15
Seera Waaqaatii Fi Aadaa Maanguddo'oo
(Mar. 7:1-13)
Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo'oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? Waaqi, ‹Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi›, ‹Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba› jedhee ajajeera. Isin ammoo nami tokko abba'aan yookiin haadhaan, ‹Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera› yoo jedheen, inni ‹Abba'aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu› jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan. Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif raagee,
 
«‹Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti,
gadhaan isi'ii narraa fago'o.
Kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa,
akkasumaan na waaqonsiti› ta jedhe dhuga'a» jedhe.
Waan Nama Batteessu
(Mar. 7:14-23)
10 Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, «Caqasa'aatii hubadha'a: 11 wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti» jedheen. 12 Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, «Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage'ane akka gufatane beettaa?» jedhaneen. 13 Yesuus deebisee, «Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba'aa hin dhaabin marti hin buqqaati. 14 Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an» jedhe.Luq. 6:39 15 Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaassa kana nuuf hiiki» jedheen. 16 Achiin duuba inni, «Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii? 17 Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha'atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu? 18 Wonni afaan namaatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana.Mat. 12:34 19 Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya. 20 Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiis nama hin batteessu» jedheen.
Dhugeeffannaa Dubartii Takkaa
(Mar. 7:24-30)
21 Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. 22 Achiin duuba dubartiin biyya Kana'aanii takka adaala sanii dhuttee, «Ilma Daawitii, Gootta'a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marari» jedhaa iyyite. 23 Inni ammoo womaa isi'iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, «Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!» jedhaa isa kadhatane.
24 Yesuus deebisee, «Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame» jedheen.
25 Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, «Gootta'a, na gargaar» jetteen. 26 Yesuus deebisee, «Sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun sirri'ii moti» jedheen.
27 Isiin deebittee, «Ee, Gootta'a, te'uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.
28 Achiin duuba Yesuus deebisee, «Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo'o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu» jedheen. Intalti isi'iille yoosuma fayyite.
Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise
29 Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila'aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee'e. 30 Gumiin guddoon worra fafowe, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise. 31 Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa'eliille galateeffatte.
Yesuus Nama Kuma Afur Areere
(Mar. 8:1-10)
32 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, «Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef nayeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu» jedheen.
33 Barattooti, «Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?» jedhaneen. 34 Yesuus, «Xaltaa meeqa qaddan?» jedhee gaafate. Isaan, «Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna» jedhaneen.
35 Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. 36 Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba'aaf kennane. 37 Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. 38 Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur. 39 Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe.

15:14 Luq. 6:39

15:18 Mat. 12:34