9
Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise
(Mar. 2:1-12; Luq. 5:17-26)
Yesuus hoboloo yaabee abbaaya'aan gamatti bu'ee gara qachaa ifii*Qachaa ifii: Qifirnaahoom (4:13 ilaali) dhufe. Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan? ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deem› jechuu irra kamittuu kaso'o? Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
Namichille ol ka'ee gara mana ifii deeme. Kolbaan yennaa tana dhaggite baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba'aaf kenne galateeffatte.
Yesuus Maatewoos Waame
(Mar. 2:13-17; Luq. 5:27-32)
Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.
Innille ol ka'ee isa hordofe.
10 Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee'ane. 11 Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane.
12 Yesuus yennaa kana dhage'e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. 13 Dhaqa'aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca'aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te'e qorqora'aatii hubadha'a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
(Mar. 2:18-22; Luq. 5:33-39)
14 Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane.
15 Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.
16 «Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti'itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shuntuurachiittee qowa duriituu ka caalu gooti. 17 Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu» isaaniin jedhe.
Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Woyaa Yesuusii Tuxxe
(Mar. 5:21-43; Luq. 8:40-56)
18 Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe. 19 Yesuus ka'ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe.
20 Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi'ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe. 21 Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte. 22 Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite. 23 Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusulleeSuusullee: Ulullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee, 24 «Asii gad baya'a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane. 25 Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi'ii qabe; intaltille ol kaate. 26 Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette.
Yesuus Namoota Ballaa Lama Fayyise
27 Yesuus achii ka'ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane. 28 Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Ee, Gootta'a!» jedhaneen.
29 Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe; 30 ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha'a, waan kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
31 Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.
Yesuus Namicha Afaan Duuda'aa Fayyise
32 Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriisi qabeeru tokko gara Yesuusii fadane. 33 Durriisi yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa'el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette. 34 Fariisaayoti ammoo, «Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.Mat. 10:25; 12:34; Mar. 3:22; Luq. 11:15
Yesuus Kolba'aaf Naye
35 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme. 36 Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa rakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef. 37 Yennaa san inni barattoota ifiitiin, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammoo diqqa'a. 38 Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha'a» jedhe.Luq. 10:2

*9:1 Qachaa ifii: Qifirnaahoom (4:13 ilaali)

9:23 Suusullee: Ulullee

9:34 Mat. 10:25; 12:34; Mar. 3:22; Luq. 11:15

9:38 Luq. 10:2