Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii
Ka Luqaas Barreesse
Seensa
Wongeelli Luqaasii, bara heddu'uun duratti hin dhufa jedhamee ka raagotaan himameef, worri addiin tun kennanteef kolbaan Israa'elii ka eegataa turte, «Masiihii», akkasuma, «Fayyisaa» sanyii nama maraa akka te'e mudhisiisaan Yesuus dhikeessa. Luqaas Yesuus, «Hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka lallabuuf» Abbaa biraa akka ergamee fi Oduun Gammadaa tunille namoottaan rakkinna adda addaa qabanuuf ta fala qaddu akka teete odeessa. Wongeela Luqaasii keessatti marroo dhufiisa Yesuusii foorota dubbatanu ka jalqabaatii fi marroo gara ol-gubba'aa bayiisa Yesuusii, foorota dubbatanu ka dhumaa keessatti ifa tolfamee ka himame irra caalaa marroo gammadaa ti. Yesuus gara ol-gubba'aa bayeen duuba dhugeeffannaan kiristaanaa attam akka guddattee fi akka badhatte dabarsiin hintu kitaaba Hujii Ergantootaa keessatti barreessaa kanaanuu himanteerti.
Marroo faaruu ergantoota Waaqaa, yennaa Yesuus dhalate tissitooti akka dhaqanee ilaalane, Yesuus yennaa ijoollumma'aa gara Galma Waaqaa akka dhaqe, marroo namicha gosa Samaariya'aa naasaleessaatii fi ilma badee dhaggamee dabarsiin dubbattu kitaaba Luqaasii keessa calla'atti dhagganti. Wongeela kana keessatti jalqabaa haga dhumaatitti xiyyeeffannaan guddoon ka kennanteef, marroo daadimataa, marroo Ayyaana Woyyichaa, tajaajila Yesuusii keessatti marroo qooda dubartooti qabanuutii fi cubbuu araaramuu Waaqaa ti.
Haadhoo Dubbi'ii
Itti Seensa1:1-4
Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aatii fi Yesuusii1:5—2:52
Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa3:1-20
Cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii3:21—4:13
Yesuus Galiilaa keessatti tajaajila jalqabuu4:14—9:50
Galiila'aa gara Yerusaalemii9:51—19:27
Torbaan dhumaatitti Yerusaalemii fi adaala isi'iititti19:28—23:56
Du'aa ka'a, mudhatiisaa fi ol bayiisa Gootta'aa24:1-53
1
Itti Seensa
1 Ulfaataa Tewoofiloos!
Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran. 2 Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane. 3 Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee natti mudhatte. 4 Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe.
Dhalooti Yohaannisii Cuupha'aa Duraanuu Himame
5 Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiiya'aa keessaa hayyichi Zakaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama. 6 Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane. 7 Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran. 8 Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakaariyaasii waan teeteef, Zakaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate. 9 Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame. 10 Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti. 11 Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakaariyaasitti mudhate. 12 Zakaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. 13 Ergantichi Waaqaa ammoo, «Zakaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. 14 Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. 15 Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. 16 Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. 17 Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema» isaan jedhe.
18 Zakaariyaas Erganticha Waaqaatiin, «Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra» jedhe.
19 Ergantichi Waaqaalle, «Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe. 20 Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu» jedhee deebise. 21 Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte. 22 Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne. 23 Yennaan Zakaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale. 24 Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte. 25 Isiin, «Goottaan tana naaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge» jette.
Dhalooti Yesuusii Duraanuu Himame
26 Elsaabeex ulfoottee ji'a jayeesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, 27 gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. 28 Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!» isi'iin jedhe.
29 Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee «Kun nageya attamiiti?» jettee yaadatte. 30 Ergantichi Waaqaa isi'iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. 31 Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. 32 Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. 33 Inni kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
34 Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?» jette.
35 Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. 36 Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a jayeesso'oo ti. 37 Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu» jedhe. 38 Maarre Maariyaam, «Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette naaf teetuutii!» jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme. 39 Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe. 40 Isiin mana Zakaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute. 41 Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee, 42 qoonqoo ol qabattee, «Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame! 43 Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka na dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf naa te'e? 44 Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale. 45 Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate» jette.
Faaruu Maariyaami'ii Ta Galataa
46 Maariyaam:
«Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;
47 ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
48 Inni garbittii ifii
gad aantuu qaabateera.
Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.
49 Waaqi dande'aan waan guddoo naaf godhe.
Maqaan isaalle woyyicha.
50 Marartiin*Marartiin: Naasuun isaa worra isa sodaatuuf
dhalootaa haga dhalootaa ti.
51 Inni dandeettuu irree†Irree: Hirree ifii mudhisee,
worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.
52 Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
53 Worra beelowe waan dansa'aan quussee,
dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.
54-55 Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee,
marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera» jette.
56 Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite.
Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aa
57 Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette. 58 Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane. 59 Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. 60 Haati isaa ammoo, «Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba» jette. 61 Isaan isi'iin, «Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru» jedhane. 62 Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. 63 Zakaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane. 64 Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate. 65 Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante. 66 Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, «Mucaan kun maan te'inna laati?» jedhanee yaadatane.
Raaga Zakaariyaas Dubbate
67 Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee,
68 «Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef,
Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu!
69 Sanyii Daawitii tajaajilaa ifii irraa,
fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera.
70 Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee,
71 diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera.
72 Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi
gondooroo woyyittii ifii qaabate.
73-75 Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi
balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale.
76 Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta,
karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta.
77 Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun,
beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta.
78 Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a.
Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa.
79 Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa;
miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.
80 Mucaan guddatee, Ayyaanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e.