22
Mammaassa Jila Fuudhaa Fi Heerumaa
(Luq. 14:15-24)
Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee, «Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti. Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne. Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‹Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocooma qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa kowa'a jedha'aatii itti hima'a› jedhe. Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme; worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeese. Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube. Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‹Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene. Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!› jedhe. 10 Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame.
11 «Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge. 12 Namichaan, ‹Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?› jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe. 13 Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‹Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi bowiis hin te'a› jedhe. 14 Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a» jedhe.
Gaaffii Marroo Kaffaliisa Gibiraa
(Mar. 12:13-17; Luq. 20:20-26)
15 Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane. 16 Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu. 17 Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!» jedhaneen.
18 Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin kijiboole'e! Maaf haga na ilaaltan? 19 Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?» jedhe. Isaanille beesee*Beesee: Kitaab Giriikii dinaara jedha san takka itti fidane. 20 Achiin duuba inni, «Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.
21 Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaneen.
Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a» isaaniin jedhe.
22 Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane.HuE. 23:8
Gaaffii Marroo Du'aa Ka'iisaa
(Mar. 12:18-27; Luq. 20:27-40)
23 Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iis hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee, 24 «Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera. 25 Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. 26 Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. 27 Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. 28 Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?» jedhanee isa gaafatane.
29 Yesuus deebisee, «Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. 30 Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqaa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. 31 Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? 32 Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqii, Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aa ti malee, Waaqa worra du'a'aatii moti» isaaniin jedhe. 33 Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte.
Ajaja Guddicha
(Mar. 12:28-34; Luq. 10:25-28)
34 Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane. 35 Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf, 36 «Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?» jedhee isa gaafate. 37 Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaaladhu›. 38 Ajaji guddichi duraa isaa kana. 39 Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›. 40 Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiisi raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe.
Gaaffii Marroo Masiihii
(Mar. 12:35-37; Luq. 20:41-44)
41 Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus, 42 «Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.
Isaan, «Ilma Daawitii ti» jedhaneen.
43 Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‹Goottaa› jedhaa isa waamaa,
44 «‹Waaqi Goottaa kiyyaan,
haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti,
Midda kiyyatti tee'i› jedheen ree?
45 Daawiti yoo, ‹Goottaa› jedhee isa waame, Masiihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?» isaaniin jedhe. 46 Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffii tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne.

*22:19 Beesee: Kitaab Giriikii dinaara jedha

22:22 HuE. 23:8