Kitaaba Naahomii Raagichaa
Seensa
Kitaab Naahomii bara duriitii jalqabanee diinota Israa'elii hamoota ka te'ane, worra Asooriitiif qachaa guddittii ta teete, Marroo badii Nanawwe'ee wolaloo dhikeessa. Nanawween dhaloota Kiristoosiitiin dura gara woggaa dhibba torbaatitti baduun isi'ii, gosa gadhaa jabaattuu*Gadhaa jabaattu: Gadhi-jabeenni kun hammeenna mudhisa. fi koortu irratti Waaqi akka muru mudhisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Muraa Nanawwee irratti murante1:1-5
Badii Nanawwe'ee2:1—3:19
1
Mudhiin marroo Nanawwe'ee, kitaab mudhi'ii ka Naahomii nama biyya Elqoshii kana.
Waaqi Nanawwe'etti Mufate
Waaqi hinaatticha;
Mootii Waan Maraa ka haluulle bawu;
inni mufii jadduu ifiitiin
diinota ifii irratti balaa buusa.
Waaqi hunnaa guddoo qaba,
ammoo ariifatee hin aaru;
Yakkaamessa adabu male hin lakkisu.
 
Karaan isaa bubbe'ee fi danbalii keessa;
duumensi bukuuBukuu: Yookiin awwaara. miila isaa ti.
Inni abbaayaa xixee hin gossa;
laga maralle hin gossa;
Baashaan latti marraan beekkantee fi
Qarmelos latti qonnaan beekkante qooraneeran;
daraaraan Libaanosii harca'aneeran.
Gaaroti isa duratti hin tacho'an;
koobotille hin baqan.
Latti isa duratti,
biyyi lafaatii fi
ka isii keessa le'anu marti hin raafaman.
Mufii isaa jadduu dura eentu dhaabbatuu dande'a?
O'a aarii isaa eentu dande'ee ossa?
Mufiin isaa akka ibiddaa bobeetti;
rassaalle isa duratti hin bututa.
Waaqi dansa'a;
yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.
Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;
diinota ifii ammoo akka lolaa haxowuu
ijjumaa balleessee, dukkanatti hin ari'a.
Isin maaf Waaqa irratti mala dhoottan?
Inni ijjumaa isin hin balleessa;
lammeessoo nami isa irratti ka'u hin jiru.
10 Isin worri machoottanu,
akka qoree wol xaxxeetii fi
akka hicaacee goddee hin gubattan.
11 Ee Nanawwe'e, nami Waaqa irratti mala dhowu,
ka waan hantuu gorsulle,
si keessaa ka'e.
12 Mootiin Waan Maraa,
kolbaa ifii Israa'eliin, «Worri Asoorii hunnaameyyi'ii fi
hedduu te'anulle,
ijjeefamanee, hin badan.
Kolbaa tiyya, tanaan dura ani isin rakkisulle,
yoona deebi'ee isin hin rakkisu.
13 Amma ani waanjoo worra Asoorii isin irraa cassee,
wodaroo sibiilaa ta ittiin hidhantane
isin irraa hin ciccira» jedhe.
14 Mootiin Waan Maraa marroo worra Asoorii,
«Haganaa achi
sanyiin maqaa keessan waansittu hin jiraattu;
galma waaqota keessanii keessaa
waaqota dharaa fakkii bocantee fi
fakkii baqisiifantee hujantee hin balleessa.
Isin worra bu'aa hin qanne waan teeteef,
boolla awwaalaa isiniif hin qota» jedhee ajaja baaseera.
 
15 Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu,
ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara.
Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef,
haganaa achi biyya teessan hin qabatanu.
Tanaaf, gammadaan jilifadha'a.
Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a.

*^ Gadhaa jabaattu: Gadhi-jabeenni kun hammeenna mudhisa.

1:3 Bukuu: Yookiin awwaara.