26
Yesuus Ijjeesiisaaf Mari'atane
(Mar. 14:1-2; Luq. 22:1-2; Yoh. 11:45-53)
Yesuus dubbii tana mara dubbatee fixeen duuba, barattoota ifiitiin, «Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama» jedhe.
Achiin duuba sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoti kolba'aa mana hayyicha gudda'aa ka Qayyaaffaa jedhamuutitti wolitti qabamanee, dhossa'aan Yesuus qabiisaa fi ijjeesisiisaaf mari'atane. Isaan ammoo, «Kolbaa oddu'utti raafam hin ka'a fa'aa, yennaa jilaa hin tolchinu» jedhane.
Dubartiin Takka Bitaaniya'atti Yesuus Fiqiree Issite
(Mar. 14:3-9; Yoh. 12:1-8)
Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dur dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeruu adoo jiruu, dubartiin takka fiqiree gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii jedhamu irraa hojjatame tokkoon fiddee gara isaa dhuttee, isaa qorii bira tee'eeru, fiqiree san mataa isaatitti naxxe. Barattooti isaa yennaa dhaggane ammoo, aaranee, «Tun maaf lafatti baddi? Fiqireen tun karra guddo'otti gurgurantee, beeseen sun worra hiyyeeyyi'iif silaa hin kennamaayyu» jedhane.
10 Yesuus ammoo waan kana beekee, «Dubartii tana maaf rakkittan? Isiin waan dansaa naaf goote. 11 Hiyyeeyyiin yennaa mara isin woliin jiran, ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu. 12 Isiin fiqiree tana nafa kiyyatti naqiisaan awwaalaaf na qopheessite. 13 Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi'iitiif hin dubbatama» isaaniin jedhe.
Yihudaan Yesuus Dabarsee Kenniisaaf Jaraan Wolii Gale
(Mar. 14:10-11; Luq. 22:3-6)
14 Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, gara sooreyyii hayyootaa dhaqee, 15 «Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan naaf kennitan?» isaaniin jedhe; isaan meetii*Meetii: Meetiin beesee sibiilaa ti; Kitaab Amaariffaa birrii jedha; akkas jechuun birrii woraqataa adoo hin te'in ka sibiilaa ti soddoma isaaf kaffalane. 16 Yihudaalle yennaa sanii jalqabee isa dabarsee kenniisaaf daguu barbaadate.
Yesuus Sagalee Jila Irra Dabaramaa Barattoota Woliin Nyaate
(Mar. 14:12-21; Luq. 22:7-13,21-23; Yoh. 13:21-30)
17 Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.
18 Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilifadha, jedha barsiisaan› jedha'aan» isaaniin jedhe. 19 Barattooti akkuma Yesuus isaan ajaje, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
20 Yennaa galgalootte, Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin nyaatiisaaf tee'e. 21 Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, isin keessaa nami tokko dabarsee na hin keenna» jedhe.
22 Barattooti akka malee gaddanee, badoo bado'oon, «Gootta'a, dhugumaan ana te'innaa?» isaan jedhiisa jalqabane.
23 Yesuus deebisee, «Ka na woliin harka qorii keyetti dabarsee na kenna. 24 Ilmi Namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a, ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Nami sun silaa adoo dhalatuu dhabee isaaf woyya» jedhe.
25 Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, «Barsiisa'a, dhugumaan ana te'innaa?» jedhe.
Yesuus deebisee, «Atuu jette» jedheen.
Irbaata Gootta'aa
(Mar. 14:22-26; Luq. 22:14-20; 1 Qor. 11:23-25)
26 Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, «Fudhadha'aa, nyaadha'a; kun foon kiyya» jedhe. 27 Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, «Isin martinuu, itti una'a; 28 kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu'uutiif dhangala'e. 29 Ani isinitti hima, mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin haga guyyaa daadhii woyni'ii haareya unutti, ijjumaa deebi'ee daadhii woyni'ii hin unu» isaaniin jedhe.
30 Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane.
Yesuus Mormatiisa Pheexroosii Dursee Hime
(Mar. 14:27-31; Luq. 22:31-34; Yoh. 13:36-38)
31 Achiin duuba Yesuus, «Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille,
«‹Ani tissee hin ijjeesa,
hoolotille hin xexeeraman› jedhantee barreeffanteerti.
32 Du'aa ka'een duuba ammoo, isiniin dura gara Galiila'aa deema» isaaniin jedhe.
33 Pheexroos, isaan, «Isaan martinuu si lakkisanee baqatanulle, ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu» jedheen.
34 Yesuus, isaan, «Ani dhugumaan sitti hima, edanuma, iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedheen.
35 Pheexroos, isaan, «Si woliin du'uun yoo na barbaachiselle, ani ijjumaa si hin mormadhu» jedheen. Barattooti martinuu akkasuma jedhane.
Yesuus Getesemaane'etti Daadimate
(Mar. 14:32-42; Luq. 22:39-46)
36 Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee Getesemaanee jedhantuu dhaqe; inni barattoota ifiitiin, «Haga ani achi dhaqee daadimadhu, isin as tee'a'a!» jedheen. 37 Inni Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaan fudhatee dhaqee, gaddaa fi laaleffata jalqabe. 38 Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du'aatitti, guddoo gadde; isin as tura'aa, na woliin dammaqa'aa tee'a'a!» jedheen.
39 Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande'ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te'uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhe.
