16
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat. 28:1-8; Luq. 24:1-12; Yoh. 20:1-10)
1 Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobii, Saloomeelle dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane. 2 Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awwaalaa dhaqane. 3 Isaan kara'atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?» woliin jedhane. 4 Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane. 5 Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
6 Inni ammoo, «Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a! 7 Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha'aa hima'a» isaaniin jedhe.
8 Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa bayanee baqatane. Isaan waan sodaataneeranuuf eennulle'etti womaa hin dubbanne.
Yesuus Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate*Woraabbi'ii fi hiikkaan durii gariin laakkossa 9-10 irratti, «Dubartooti gara Pheexroosiitii fi jaalota isaa dhaqanee, waan dhage'ane gabaassanee isaanitti himane. Kanaan duuba Yesuus ifumaafuu karaa barattoota ifiitiin ergaa fayyinna bara baraa woyyitti'ii fi ta haga bara baraa jiraattu karaa aduun baatuu haga aduun seentuutitti erge» jedhu qaban.
(Mat. 28:9-10; Yoh. 20:11-18)
[ 9 Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate. 10 Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo bowiisatti jiranuu dhaxxee hinte. 11 Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhugeeffanne.
Yesuus Barattoota Lamaanitti Mudhate
(Luq. 24:13-35)
12 Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu akka dhibi'iin itti mudhate. 13 Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.
Yesuus Barattoota Kudhanii Tokkotti Mudhate
(Mat. 28:16-20; Luq. 24:36-49; Yoh. 20:19-23; HuE. 1:6-8)
14 Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame. 15 Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a. 16 Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama. 17 Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan; 18 Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe.
Yesuus Gara Ol-gubba'aa Deebi'e
(Luq. 24:50-53; HuE. 1:9-11)
19 Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e.HuE. 1:9-11 20 Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]†Woraabbiin gariin laakkossa 9-20 Wongeela Maarqoos barreesse keessatti hin qabanu
*16:8 Woraabbi'ii fi hiikkaan durii gariin laakkossa 9-10 irratti, «Dubartooti gara Pheexroosiitii fi jaalota isaa dhaqanee, waan dhage'ane gabaassanee isaanitti himane. Kanaan duuba Yesuus ifumaafuu karaa barattoota ifiitiin ergaa fayyinna bara baraa woyyitti'ii fi ta haga bara baraa jiraattu karaa aduun baatuu haga aduun seentuutitti erge» jedhu qaban.
16:19 HuE. 1:9-11
†16:20 Woraabbiin gariin laakkossa 9-20 Wongeela Maarqoos barreesse keessatti hin qabanu