2
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, hayyootaan, «Ee hayyoota! Ajaji kun isiniif baye; isin yoo naaf dhage'uu diddane, maqaa kiyyaaf ulfinna kenniisaaf yoo itti yaaduu dhaddane, ani abaarsa isin irratti hin erga; eebbaa keessanille abaarsatti hin jijjiirra; waan isin ulfinna naaf kenniisaaf itti yaaduu dhaddaneef, dhuguma ani ammaayyuu isin abaareera. Kunoo, ani sababa keessaniif jedhee, sanyii teessan hin xixa; cumaa horii isin ciinca'aaf qaltanee fuula keessanitti hin diba; cumaa san wolille'een fuula kiyya duraa hin gatantan. Achiin duuba gondooroon tiyya ta ani Lewwii woliin godhe akka hin diiganne, ajaja kana akka ani kenne hin beettan.
«Gondooroon tiyya ta isa woliin godhe sun gondooroo jiru'uu fi nageyaa ti; tana akka inni na ulfeessu isaaf kenne; innille na sodaatee maqaa kiyya ulfeesse. Barsiisa dhuga'aa barsiise; dubbiin dabaa afaan isaa keessaa hin baane. Inni nageyaa fi qajeelumma'aan na woliin le'ee, namoota hedduu yakkaa irraa deebiseera. Hayyichi beekkumsa dhuga'aa hin eega; inni ergamaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee waan te'eef, nami afaan isaa keessaa barumsa hin barbaada. Isin ammoo karaa irraa gortanee namoota hedduulle barsiisa keessaniin gufachiittaneertan; gondooroo ani Lewwii woliin godhelle diiddaneertan. Waan isin ajaja kiyya eeguu diddanee, seera kiyya yennaa barsiittanulle nama wol caalchittanuuf, ani ammoo gosa mara duratti akka tuffatantanuuf akka qaanottanu godha» jedha.
Waaqaaf Addatamuu Dhaba Kolbaa Yihuda'aa
10 Marti keenna abbaa tokkocha qannaa motii? Waaqa tokkochattuu nu maraayyuu dadee motii? Maaniif nuuti wolii wolii keennaaf addatamuu dhannee, wol irratti ka'iisaan gondooroo Mootiin Waan Maraa abbootii teenna woliin godhe maaf diinna ree? 11 Kolbaan Yihudaan hin addatanne; Israa'elii fi Yerusaalem keessatti waan Waaqi jibbu hujane; isaan dubartoota waaqota dharaa waaqonfattu fuudhanee addee Galma Waaqaa san batteessan. 12 Eennulle nama waan akkasii huju kanaaf yoo falmate, yookiin akka inni fudhatama dhaggatu yoo dubbate, yookiin isaaf Mootii Waan Maraa Ka bara baraa ka dada mara ajajuuf kennansa yoo dhikeesse, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade nama san sanyii Yaaqoobii keessaa balleessuu ti.
13 Wonni dhibiin isin gootanu ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa imimmaaniin dhixxan; haganaa achi Mootiin Waan Maraa kennansa keessan gammadaan waan isin irraa hin fudhanneef, hin boottan; hin iyyitanille'e. 14 Isin «Kun maaf te'a?» jettanee gaafatan; isin waa'ela teessan ta teetee muttaaraa teessaniif addatamuu waan dhaddaneef tun teete; Mootiin Waan Maraa isinii fi muttaaraa teessan oddu'utti dhugaa bayaa te'eeraayyu. 15 Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle'een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha'a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina'a. 16 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Ani nama niitii ifii lakkisu jibba; ani akka nama woyaa akka kaso'oon uffatuu nama waan hantuu godhulle jibba; tanaaf ifi eeggadha'a; addatamummaalle hin dhabina'a!» jedha.
Guyyaan Mura'aa Dhikaate
17 Isin jechoota keessaniin Mootii Waan Maraa dadhassiittaneertan; ammoo, «Attamiin isa dadhassiinne?» jettanee gaafattan; isin «Worri waan hantuu huje martinuu Mootii Waan Maraa duratti dansa'a; inni isaanitti hin gammada; yookiin abbaan muraa dhuga'aa eessa jira?» jettanee gaafatiisaan isa dadhassiittan.