27
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
(Mar. 15:1; Luq. 23:1-2; Yoh. 18:28-32)
1 Barii halkaniin sooreyyii hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari'atane. 2 Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane.
Du'a Yihuda'aa
(HuE. 1:18-19)
3 Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii*Meetii: Yaadannoo 26:15 irratti kenname ilaali soddoma san sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiif deebisee fidee, 4 «Nama yakkaa hin qanne dabarsee kenniisaan yakkeera» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo, «Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!» jedhane.
5 Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise.
6 Sooreyyiin hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, «Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti» jedhane. 7 Mari'ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane. 8 Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhantee waamanti.HuE. 1:18-19
9 Wonni Ermiyaasiin raagichi, «Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa'elii herreddee fudhatte; 10 akkuma Goottaalle na ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane» jedhee dubbate muummotte.
Yesuus Philaaxoos Duratti Dhikeeffame
(Mar. 15:2-5; Luq. 23:3-5; Yoh. 18:33-38)
11 Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, «Ati mootii Yihudootaatii?» jedhee isa gaafate.
Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen. 12 Inni ammoo yennaa sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiin himatame, deebii hin kennine.
13 Achiin duuba Philaaxoos, «Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?» jedheen. 14 Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate.
Yesuusitti Du'a Murane
(Mar. 15:6-15; Luq. 23:13-25; Yoh. 18:39—19:16)
15 Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. 16 Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu. 17 Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, «Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame» isaaniin jedhe. 18 Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te'aneef dabarsanee isa kennane beekeera.
19 Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, «Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe» jettee ergaa itti ergite.
20 Sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeefamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane. 21 Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, «Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Barabbaa nuuf hiiki!» jedhane.
22 Philaaxoos, «Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?» isaaniin jedhe.
Isaan martinuu, «Inni fannifamuu ti!» jedhane.
23 Achiin duuba inni, «Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?» jedhee isaan gaafate.
Isaan ammoo, «Inni fannifamuu ti!» jedhanee iyyanee hogisane.
24 Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, «Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!» jedhe. 25 Achiin duuba kolbaan duudiinuu, «Dhiiga isaatiif, nuutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti» jedhanee deebisane.
26 Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche'een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne.
Loltooti Yesuusitti Taphatane
(Mar. 15:16-20; Yoh. 19:2-3)
27 Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma'aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane. 28 Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, 29 dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, «Mootii Yihudootaa, jiraadhu!» jedhaa itti taphatane. 30 Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane. 31 Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane.
Yesuus Fannifame
(Mar. 15:21-32; Luq. 23:26-43; Yoh. 19:17-27)
32 Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. 33 Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; «Golgootaa» jechuun «Addee buqqii mata'aa» jechu'u. 34 Isaan daadhii woyni'ii hadhoottu'uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne. 35 Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane. 36 Achiin duuba isaan achi tee'anee isa eegane. 37 Isaan barreeffama isa ittiin himatane, «Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus» ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane. 38 Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane. 39 Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa, 40 «Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa isa arrassane.
41 Akkasuma sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi jaarsolee woliin itti taphatanee, 42 «Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uu ti; nuutille isatti hin dhugeeffanna. 43 Inni Waaqatti addatee, ‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuu ti» jedhane. 44 Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrassane.
Du'a Yesuusii
(Mar. 15:33-41; Luq. 23:44-49; Yoh. 19:28-30)
45 Orraa saatii jaan jalqabee haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte. 46 Gara saatii sagaliititti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?» jechu'u.
47 Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage'ane, «Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira» jedhane. 48 Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii†Ispoonjii: Waan bisaan nafaan xuuxu fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne.
49 Worri dhibiin ammoo, «Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!» jedhane.
50 Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
51 Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba'aa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Latti tachoote, rassaalle dadayya'e. 52 Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka'ane. 53 Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du'aa ka'een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu'utti mudhatane.
54 Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, «Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhane.
55 Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu. 56 Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atti jira.
Yesuus Awwaalame
(Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42)
57 Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya'aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu. 58 Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje. 59 Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu'uun maree, 60 goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme. 61 Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee'iisatti jiraniiyyu.
Worra Goda Awwaalaa Eegu
62 Boruyyaa, guyyaa qophi'iitiin duuba, guyyaa Sanbataa sooreyyii hayyootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee, 63 «Gootta'a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‹Guyyaa sadiin duuba deebi'ee ka'a› waan inni jedhe nuuti hin qaabanna. 64 Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‹Inni du'a keessaa ka'eera› hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a» jedhaneen.
65 Philaaxoos, «Worra eegu fudhadha'aa dhaqa'aatii, akka beettanutti eegachiifadha'a» isaaniin jedhe. 66 Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane.