11
Worra Yohaannisiin Cuuphaan Erge
(Luq. 7:18-35)
Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaaseen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe.
Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha'aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage'ee, barattoota ifii keessaa garii ergee, «Ka hin dhufa jedhame sun si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedheen.
Yesuus deebisee, «Deebi'a'aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima'a: Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada» jedheen.
Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, «Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo*Shonbooqqoo: Yookiin gaaguroo, obbaa qilleensi daassuu? Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran! Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane. 10 Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi,
«‹Karaa keeti akka si'iin duratti qopheessu,
ani ergamaa kiyya si'iin dura erga› jedhee dubbateeru.
11 «Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala. 12 Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka'ee haga ammaa mootummaan ol-gubba'aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan. 13 Raagoti duudi'ii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganeeran. 14 Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san.Mat. 17:10-13; Mar. 9:11-13 15 Nami gurra qabu dhage'uuti.
16 «Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko'oo keessa teteettee woliin, 17 ‹SuusulleeSuusullee: Ulullee isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine› jedhanu fakkaattan. 18 Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni'ii hin unin yennaa dhufe, ‹Inni durriisa qaba› jedhane. 19 Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‹Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti» jedhe.
Qachoota Hin Dhugeeffanne
(Luq. 10:13-15)
20 Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le'anu, waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaneef komate. 21 «Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. 22 Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura'aa isin caalaa Xiiroosii fi Sidooniif irra kasoo teeti. 23 Atille Qifirnaahoom, haga gubba'aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile'ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. 24 Maarre ani sitti hima, guyyaa mura'aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti» jedhe.Mat. 10:15; Luq. 10:12
Gara Kiyya Kowa'aa Foorfadha'a
(Luq. 10:21-22)
25 Yennaa san Yesuus, «Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'ottiIjoollee didiqqo'otti: Worra beekkumsa yookiin qarummaa hin qannetti waan mudhitteef ani si galateeffadha. 26 Ee, Abba'a, waan kanatti gammaddeerta. 27 Abbaan kiyya waan mara dabarse natti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru» jedhe.Yoh. 3:35; 1:18; 10:5 28 «Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa. 29 Waanjoo§Waanjoo: Qambaraa kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. 30 Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o» jedhe.

*11:7 Shonbooqqoo: Yookiin gaaguroo, obbaa

11:14 Mat. 17:10-13; Mar. 9:11-13

11:17 Suusullee: Ulullee

11:24 Mat. 10:15; Luq. 10:12

11:25 Ijoollee didiqqo'otti: Worra beekkumsa yookiin qarummaa hin qannetti

11:27 Yoh. 3:35; 1:18; 10:5

§11:29 Waanjoo: Qambaraa