6
Mootiin Waan Maraa Israa'el Irratti Ka'e
1 Waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'a'a: Ka'a'a, haajaa keessan gaarota duratti dhikeeffadha'a; kooboti waan isin jettanu dhage'anuu ti. 2 Ee gaarota, himannaa Mootiin Waan Maraa dhikeessu dhage'a'a; isinille hundeen lafaa caqasa'a. Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii haajaa ittiin himatu qaba; inni Israa'el hin himata.
3 Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya, ani maan isin godhe? Ani attamiin ba'aa isinitti te'e? Deebii naaf kenna'a. 4 Ani biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; garbummaa jalaa isin wodeera. Muuseen, Aaronii fi Miiriyaam akka isin sooressanu ergeera. 5 Kolbaa tiyya, waan mootiin Mo'aabii Balaaqi isin irratti mala dhowe, waan ilmi Be'orii Bala'aam isaaf deebiselle qaabadha; hujii tiyya balchittii akka beettanuuf, addee ‹Shiixiim› jedhantuu haga qachaa Giilgaliititti waan te'elle qaabadha'a» jedha.
6 Ani maan qabadhee fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaadhee, Waaqa ol-gubba'aa duratti sagadu ree? Kennansa gubamuu fi jabbilee woggaa tokkoo qabadhee fuula isaa dura dhikaadhuu ree? 7 Mootiin Waan Maraa korbeeyyii hoole'ee kumatti, zayitii ejersaa laga bisaanii kuma kudhan ta geettutti hin gammadaa? Sababa yakkaa tiyyaatiif, ilma kiyya angaficha, cubbuu lubbuu tiyyaatiif, uumaa gudeeda kiyyaa ciincaa dhikeessuu ree? 8 Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree?
Waaqi Worra Sobuu Fi Ka Hunnaan Nama Irratti Ka'u Hin Adaba
9 Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; Caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, kolbaa qachaa keessaa waamee, «Ulee adabbi'ii qaabadha'a. Ka isii qopheesseelle yaadadha'a. 10 Isin worri hamooleen, qabeenna keessan ka hammeennaa guurattane, waan ittiin safaranu ka sobaa, ka abaarame san hin dedhaa ree? 11 Nama madaalli'ii fi waan ittiin safaranu ka sirriin hin te'in subbatti qabatu cadhiseetuma lakkisaa ree? 12 Dureeyyiin qacha'aa hunnaan nama irratti kaati; kolbaan qacha'aa dhara dubbatti; arrabi isaanii soba dubbata. 13 Tanaaf, ani isin balleessa; sababa cubbuu teessaniitiif, ani isin diiga. 14 Isin hin nyaattan ammoo hin quuttanu; gadhaan keessan haga ammaa duwwa'a; waan isin kuufattane shallaaga'aaf waan kennuuf, hin tuulattan ammoo isiniif hin kuufamu. 15 Hin facaattan ammoo hin haammattanu; zayitii ejersaa hin miiccan ammoo hin dibattanu; midhaan woyni'ii hin cunfitan ammoo daadhii woyni'ii hin untanu. 16 Isin aadaa Omirii mootichaatii fi waan maatiin Ahaabii mootichaa goote mara eegattaneertan. Tanaaf, ani badi'iif dabarsee isin hin kenna; kolbaan teessanille hin salphatti; gosi biyya adda addaa isinitti murgiti» jedha.