe. 50 Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
51 Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte. 52 Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate.

*2:7 Goongaa: Gonboo

2:8 Tissitooti horii halkaniin tissaa bulanu: Tissitooti horii miree yookiin foora bulchanu

2:29 Addee dhuga'aa geessi: Na fudhadhu

2:39 Mat. 2:23