23
Hammeenna Barsiisota Seera Muuse'eetii Fi Fariisaayotaa
(Mar. 12:38-39; Luq. 11:43-46; 20:45-46)
1 Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota ifiititti dubbatee, 2 «Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse'ee irra te'aneeran. 3 Maarre waan isaan isin barsiisanu godha'a, hordofa'alle'e; te'uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina'a. 4 Isaan ba'aa ulfaattuu, ba'atiisaaf hin dande'ane hidhanee gurmuu worra dhibi'ii irra keyan; ifiif ammoo quballe'een tuquu hin fedhanu. 5 Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Woyyicha keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan. 6 Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, 7 addee dikko'oolle'etti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‹Barsiisa'a› jettee akka isaan waantu jaalatan. 8 Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‹Barsiisa'a› jedhantanee hin waamamina'a. 9 Isin Abbaa tokkocha ol-gubba'atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle'een ‹Abbaa› jettanee hin waamina'a. 10 Sooressi keessan Kiristoos tokkocha waan te'eef, ‹Sooressa› jedhantanee hin waamamina'a. 11 Odduu teessanitti isin mara ka caalu tajaajilaa keessan te'uu ti. 12 Nami ol ifi qabu gad hin qabama, nami gad ifi qabu ol hin qabama» jedhe.
Yesuus Kijiba Isaaniitiif Yakkaa Itti Mure
(Mar. 12:40; Luq. 11:39-42,44,52; 20:47)
13 Yesuus, «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [ 14 Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin mana haadhotii hiyyeessaa sossiisaaf jettanee itti aalatiisaaf dheeressitanee daadimattan; tanaaf yakkaa guddo'otti isinitti murama.]*Barreeffam durii durii gariin laakkossa 14 hin qabanu
15 «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan.
16 «Sooreyyii balloota, isiniif aanne'e! Isin, ‹Nami tokko yoo Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, nami tokko yoo worqii Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. 17 Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala? 18 Isin, ‹Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. 19 Isin ballaa attamiiti! Kennansa moo addee ciinca'aa ta kennansa woyyoonsitutti caala? 20 Maarre nami addee ciinca'aatiin kakatu marti, addee ciinca'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; 21 nami Galma Waaqaatiin kakatulle, Galma Waaqaatii fi Waaqa achi keessa jiruun kakata; 22 nami ol-gubba'aan kakatulle, barcumaa Waaqaatii fi ka barcumaa san irra tee'eeruun kakata.
23 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isinii aanne'e! Isin baala uddowaa adda addaa, waan akka bassobila'aa, dinbilaalaatii fi onkooshe'e†Onkooshe'e: Okoshee, kudhan keessaa tokko Waaqaaf hin kennitan, ammoo barsiisa Seeraa ka irra caalaa barbaachisu, waan akka muraa dhuga'aa, mararti'ii fi addatamaa lakkittaneertan. Isin waan saniille adoo hin lakkisin, wonni kun waan isin godhu'uuf maltane. 24 Isin sooreyyii balloota! Isin bookee waan untanu keessaa dhimbiiddanee baachan, gaala ammoo hin liqinsitan.
25 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Muduunu'uu fi qorii dudda gubbaa qulqulleessitan, keessi ammoo joljolumma'aa fi ifi-jaallatiisaan guutameera. 26 Fariisaayicha balla'a! Dursiitii muduunuu keessa qulqulleessi‡Woraabbiin durii durii gariin qoriille itti dabala, yennaa san duddi gubbaalle qulqulluu te'a.
27 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin gubba'aan dansa'a, keessaan ammoo akka irreensa biyyee adi'iin hallamee, lafeelee nama du'eetii fi waan battii maraan guutamee ti. 28 Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera.
Yesuus Marroo Adabama Isaanii Dubbate
(Luq. 11:47-51)
29 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin irreensa raagotaa ijaartan; soodduu balchootaalle hin seettan. 30 Isin, ‹Bara abbootii teennaa adoo jiraannee, nuuti dhiiga raagotaa jissiisa isaaniille hin qarqaarruuyyu› jettan. 31 Akkasiin isin ilmaan worra raagota ijjeesee akka teetane ifi irratti dhugaa baatan. 32 Waan abbootiin teessan jalqadde, ittuma guuta'aa fixaa ree! 33 Isin dhudhuufa'a, isin ijoollee buuti'ii ti! Muraa qile'ee jalaa attamiin baatan ree? 34 Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. 35 Maarre tanaaf isin dhiiga balchootaa ka lafa irratti jissitane, dhiiga Abeelii balchichaa irraa jalqabee, haga dhiiga Zakaariyaasii ilma Baaraakiya'aa, ka addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaa oddu'utti ijjeettaneetitti itti gaafatantan. 36 Ani dhugumaan isinitti hima, adabam waan kana maraa dhaloota kanatti hin dhufa» isaaniin jedhe.
Yesuus Yerusaalemiif Gadde
(Luq. 13:34-35)
37 Yesuus ammalle, «E! Yerusaalem, Yerusaalem, qachaa raagota ijjeettuu fi worra gara keeti ergame dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade; isin ammoo diddane. 38 Kunoo, manni keessan ona te'ee hafe. 39 Ani isinitti hima, ‹Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanutti deebitanee na hin dhaggitanu» jedhe.