Kitaaba Milkiyaasii Raagichaa
Seensa
Kitaab Milkiyaasii raagichaa dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shaneesso'oo keessa Galmi Waaqaa ka Yerusaalem keessaa deebifamee ijaarameen duuba dhaggame; raagichi akka hayyootii fi kolbaan gondooroo Waaqa woliin galane haaressanu jabeessee yaadachiisa; kolbaan Waaqaa jiruu ifiitii fi Waaqa waaqonfatiisaan akka laatteertuu fi addatama dhidhitteertu ifa. Hayyootaa fi kolbaan ciincaa isaaf male kenniisa dhabiisaa fi akka barsiisa isaatitti le'iisa dhabiisaan Waaqa sobiisatti jiraniiyyu. Waaqi ammoo akka karaa qopheessuu fi gondooroo lallabuuf, ergamaa ifii dursee ergee kolbaa ifiititti muriisaa fi qulqulleessiisaaf hin dhufa.
Haadhoo Dubbi'ii
Jaalala Waaqi kolbaa Israa'eliitiif qabu1:1-5
Mootiin Waan Maraa Hayyoota Xixe1:6—2:9
Waaqaaf addatamuu Dhaba Kolba'aa2:10-16
Guyyaan Mura'aa Dhikaate2:17
Dhufa Mootii Waan Maraa3:1-5
Kudhan Keessaa Tokko Kennuu3:6-12
Marartii Waaqi Kenniisaaf Waadaa Gale3:13-18
Guyyaa Mura'aa4:1-6
1
Ergaan tun ta Mootiin Waan Maraa karaa raagicha Milkiyaasiitiin kolbaa Israa'eliitiif dubbatte.
Jaalala Mootiin Waan Maraa Kolbaa Israa'eliifii qabu
Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ani isin jaaladhe» jedha; isin ammoo, «Attamiin nu jaalatte?» jettan.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Esaawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammoo Yaaqoob jaaladhee, Esaawuu ammoo jibbe. Biyya koobittii isaalle goomolee godhee, lafa inni dhaalu jeedala goomole'eetiif lakkise» jedhe.
Sanyiin Esaawuu worri Edoomii, «Qachooti keenna diigamanee turaneeran; amma ammoo ka diigamane san deebinnee hin ijaarra!» hin jedhan; ammoo Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isaan hin ijaaran; ani ammoo hin diiga. Kolbaan ‹Biyyi sun biyya hantu'u; kolbaan biyya saniille kolbaa Mootiin Waan Maraa baraa haga bara baraa itti mufate› hin jetti.
«Isin kolbaan Israa'elii tana ila teessaniin dhaggitanee, ‹Meessaa Israa'eliitiin alattille Mootiin Waan Maraa gudda'a› hin jettan» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hayyoota isa tuffatanuun, «Ilmi abbaa ifii, hojjataan hojjachiisaa ifii hin ulfeessa; adoo ani abbaa keessan te'eeruu maaf na ulfeessuu dhaddane ree? Adoo ani hojjachiisaa te'eeruu maaf na sodaatuu dhaddane ree? Isin ammoo, ‹Attamiin si tuffanne?› jettanee gaafattan. Isin sagalee battootte addee ciincaan kiyya itti ciinceffamutti ciincessitan; achiin duuba, ‹Attamiin addee ciinca'aa batteessine?› jettanee gaafattan. Dabaltaneelle, ‹Addeen Mootii Waan Maraatiif ciincaan itti ciinceffamu ka tuffatame› jettan. Horii ballaa yookiin dhibamaa yookiin naafa ciinca'aaf yennaa dhikeessitanu, kun waan gadhe'ee motii ree? Me waan akkasii bulchaa keessaniif dhikeessa'a! Inni isinitti hin gammadaa? Gammadee isin irraa hin fudhataa?» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isin waan akkasii ana Mootii Waan Maraatiif ciincaa ciincessitanee akka ani isiniif araaramu yoo daadimattane, kun dokonkora keessan. 10 Ani isinitti hin gammadu; ciincaa isin naaf ciincessitanu isin irraa waan hin fudhanneef, akka isin addee ciincaan kiyya itti ciinceffamu irratti ibidda hin gabbinne, maaloo nami isin keessaa balbala Galma Waaqaa cufu adoo jiraatee! 11 Maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti guddaa hin te'a; maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti guddaa waan te'eef, addee maratti ulfinna maqaa kiyyaatiif hixaannii fi kennansi qulqulluun hin dhikeeffama.
12 «Isin ammoo, ‹Addeen Mootii Waan Maraa ka dada maraatiif ciincaa itti ciincessanu ta battootte› jettanee sagalee tuffatante achi irratti yennaa dhikeessitane addee ciinca'aa san batteessitane. 13 Dabaltaneelle, ‹Kun eloo qofa!› jettanee itti murgitan; isin horii hatame, horii naafa, horii dhibame fiddanee ciincaa ciincessitan; ani kana ani isin irraa hin fudhadha seetanii? 14 Nami hoolee ifii keessaa korbeessa fafa hin qanne ka ana Mootii Waan Maraatiif waadaa galeeru adoo qabuu, addee isaa horii fafa qabu sobaan dhikeessu ka abaarame te'uu ti! Ani mootii guddaa waan te'eef, maqaan kiyya gosa biyya adda addaa keessatti sodaatamaa hin te'a» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.