16
Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafatane
(Mar. 8:11-13; Luq. 12:54-56)
1 Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane.Mat. 12:38; Luq. 11:16 2 Inni deebisee, «Yennaa galgalaa, ‹Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa'a› jettan; 3 bariille, ‹Gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba› jettan. Bifa gubba'aa ilaaltanee attam akka te'u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te'u himuu hin dandeettanu. 4 Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.Mat. 12:39; Luq. 11:29
Uukoo Fariisaayotaatii Fi Saduqootaa
(Mar. 8:14-21)
5 Barattooti yennaa abbaaya'aan gamatti bu'ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. 6 Yesuus, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a» isaaniin jedhe. 7 Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane. 8 Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? 9 Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? 10 Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu?Mat. 15:34-38 11 Marroo daabbo'oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a!» isaaniin jedhe. 12 Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
(Mar. 8:27-30; Luq. 9:18-21)
13 Yesuus gara lafa qachaa Qiisaariyaa Filiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, «Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?» jedhee gaafate. 14 Isaan deebisanee, «Gariin, ‹Yohaannisii cuupha'a› si'iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‹Eliyaas› si'iin jedhan, worri dhibiille, ‹Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko› si'iin jedhan» jedhaneen.Mat. 14:1-2; Mar. 6:14-15; Luq. 9:7-8 15 Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe. 16 Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata'aa ti» jedhe.Yoh. 6:66-69 17 Yesuusille deebisee, «Ilma Yoona'aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti. 18 Maarre Pheexroos*Pheexroos: jechuun «Rassaa» jechu'u, ani sitti hima, ati rassa'a; rassaa kana irratti wolde'a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du'aalle wolde'a kiristaanaa kana hin injifattu. 19 Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a» jedhe.Mat. 18:18; Yoh. 20:23 20 Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te'e eennulle'etti akka hin hinne jabeessee barattoota ifii ajaje.
Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate
(Mar. 8:31—9:1; Luq. 9:22-27)
21 Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeefamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a» jedhu'utti ka'e. 22 Pheexroos cina'atti isa baasee, «Gootta'a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin» jedhaa isa xixuu jalqabe. 23 Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, «Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati naaf gufu'u» jedheen.
24 Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuu ti.Mat. 10:38; Luq. 14:27 25 Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata.Mat. 10:39; Luq. 17:33; Yoh. 12:25 26 Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree? 27 Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf.Mat. 25:31; Far. 62:12; Rom. 2:6 28 Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran» jedhe.
16:1 Mat. 12:38; Luq. 11:16
16:4 Mat. 12:39; Luq. 11:29
16:10 Mat. 15:34-38
16:14 Mat. 14:1-2; Mar. 6:14-15; Luq. 9:7-8
16:16 Yoh. 6:66-69
*16:18 Pheexroos: jechuun «Rassaa» jechu'u
16:19 Mat. 18:18; Yoh. 20:23
16:24 Mat. 10:38; Luq. 14:27
16:25 Mat. 10:39; Luq. 17:33; Yoh. 12:25
16:27 Mat. 25:31; Far. 62:12; Rom. 2:6