24
Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate
(Mar. 13:1-2; Luq. 21:5-6)
Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattooti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane. Achiin duuba inni, «Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman» jedhe.
Rakkinnaa Fi Miidhaa Dhufa Gootta'aatiin Duratti Te'u
(Mar. 13:3-13; Luq. 21:7-19)
Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane.
Yesuus deebisee, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! Worri hedduun, ‹Ani Masiihii› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan. Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne. Gosi gosatti, mootummaalle mootumma'atti hin kaati; beellii fi tacho'i lafaa addee adde'etti hin te'an. Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti.
«Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan. 10 Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban. 11 Raagoti dharaa hedduulle hin ka'an, worra hedduulle hin dokonkorsan. 12 Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu'uu qabbanowaa deema. 13 Nami haga muumme'ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya. 14 Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe.
Farra Badi'ii
(Mar. 13:14-23; Luq. 21:20-24)
15 Yesuus itti dabalee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti! 16 Yennaa san worri biyyaa Yihuda'aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. 17 Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu'in. 18 Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi'in. 19 Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! 20 Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha'a! 21 Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u. 22 Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.
23 «Eennuulle isiniin ‹Kunoo! Masiihiin as jira!› yookiin, ‹Inni achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. 24 Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an; isaan yoo dande'ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan. 25 Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera. 26 Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira› yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‹Kunoo! Inni kolloo keessa jira› yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a. 27 Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu'uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu'uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 28 Addee reeffi jirutti allaattiin yaati» jedhe.
Dhufiisa Ilma Namaa
(Mar. 13:24-27; Luq. 21:25-28)
29 Yesuus itti dabalee, «Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba'aalle hin raafanti. 30 Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba'atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba'aatiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan dhufuun hin dhaggan. 31 Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.
Barumsa Muka Harru'uu
(Mar. 13:28-31; Luq. 21:29-33)
32 Yesuus ammalle, «Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a! Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan. 33 Maarre akkasuma, waan kana mara yennaa dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka'a. 34 Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru. 35 Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.
Guyyaa Sanii Fi Yennaa San Eennulle Hin Beeku
(Mar. 13:32-37; Luq. 17:26-30,34-36)
36 Yesuus itti dabalee, «Marroo guyyaa saniitii fi saatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aalle, Ilmille, eennulle hin beeku. 37 Akkuma bara Nohiititti te'e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 38 Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; 39 haga bisaan badi'ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. 40 Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa. 41 Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti. 42 Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa'aa eegadha'a. 43 Waan kana ammoo hubadha'a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. 44 Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa'aa le'a'a» jedhe.
Tajaajilaa Addatama'aa Fi Hin Addatanne
(Luq. 12:41-48)
45 Yesuus itti dabalee, «Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree? 46 Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe. 47 Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha. 48 Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‹Goottaan kiyya hin tura› yoo jedhee, 49 tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machowanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe, 50 goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa. 51 Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti bowaa ilkaan qara» jedhe.