14
Yerusaalemii Fi Gosa Biyya Adda Addaa
Guyyaan muraa Mootii Waan Maraa dhufaara; yennaa san saantoti waan isin irraa fudhatane, ila teessan duratti hin qoqoodaman. Mootiin Waan Maraa gosi biyya adda addaa duudiin Yerusaalem akka lolanuuf wolitti isaan hin qaba. Qachaan sun hin qabatama; manni hedduun hin saamama; dubartoota hin gudeedan*Hin gudeedan: Yookiin hunnaan woliin hin rafa.. Kolbaan gamisi booji'antee deenti; worri hafe ammoo qachaa keessaa hin bayu. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akkuma dur lole gosa biyya adda addaa san loliisaaf hin ka'a. Guyyaa san miilli isaa gaara ejersaa ka Yerusaalem irraa gara aduun baatu jiru irra hin dhaabbata; gaarri ejersaa gara aduun baatu irraa haga gara aduun seentuu dhooqa guddo'oon addee lamatti hin qoodama; tanaaf gamisi gaaraa sanii gara kaabaa, gamisi gara kibbaatitti hin hiiqa. Isin dhooqa gaara addee lamatti qooddee haga Azeelii geettu keessa hin baqattan; akkuma bara Uziyaa mootii Yihuda'aa, abbootiin teessan tacho'a lafaa jalaa baqatte, isinille hin baqattan. Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya, ergantoota ifii duudii woliin hin dhufa.
Guyyaa san ifi, boojjiin yookiin qorri hin jiraatu. Guyyaan adda te'e, ka guyyaa yookiin galgala hin qanne, ka Mootii Waan Maraatiin beekkame tokko hin ite'a. Yennaa galgaloottu, ifi hin te'a.
Guyyaa san bisaan jiru'uu Yerusaalem keessaa hin burqa; gamisi isaa gara abbaayaa aduun baatuu, gamisi gara abbaayaa Mediteraaniya'aa, bonaa fi ganna hin yaa'a. Yennaa san Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duudii irratti mootii hin te'a; gaafas nami duudiin Mootiin Waan Maraa isa qofa akka te'e hin dhugeeffatan; maqaa isaa qofa waammatan.
10 Latti duudiin Gebaa gara kaabaa irraa, haga Rimoonii gara kibbaatitti dirree hin teeti. Qachaan Yerusaalemii ammoo, karra Beniyaaminii irraa kaasee, karaa karra duriitiin haga karra roga dalleyaa, akkasuma xelleephoo dhaka'aa ta Hanaani'elii irraa haga addee daadhii woynii mootichaa itti cunfanuutitti, ol ka'ee addee ifiititti hin hafa. 11 Kolbaan Yerusaalem keessa hin leeti; haganaa achi Yerusaalem deebitee hin baddu; kolbaan bidhaa malee leeti.
12 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa ta Yerusaalem loliisaaf kaatu irratti dhukkuba balaa hin fida. Adoo dhaabbataneeranuu foon isaanii hin shama; ilti isaaniitii fi arrabi isaanii hin shama.
13 Yennaa san Mootiin Waan Maraa waan guddoo naasisu isaanitti hin fida; nami tokko tokkonuu harkaan wol qabee, wol hin lola. 14 Worri Yihuda'aa Yerusaalemiif rogee hin lolan. Karri gosa biyya adda addaa ta adaala sanii duudiin worqiin hedduun, meetii heddu'uu fi woyaan hedduun wolitti hin qabaman.
15 Dhukkubi balaan sun ammalle fardoo, gaangee, gaalaa fi harree, horii addee quttumaa diinaa jiru duudii irratti hin bu'a.
16 Achiin duuba gosi biyya adda addaa, ka Yerusaalem lolane keessaa worri jiru'uun hafe duudiin, wogguma wogga'aan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaaf, jila gose'eelle jilifatiisaaf gara Yerusaalemii ol hin bayan. 17 Gosa biyya adda addaa keessaa, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mooticha waaqonfatiisaaf, gara Yerusaalemii ka ol hin baaneef, bokkeenni hin roobu. 18 Worri Gibxi'iille jila san jilifatiisaaf gara Yerusaalemii yoo ol hin bayin, bokkeya hin dhaggatanu; Mootiin Waan Maraa dhukkuba balaa, ka gosa biyya adda addaa ta gara Yerusaalemii ol baatee, jila gose'ee jilifatuu didde irratti fide san, isaan irralle'etti hin fida. 19 Adabbiin worra Gibxi'iitii fi gosa biyya adda addaa, ka ol bayanee jila gose'ee jilifatiisa didanu duudii irratti dhuttu tana. 20 Guyyaa san bilbila morma fardo'oo irratti, «Mootii Waan Maraatiif ka woyyoome» jedhamee hin barreeffama. Okkoteen Galma Waaqaa keessatti itti iffeelatanu akka qorii addee ciinca'aa irraatitti hin woyyoonti. 21 Okkoteen itti iffeelatanu ta Yerusaalem keessaatii fi Yihudaa keessaa duudiin, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef ta woyyoonte hin teeti. Worri ciincaa dhikeessiisaaf dhufu duudiin, foon ciinca'aa itti hin iffeelan. Yennaa san Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee keessatti, nami daldalu tokkolle hin jiraatu.

*14:2 Hin gudeedan: Yookiin hunnaan woliin hin rafa.