18
Mammaassa Haadha Hiyyeessaatii Fi Abbaa Mura'aa
Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhanne barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee: «Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessine tokko qachaa tokko keessa jira. Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‹Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa naaf muri› jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti. Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‹Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle, haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa na hin hifachiinne isi'iif hin mura› jedhee ifiin dubbate» jedhe. Goottaan, «Waan abbaan mura'aa jallaamessi sun jedhe dhage'aa! Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan qarqaariisaaf hin hancaaraa? Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?» jedhe.
Mammaassa Fariisaayichaatii Fi Namicha Qaraxa Guuruu
Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: 10 «Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Fariisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. 11 Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‹Waaqa, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaamessa, gaarayyeeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha. 12 Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna› jedhee daadimate. 13 Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‹Waaqa, na cubbicha marari!› jedhe. 14 Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata» jedhe.
Yesuus Daa'immaan Eebbise
15 Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane. 16 Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, «Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a. 17 Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu» jedhe.
Namicha Dureessa Tokko
(Mat. 19:16-30; Mar. 10:17-31)
18 Bulchaan Yihudootaa tokko, «Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?» jedhee Yesuus gaafate. 19 Yesuus deebisee, «Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. 20 Ati ajaja, ‹Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teetiif ulfinna kenni!› jedhu hin beetta» jedhe.
21 Namichi deebisee, «Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera» jedhe. 22 Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, «Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba koyiitii na hordof!» jedhe. 23 Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde. 24 Yesuus akka namichi gadde dhaggee, «Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam attam rakkisa'a! 25 Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o» jedhe.
26 Worri kana dhage'e, «Yoona eentu fayyuu dande'a ree?» jedhee gaafate. 27 Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti» jedhe.
28 Achiin duuba Pheexroos, «Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra» jedhe.
29 Yesuus deebisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkise, 30 bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata» isaaniin jedhe.
Yesuus Marroo Du'a Ifii Sadeessoo Dubbate
(Mat. 20:17-19; Mar. 10:32-34)
31 Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, «Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti. 32 Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan. 33 Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.
34 Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne.
Yesuus Kadhatticha Ballaa Tokko Fayyise
(Mat. 20:29-34; Mar. 10:46-52)
35 Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu. 36 Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'iisatti jiru gaafate. 37 Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane. 38 Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye. 39 Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye.
40 Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, 41 Yesuus «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe.
42 Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen. 43 Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.