25
Mammaassa Durroota Kudhanii
Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubba'aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. Durroota san keessaa shanan gowwoole'e, shanan qaroole'e. Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa'atti naqatanu hin qabanne. Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote'etti qabatane. Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.
«Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo'oon, ‹Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya'a!› waamichi jedhu dhage'ame. Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. Durri gowwooleen sun worra qaroole'een, ‹Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna'a› jedhaneen. Durri qarooleen deebisanee, ‹Waawwo'o! Nu'uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadha'a› jedhaneen. 10 Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.
11 «Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‹Gootta'a, Gootta'a! Nuu bani!› jedhaneen. 12 Inni ammoo deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku› jedheen. 13 Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa'aa eegadha'a!» jedhe.
Mammaassa Worra Beeseen Worqi'ii Itti Kennantee
(Luq. 19:11-27)
14 Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; 15 Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille'eef kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. 16 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi'ii kuma shan keessaa buufate. 17 Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. 18 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta'aa san awwaale.
19 «Yennaa dheertu'uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. 20 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‹Gootta'a, ati beesee saantimii worqi'ii kuma shan natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera› jedhe. 21 Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. 22 Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a› jedhee, ‹Ati beesee saantimii worqi'ii kuma lama natti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera› jedheen. 23 Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen. 24 Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; 25 tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti› jedheen.
26 «Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya*Booseya: Afachaala.! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? 27 Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira naaf kewu'uu malte; ani yennaa deebi'e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. 28 Maarre beesee san isa irraa fuudha'aatii, namicha beesee saantimii worqi'ii kuma kudhan qabuuf kenna'a. 29 Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti. 30 Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata'a, achitti bowaa ilkaan qara› jedhe» isaaniin jedhe.
Muraa Muumme'ee
31 Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee'a. 32 Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re'ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, 33 hoolota midda ifiititti, re'oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. 34 Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, kowa'a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala'a; 35 sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te'ee na fudhattaneertan; 36 daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. 37 Yennaa san balchooleen, ‹Gootta'a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
38 « ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? 39 Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. 40 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
41 «Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a; 42 ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; 43 keessummaa te'eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha.
44 «Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta'a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin. 45 Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle'eef hin goone› isaaniin hin jedha. 46 Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe.

*25:26 Booseya: Afachaala.