8
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
(Mar. 1:40-45; Luq. 5:12-16)
Yesuus yennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduun isa hordotte. Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta'a, yoo fedha keeti te'e na fayyisuu dandeetta» jedhe. Yesuus harka ifii diriirsee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.
Yesuus Tajaajilaa Ajajaa Dhibbaa Fayyise
(Luq. 7:1-10)
Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahoomii seene, ajajaan dhibba tokko dhufee isa kadhatee, «Gootta'a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira» jedhe.
Yesuus, «Ani dhufee isa hin fayyisa» jedhe.
Ajajaan dhibbaa ammoo, «Gootta'a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.
10 Yesuus yennaa tana dhage'e, baaseffatee worra isa hordofuun, «Ani isinitti hima, Israa'el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. 11 Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan;Luq. 13:29 12 worri mootummaa Waaqaa keessa te'uu male ammoo addee itti bowanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman» jedhe. 13 Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu» jedhe.
Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye.
Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise
(Mar. 1:29-34; Luq. 4:38-41)
14 Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge. 15 Inni harka isi'ii qabee, o'i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte.
16 Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise. 17 Wonni Isaayaasiin raagichi,
«Inni dhibee teenna fudhate,
dhukkuba keennalle ba'ate» jedhe akka muummottuuf inni tana godhe.
Worra Yesuus Hordofiisaaf Barbaade
(Luq. 9:57-62)
18 Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya'aan gamaa akka bu'anu barattoota ifii ajaje. 19 Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisa'a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa» jedheen.
20 Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedheen.
21 Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, «Gootta'a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam» jedheen.
22 Yesuus ammoo, «Ati na hordofi! Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti» isaan jedhe.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
(Mar. 4:35-41; Luq. 8:22-25)
23 Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane. 24 Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali'iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu. 25 Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, «Gootta'a, nu fayyisi! Dhumataarraa!» jedhaneen.
26 Yesuus deebisee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, maaf sodaattan?» jedheen. Achiin duuba inni ol ka'ee bubbe'ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te'e.
27 Isaan baaseffatanee, «Kun nama attamii ti? Bubbe'ee fi danbaliille hin ajajamaniif!» jedhane.
Yesuus Worra Durriisaan Qabame Fayyise
(Mar. 5:1-20; Luq. 8:26-39)
28 Yesuus abbaaya'aan gamatti bu'ee biyya Gadara'aa*Biyya Gadara'aa: Barreeffam durii durii gariin «Gergeesa'aa», kuun «Geraasa'aa» jedha yennaa dhufe, namooti durriisi keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. 29 Isaan dedhuma, «Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhuttee?» jedhaa iyyane.
30 Diqquma isaan irraa fago'otti booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. 31 Maarre durriisoti, «Ati yoo gad nu baache, booyyota sanitti nu ergi» jedhanee Yesuus kadhatane.
32 Yesuus, «Dhaqa'a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
33 Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te'e achitti odeessane. 34 Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.

8:11 Luq. 13:29

*8:28 Biyya Gadara'aa: Barreeffam durii durii gariin «Gergeesa'aa», kuun «Geraasa'aa» jedha