40 Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi'ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, «Maarre, isin saatii tokkolle na woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee? 41 Akka ataabe'etti hin gallelle daadimadha'a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba'a» jedheen.
42 Yesuus ammalle yennaa lammeesso'oo isaan irraa hiiqee, «Abbaa kiyya, muduunuun rakko'oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande'anne yoo teete, fedhiin teeti muummottuu ti» jedhee daadimate.
43 Yesuus ammalle dhufee ilti isaanii waan dunquuqotteef, rafiisatti jiranuun dhagge.
44 Maarre ammalle isaan lakkisee, irraa hiiqee yennaa sadeesso'oo, jechootuma duraan jedhe kaan jedhaa daadimate. 45 Achiin duuba inni gara barattootaa deebi'ee dhufee, «Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, saatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamu geetteerti. 46 Ka'aa deennaa! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhikaateera» isaaniin jedhe.
Yesuus Qabame
(Mar. 14:43-50; Luq. 22:47-53; Yoh. 18:3-12)
47 Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi shallaagaa qabatteertu, sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu. 48 Yihudaan Yesuus dabarsee kennu, «Nama ani sunqadhu, isa qaba'a» jedhee duraanuu beessisa isaaniif kenneera.
49 Yihudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisa'a, attam nageyaa!» jedhee sunqate.
50 Yesuus deebisee, «Jaali, waan hujiisaaf dhutte huji» jedheen.
Achiin duuba isaan dhufanee Yesuus jabeessanee qabane. 51 Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa irraa kute. 52 Achiin duuba Yesuus, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebifadhu; worri shallaagaa buqqifatu martinuu shallaaga'aan bada. 53 Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu naa erguu hin dande'u sitti fakkaataa? 54 Ammoo Barreeffam Woyyichi karaa kanaan te'uu qaddi ka jedhu, silaa attamiin muummowa ree?» jedheen.
55 Yennuma san Yesuus gumi'iin, «Akka ani yakkaamessaa, shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessa tee'ee barsiisaa ture, isinille na hin qanne. 56 Ammoo wonni raagoti Barreeffama Woyyicha keessatti barreessite akka muummottuuf, tun marti teete» jedhe. Yennaa san barattooti isaa martinuu isa lakkisanee baqatane.
Yesuus Kora Mura'aa Duratti Dhikaate
(Mar. 14:53-65; Luq. 22:54-55,63-71; Yoh. 18:13-14,19-24)
57 Worri Yesuus qabane sun, mana barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoti kolba'aa itti wolitti qabamaneeranutti, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa geessane. 58 Pheexroos ammoo irraa fagaatee haga badhinna dalleya hayyicha gudda'aa Yesuus hordofe; keessalle seenee, wonni kun attam akka teetu ilaaliisaaf, eeddota woliin tee'e. 59 Sooreyyiin hayyootaatii fi korri mura'aa duudiin Yesuus ijjeesisiisaaf dhugaa baatota dharaa itti barbaadane. 60 Dhugaa baatoti dharaa hedduun itti dhikaattulle, ammoo dhugaa baya du'a itti mursiisu tokkolle hin dhaggine; dhuma irratti namooti lamaan dhufanee, 61 «Namichi kun, ‹Ani Galma Waaqaa diigee guyyaa saditti ijaaruu dande'a› jedheera» jedhane.
62 Hayyichi guddaan ol ka'ee, «Waan isaan si irratti dhugaa bayanu kanaaf ati deebii tokkolle hin qadduu?» jedhe. 63 Yesuus ammoo cadhise. Achiin duuba hayyichi guddaan, «Magannee Waaqa jiraata'aa, ati Masiihii, Ilma Waaqaa yoo teete nutti himi» jedheen.
64 Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaamessaa tee'uun, duumensa ol-gubba'aatilleen dhufuun hin dhaggitan» isaan jedhe.
65 Yennaa san hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, «Inni Waaqa faanshesseera! Dhugaa dhibii maaf barbaanna? Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. 66 Maan isinitti fakkaata?» jedhe.
Isaan deebisanee, «Inni du'uu qaba» jedhane.
67 Yennaa san isaan fuula isaatitti tufanee tuntumane; worri gariin kabalanee, 68 «Masiihii! Eentu si dhowe? Nuu raagi» jedhaneen.
Pheexroos Yesuus Mormate
(Mar. 14:66-72; Luq. 22:56-62; Yoh. 18:15-18,25-27)
69 Adoo Pheexroos ala badhinna dalleyaa keessa tee'iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, «Atille Yesuusii worra Galiila'aa woliin jirtaayyu!» jetteen.
70 Inni ammoo, «Waan ati dubbatiisatti jirtuuyyuu ani hin beeku» jedhee isaan mara duratti mormate. 71 Yennaa inni gara seensuma karraa dhaqe, durrittiin tajaajiltuun dhibiin isa dhaggitee, worra achi dhaabbateeruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naaziretii woliin jiraayyu» jette.
72 Pheexroos ammalle, «Ani namicha hin beeku» jedhee kakatee mormate.
73 Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko» jedhaneen.
74 Yennaa san inni, «Ani namicha hin beeku» jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e. Yennuma san lukkuun iyyite. 75 Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, «Iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta» jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee bowe.

*26:15 Meetii: Meetiin beesee sibiilaa ti; Kitaab Amaariffaa birrii jedha; akkas jechuun birrii woraqataa adoo hin te'in ka sibiilaa ti