19
Yesuusii Fi Zakkewoos
Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbaadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i» jedheen. Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate. Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume.
Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, «Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe.
Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. 10 Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.
Mammaassa Worra Saantimiin Worqi'ii Itti Kennantee
(Mat. 25:14-30)
11 Adoo isaan tana dhage'iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seeteertuuf, itti mammaakee, 12 «Nami ulfinnaa*Nami ulfinnaa: Abbaan qoro'oo tokko mootii te'ee deebi'iisaaf, biyya fago'oo dhaqe. 13 Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi'ii kudhan itti kennee, ‹Haga ani deebi'utti daddala'aatii bu'aa buusa'a› jedhe. 14 Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‹Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu› jettee ergantoota isa faana ergite.
15 «Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise. 16 Tajaajilaan duraa dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen, saantimii worqi'ii harka kudhan buufadheera› jedheen. 17 Mootichi isaan, ‹Tajaajilaa kiyya dansa'a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si'iif hin kenna› jedhe. 18 Tajaajilaan lammeesso'oolle dhufee, ‹Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati natti kenniteen harka shan buufadheera› jedhe. 19 Mootichi isaan, ‹Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta› jedhe. 20 Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‹Gootta'a, saantimiin worqi'ii teeti kunoo ti; hoccu'uun maree dhosseera. 21 Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta› jedhe. 22 Goottaan isaa, isaan, ‹Tajaajilaa hama'a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te'e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te'e eega beettee, 23 beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatuttiWorra dhalaan liqeeffatutti: Yookiin mana baanki'iititti maaf hin kuusin maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi'e, dhala woliin hin fudhadhaayyu› jedhe. 24 Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‹Saantimii worqi'ii san isa irraa fuudha'aatii tajaajilaa saantimii worqi'ii kudhan qabuuf kenna'a!› jedhe. 25 Isaan ammoo, ‹Gootta'a, inni duruu kudhan qaba!› jedhaneen. 26 Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama.Mat. 13:12; Mar. 4:25; Luq. 8:18 27 Amma ammoo diinota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida'aatii ila tiyya duratti gorra'a'a!› jedheen» jedhe.
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
(Mat. 21:1-11; Mar. 11:1-11; Yoh. 12:12-19)
28 Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme. 29 Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin, 30 «Gara olloota isiniin duraa dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika'aatii as fida'a. 31 Eennulle, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada› jedha'aan» jedhe. 32 Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane. 33 Adoo isaan ilmayyoo harre'ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre'ee, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhee isaan gaafate.
34 Isaan deebisanee, «Gootta'atti barbaada» jedhane. 35 Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane.
36 Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara'atti atte. 37 Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggite maraaf gammaddee, qoonqoo guddo'oon, 38 «Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.
39 Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!» Yesuusiin jedhane. 40 Yesuus ammoo deebisee, «Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan» jedhe.
Yesuus Yerusaalemiif Bowe
41 Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, boweefii, 42 «Adhumalle waan nageya si'ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera! 43 Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa. 44 Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoolleeIjoollee: Kolbaa teeti ta dalleya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu» jedhe.
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
(Mat. 21:12-13; Mar. 11:15-19; Yoh. 2:13-22)
45 Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase. 46 Inni isaaniin, « ‹Manni kiyya mana daadimataa te'a› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane» jedhe.
47 Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Sooreyyiin hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjeesiisaaf barbaadane.Luq. 21:37 48 Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne.

*19:12 Nami ulfinnaa: Abbaan qoro'oo

19:23 Worra dhalaan liqeeffatutti: Yookiin mana baanki'iititti maaf hin kuusin

19:26 Mat. 13:12; Mar. 4:25; Luq. 8:18

19:44 Ijoollee: Kolbaa

19:47 Luq. 21:37