7
Rakkoo Israa'elii
1 Ani akka nama bona woxoo midhaan woyni'ii qocatuu waan te'eef, naaf aanne'e! Nyaatiisaaf, unkuruurri woyni'ii hin jiru; midhaan harru'uu ka ani halchu, ka dursee bilchaatulle hin jiru. 2 Nami addatamaan lafa irraa badeera; nami qajeelaan tokkolle hin jiru. Nami marti dhiiga dhangalaasiisaaf riphee gaada; isaan tiyyo'oon wol adansan. 3 Harki isaanii waan hantuu hujiisa barateera; bulchaan kennansa gaafata; abbaan mura'aa safuu fudhata; worri dureeyyiin waan barbaade muummessa; isaan martinuu wolumaan mala dhowan. 4 Isaan keessaa ka mara caalaa «Addatama'a» jedhamu, akka qumi'uudu'uu ti; ka mara caalaa «Qajeela'a» jedhamu, qoree caalaa bada'a. Guyyaan Waaqi isaan adabu ka worri raagotaa*Worri raagotaa: Afaan Ibrootaatiin Namooti si eeganu jedha; maqaan raagotaa ka dhibiin namoota eeganu. dubbatane dhufeera; yennaan isaan waan te'anu wollaalanu amma. 5 Nama hin addatin; jaala keetitti addii hin godhatin. Niitii teeti ta hanqafatee rattuuyyuu waan isii woliin dubbattu jecha keeti ifi eeggadhu. 6 Ilmi abbaa ifii hin tuffata; intalti haadha ifii irratti, niitiin ilmaalle haadha dhirsa ifii irratti hin kaati; diinni namaa maatuma isaa keessaa hin te'an.
7 Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage'a.
Israa'el Hin Kaati
8 Diina kiyya natti hin gammadin! Ani jigulle hin ka'a; dukkana keessa jiraadhulle Mootiin Waan Maraa ifa naaf hin te'a. 9 Ani waan isa yakkeef, haga inni haajaa kiyyaaf muraa naa kennutti, ani aarii isaa ta bobeettu hin ossadha. Inni gara ifaa na hin baasa; ani balchummaa isaa hin dhagga. 10 Achiin duuba diinni kiyya ka, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti eessa jira?» anaan jedhu, tana dhaggee hin qaanowa; ilti tiyya jinnana diina kiyyaa hin dhaggiti; ammaayyuu akka caffaa karaa keessaa miilaan irra hin sirbama.
11 Guyyaan dalleya keessan ijaarattanu, guyyaan meessaa keessan badhifattanu hin dhufa. 12 Guyyaa san namooti keessan biyya Asooriitii fi qachoota Gibxi'ii irraa, biyya Gibxi'iitii haga laga Efraaxiisii irralle'ee, abbaaya'aa haga abbaaya'aa irralle'ee, gaaraa haga gaaraa irralle'ee gara keessan hin dhufan. 13 Sababa hujii worra isii keessa le'uutiif ammoo latti hin onti.
Daadimataa Fi Leellisa
14 Kolbaa teeti, worra hoolota teeti te'ane, ulee teetiin tissi! Isaan amma gongomaa keessa qofii ifii, lafa oorru'uu keessa le'an. Isaan akkuma bara durii, Baashaanii fi Giil'aad keessa dheedanuu ti.
15 Akkuma bara biyya Gibxi'ii keessaa isaan baattee, bilbaasa nutti mudhisi! 16 Gosi biyya adda addaa yennaa bilbaasota kana dhaggane, hin qaanowan; hunna hin dhaban; afaan hin qabatan; gurri isaaniille hin duuda. 17 Isaan akka bofaatii fi akka bineensota lafa irra lowanuu bukuu hin arraaban. Goda ifii keessaa rommaa hin bayan; soda'aan gara si Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa hin deebi'an.
18 Kolbaa ifii worra lubbu'uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari'iin haga bara baraa hin turtu. 19 Ati ammalle nu mararta; yakkaa teenna hin qulqulleessita; cubbuu teenna mara qilee abbaaya'aa keessa hin buutta†Buutta: Yookiin buucha.. 20 Ati akkuma bara durii abbootii teenna ta duriitiif kakatte, sanyii Yaaqoobiitiif addatamummaa, sanyii Abrahaamiitiifille marartii hin mudhitta.