2
Dhufa Beekkolee Urjii Qorqortuu
1 Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee, 2 «Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane. 3 Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate. 4 Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
5 Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:
6 «‹Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa!
Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa
ijjumaayyuu hin diqqaattu;
sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu
bulchaan si keessaa baya› jedhee barreesseera» jedhaneen.
7 Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate. 8 Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.
9 Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente. 10 Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane. 11 Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
12 Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.
Gara Biyya Gibxi'ii Baqatane
13 Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen. 14 Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme. 15 Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.
Ijjeechaa Ijoolle'ee
16 Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise. 17 Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte; 18 wonni inni raagelle:
«Qoonqoon Raama'atti dhage'ante,
qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti.
Raahel ijoollee ifiitiif bootte;
ijoolleen isi'ii waan dhumatteef,
jajjabaachuu didde» ka jedhu.
Biyya Gibxi'iitii Gara Naaziretii Deebi'ane
19 Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee, 20 «Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen. 21 Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e. 22 Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee, 23 raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e.