Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii
Ka Maatewoos Barreesse
Seensa
Wongeelli Maatewoosii: Yesuus fayyisaa dhufiis isaa duraanuu waadaan galame akka te'ee fi Waaqi Gondooroo Qaraa keessatti kolbaa ifiitiif gale karaa isaatiin akka muummesse Oduu Gammadaa odeessa. Oduun Gammadaa tun worra Yesuus odduu isaaniititti dhalatee guddate, Yihudoota qofaaf adoo hin te'in, biyya lafaa duudi'iif teeti.
Wongeelli Maatewoosii ifi eegganna'aan kitaaba qophoweeru. Dhaloota Yesuusiitiin jalqabee, cuuphama isaatii fi ataabama isaa, achiin duuba Galiilaa keessatti tajaajila lallaba isaa, barsiisiisaa fi fayyisiisa isaa issa. Kanaan duuba deemmaa Yesuus Galiilaa irraa gara Yerusaalemii deemee fi torbaan Yesuusii ta dhumarraa keessatti waan te'e galmeessee, fannifamiisaa fi ka'iisa isaatiin fixa.
Wongeelli kun akka barsiisaa gudda'aa, ka Seera Waaqaa hiikiisaaf baallii qabuu, ka marroo mootummaa Waaqaalle barsiisuutitti Yesuus dhikeessa. Barsiisi isaa bacaan ka marroo waan adda addaa, addee shanitti wolitti qabama:
1. Lallaba gaara irraa, ka amala, hujii, haqaa fi hiree muumme'ee ta worra mootummaa ol-gubba'aa ilaalu (foora 5-7).
2. Barattooti kudhanii lama Wongeela lallabiisaaf yennaa wolitti qabamane qajeelfama kenname (foora 10).
3. Mammaassa adda addaa ka marroo mootummaa Waaqaatiif dhikaate (foora 13).
4. Barnoota hiikkaa barattumma'aa himu (foora 18).
5. Marroo muummee bara ammaatii fi dhufiisa mootummaa ol-gubba'aa barsiisa kenname (foora 24-25).
Haadhoo Dubbi'ii
Hiddaa Fi Dhaloota Yesuus Kiristoosii1:1—2:23
Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa3:1-12
Cuuphamaa fi ataabama Yesuusii3:13—4:11
Tajaajila Yesuus Galiilaa keessatti ifatti tajaajile4:12—18:35
Galiilaa irraa gara Yerusaalemii19:1—20:34
Torbaan dhumaa irratti Yerusaalem keessaa fi adaalatti21:1—27:66
Du'aa ka'iisaa fi mudhatiisa Gootta'aa28:1-20
1
Hidda Dhaloota Yesuus Kiristoosii
(Luq. 3:23-38)
1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii sanyii Abrahaamiitii fi sanyii Daawitii kana.
2 Abrahaam Yisihaq uumate; Yisihaq Yaaqoob uumate; Yaaqoob Yihuda'aa fi obboleeyyan Yihuda'aa uumate; 3 Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa uumate; Faares Hesrom uumate; Hesrom Aaram uumate; 4 Aaram Aminaadaab uumate; Aminaadaab Nahasoon uumate; Nahasoon Salmoon uumate; 5 Salmoon Rahaab irraa Bo'az uumate; Bo'az Ruuti irraa Yoobeed uumate; Yoobeed Isey uumate; 6 Isey Daawitii mooticha uumate; Daawiti haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoon uumate; 7 Solomoon Rehobiyaam uumate; Rehobiyaam Abiiyaa uumate; Abiiyaan Asaafi uumate; 8 Asaafi Yoshaafaax uumate; Yoshaafaax Yoraam uumate; Yoraam Oziyaas uumate; 9 Oziyaas Yo'ataam uumate; Yo'ataam Akaaz uumate; Akaaz Hisqiyaas uumate; 10 Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaaseen Amos uumate; Amos Yosiyaas uumate; 11 Yosiyaas bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilonii booji'ante Yekoniyaasii fi obboleeyyan Yekoniyaasii uumate.
12 Kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilon booji'anteen duuba Yekoniyaas Salaati'el uumate; Salaati'el Zarubaabel uumate; 13 Zarubaabel Abiyuudin uumate; Abiyuudin Eliyaaqim uumate; Eliyaaqim Azor uumate; 14 Azor Zaadoq uumate; Zaadoq Akiim uumate; Akiim Eliyud uumate; 15 Eliyud Ele'azaar uumate; Ele'azaar Maattaan uumate; Maattaan Yaaqoob uumate; 16 Yaaqoob Yoseef uumate; Yoseefiin kun ka Maariyaam fuudhe; isiin, ka, «Masiihii» jedhamee moggaafame, ta Yesuus deette.
17 Tanaaf Abrahaam irraa kaasee haga Daawitiititti dhaloota kudhanii afuritti jira; Daawiti irraa kaasee haga bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabilonii booji'antetti dhaloota kudhanii afuritti jira; booji'ama gara Baabiloniitii haga dhaloota Masiihiille'etti dhaloota kudhanii afuritti jira.
Dhaloota Yesuus Kiristoosii
(Luq. 2:1-7)
18 Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante. 19 Yoseefiin isii kadhateeru sun nama balchaa waan te'eef, kolbaa duratti Maariyaamii qaanessuu hin barbaanne; maarre dhokaataan isii lakkisiisaaf yaade. 20 Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. 21 Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
22 Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. 23 Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jedhamee waamama;» «Amaanu'el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu'u.
24 Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta'aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti'iititti gara mana ifii fudhate. 25 Te'uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti'iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen.