12
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
(Mar. 2:23-28; Luq. 6:1-5)
Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane. Worri Fariisaayotaa yennaa tana dhagge, «Ilaa, barattooti teeti Guyyaa Sanbataatiin waan seerri hin eeyyanne godhiisatti jirti» Yesuusiin jedhane. Yesuus deebisee, «Daawitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee? Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate. Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbataatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin laakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee? Ani isinitti hima, ka Galma Waaqaa caalu as jira. Isin ammoo, ‹Ani marartii barbaada malee, ciinca'aa moti› jechuun maan akka te'e adoo beettanee jiraattanee, worra yakkaa hin qannetti yakkaa itti hin murtanuuyyu.Mat. 9:13 Ilmi Namaa Sanbata irralle'etti Gootta'a» isaaniin jedhe.
Namicha Harka Laashoweeru Tokko
(Mar. 3:1-6; Luq. 6:6-11)
Yesuus addee san lakkisee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seene; 10 namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, «Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?» jettee isa gaafatte. 11 Yesuus deebisee, «Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu?Luq. 14:5 12 Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma» jedhe. 13 Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, «Harka keeti diriirsi» jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te'e. 14 Fariisaayoti ammoo gad bayanee, attamiin akka isa ijjeesanu mala isatti dhowane.
Tajaajilaa Waaqi Filate
15 Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee, 16 marroo isaa eennulle'etti akka hin dubbanne isaan ajaje. 17 Kunille ka raagicha Isaayaasiin raagame akka muummowuuf te'e.
18 Wonni raagamelle, «Kunoo, tajaajilaan kiyya, ka ani filadhe,
jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddoo itti gammadde.
Ayyaana kiyya isa gubbaa hin keya,
innille worra Yihudoota hin te'iniif muraa dhuga'aa hin lassa.
19 Inni hin moromu yookiin hin iyyu,
yookiin eennulle karaa keessatti qoonqoo isaa hin dhage'u.
20 Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti
leemmee caddee haanxottelle hin cassu;
yookiin ifa kululu*Ifa kululu: Ifa dhaamiisa geyee liphi liphi jedhu. Ifi kun ifa shimalli yookiin liilanni gabbatu kennu hin dhaanfu.
21 Worri Yihudoota hin te'inille addii isatti hin godhatan» jedhe.
Yesuusii Fi Bi'el Zebul
(Mar. 3:20-30; Luq. 11:14-23)
22 Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande'e. 23 Gumiin marti baaseffattee, «Inni Ilma Daawitii te'innaa?» jette.
24 Worri Fariisaayotaa ammoo yennaa tana dhage'ane, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaa calla'aan durriisota baasa» jedhane.Mat. 9:34; 10:25
25 Yesuus yaada isaanii beekee, «Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu. 26 Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree? 27 Ani hunna Bi'el Zebuliitiin yoo durriisa baase, hordofattooti teessan hunna eennuutiin durriisota baasan? Tanaaf hordofattooti teessanuu isinitti hin muran. 28 Ani ammoo Ayyaana Waaqaatiin yoo durriisa baase, mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteerti.
29 «Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a. 30 Eennulle ka golii tiyya hin te'in na moroma, nami na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.Mar. 9:40 31 Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu. 32 Nami Ilma Namaatiin moromee wo jedhu araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyichaan moromee wo jedhu ammoo, bara kanalle'etti te'ee bara dhufu'uu jirulle'etti araara hin dhaggatu.Luq. 12:10
Mukaa Fi Midhaan Isaa
(Luq. 6:43-45)
33 «Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, midhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan.Mat. 7:20; Luq. 6:44 34 Isin ilmaan buuti'ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata.Mat. 3:7; 23:33; 15:18; Luq. 3:7; 6:45 35 Nami dansaan waan dansaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle waan hantuu gadhaa ifii keessaa waan hantuu baasa. 36 Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; 37 Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe.
Barsiisoti Beessisa Gaafatte
(Mar. 8:11,12; Luq. 11:29-32)
38 Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin, «Barsiisa'a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna» jedhaneen. 39 Yesuus ammoo deebisee, «Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf. 40 Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura. 41 Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, sababille lallaba Yoonaasiitiin cubbuu irraa deebiteerti; kunoo, ka Yoonaas caalu as jira! 42 Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!» jedhe.
Bayee Deebi'iisa Ayyaana Hama'aa
(Luq. 11:24-26)
43 Yesuus, «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bayu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a, ammoo hin dhaggatu. 44 Achiin duuba, ‹Ani mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. Yennaa deebi'u, manni duwwaa te'ee, haxowamee, qophoweeruun dhagga. 45 Achiin duuba Ayyaanni hamaan sun Ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamoota te'ane dhaqee fida; isaanille itti galanee achi le'an; haalli nama sanii ka durii caalaa ka duubarraa kun itti hammaata. Maarre dhaloota hamaa kana irralle'etti akkanuma hin te'a» jedhe.
Haadhaa Fi Obboleeyyan Yesuusii
(Mar. 3:31-35; Luq. 8:19-21)
46 Adoo Yesuus gumi'itti dubbatiisatti jiruu, haadhaa fi obboleeyyan isaa, isa dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbataneeraniiyyu. [ 47 Yennaa san nami tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti si dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbatiisatti jiran» jedheen.]Woraabbiin durii gariin laakkossa 47 hin qabanu 48 Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa eennu, obboleeyyan tiyyalle eennu fa'a?» jedheen. 49 Achiin duuba gara barattoota ifii harkaan akeekee, «Kunoo ti! Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya! 50 Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.

12:7 Mat. 9:13

12:11 Luq. 14:5

*12:20 Ifa kululu: Ifa dhaamiisa geyee liphi liphi jedhu. Ifi kun ifa shimalli yookiin liilanni gabbatu kennu

12:24 Mat. 9:34; 10:25

12:30 Mar. 9:40

12:32 Luq. 12:10

12:33 Mat. 7:20; Luq. 6:44

12:34 Mat. 3:7; 23:33; 15:18; Luq. 3:7; 6:45

12:47 Woraabbiin durii gariin laakkossa 47 hin qabanu