Wongeela Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii
Ka Maarqoos Barreesse
Seensa
Wongeelli Maarqoosii, «Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana» jedhiisaan jalqaba. Oduu Gammadaa tana keessatti Yesuus nama huji'iitii fi nama baallii qabu te'ee dhikaateera. Baalliin isaalle: Barsiisa isaatiin, durriisota irratti hunna qabuu fi cubbuu namaatiif araara kenniisaan mudhatteerti. Yesuus, «Kolbaa garbooma cubbu'uu jalaa bilisa baasiisaaf jiruu tiyya wodoo godhee kenniisaaf ka dhufe ani Ilma Namaa ti» jedhee ifumaafuu dubbateera.
Maarqoos dabarsii Yesuusii dubbi'ii fi barsiisa isaa irratti adoo hin te'in irra caalaa hujii bilbaasaa ka inni huje irratti xiyyeeffatee, karaa qajeela'aa fi jaba'aan dhikeesse. Marroo dabarsii Yohaannisii cuupha'aa, marroo cuuphamiisaa fi ataabamiisa Yesuusii, seensa gabaabaa kenneen duuba, marroo barsiisiisaa fi dhibee irraa fayyisiisa Yesuusii badhinnaan barreesseera. Yenna'aan duuba hordofattooti Yesuusii akkuma irraa caalaa Yesuus beekaa deemaneen, worri Yesuus falmulle irra caalaa isa jibbaa deeme. Fooroti dhumaa, torbaan dhumaa keessatti, jiruu Yesuusiititti waan muummowe, keessattuu marroo fannifamiisaa fi du'aa ka'iisa isaa dubbata.
Dhuma Wongeelaa irratti dalleya keessatti ka dhikaate yaadi lamaan barreeffama durii garii keessa calla'atti dhaggama.
Haadhoo Dubbi'ii
Jalqaba Wongeelaa1:1-13
Huji Yesuus Galiilaa keessatti huje1:14—9:50
Yesuus Galiila'aa gara Yerusaalemii dhaqe10:1-52
Yesuus torbaan dhumaa Yerusaalemii fi adaala isi'iititti11:1—15:47
Du'aa ka'iisa Yesuusii16:1-8
Mudhatiisaa fi ol bayiisa Goottaa du'aa ka'ee16:9-20
1
Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa
(Mat. 3:1-12; Luq. 3:1-18; Yoh. 1:19-28)
Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana. Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti,
«Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessu
si'iin dura erga.
Lafa goomole'ee*Goomole'ee: Gammoojji'ii keessatti nami tokkoNami tokko: Hiikkaan gariin, «qoonqoon nama iyyuu» jedha.,
‹Karaa Gootta'aa qopheessa'a;
daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!› jedhaa iyya» jedhantee akkuma barreeffante.
Yohaannisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, «Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama» jedhaa lallabaa dhufe. Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasaneeDhugaa baasanee: Faaci'atanee, cubbuu ifitti beekane., laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane.
Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma hollaa nyaataa ture. Inni, «Ka na caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti. Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan§Ayyaana Woyyichaan: Ayyaana Qulqullu'uun isin cuupha» jedhee lasse.
Cuuphamuu Yesuusii
(Mat. 3:13-17; Luq. 3:21-23; Yoh. 1:31-34)
Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame. 10 Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge. 11 Ol-gubbaa irraa, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera» qoonqoon jettu dhage'ante.
Ataabamuu Yesuusii
(Mat. 4:1-11; Luq. 4:1-13)
12 Yennuma san Ayyaanni Waaqaa akka Yesuus gara lafa goomole'ee dhaqu tolche. 13 Yesuus lafa goomole'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa*Ataabamaa: Nunnuffamaa ture. Achitti bineensota woliin ture; ergantooti Waaqaalle isa tajaajilaneTajaajilane: Ergamane.
Yesuus Galiila'atti Hujii Jalqabe
(Mat. 4:12-17; Luq. 4:14-15)
14 Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aaHidha'aa: Hidhaanaa dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe.Mat. 3:2 15 Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!» jedhe.
Yesuus Barattoota Jalqabaa Arfan Waame
(Mat. 4:18-22; Luq. 5:1-11)
16 Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo§Caccoo: Tiyyoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge. 17 Inni isaaniin, «Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha» jedhe. 18 Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane.
19 Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimmidhaffatanuun dhagge. 20 Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane.
Yesuus Namicha Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise
(Luq. 4:31-37)
21 Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbata*Sanbata: Guyyaa foora Yihudootaa itti aanuu Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee barsiise. 22 Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka inni itti barsiise jajane. 23 Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, 24 «Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu teeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!» jedhe iyye.
25 Yesuus ayyaana hama'aan «Cadhisi! Keessalle'ee bayi» jedhee xixe.
26 Ayyaanni hamaan sun namicha gajassiisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye. 27 Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, «Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman» jettee wol woliin dudubbatte.
28 Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame.
Yesuus Kolbaa Hedduu Fayyise
(Mat. 8:14-17; Luq. 4:38-41)
29 Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe. 30 Yennaa inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteerti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane. 31 Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte.
32 Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane. 33 Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante. 34 Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge.
Yesuus Galiila'atti Oduu Gammadaa Lallabe
(Luq. 4:42-44)
35 Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate. 36 Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane. 37 Isaan yennaa isa dhaggane, «Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran» jedhaneen.
38 Yesuus ammoo, «Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male» isaaniin jedhe.Mat. 4:23; 9:35
39 Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoota waaqonfannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase.
Yesuus Namicha Tokko Fayyise
(Mat. 8:1-4; Luq. 5:12-16)
40 Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, «Yoo fedha keeti te'e na fayyisuuFayyisuu: Qulleessuu hin dandeetta» jedhee isa gaafate.
41 Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, «Hin fedha, fayyi!» isaan jedhe.
42 Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye. 43 Achiin duuba Yesuus namichaan, 44 «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichattiHayyichatti: Qeesichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!» jedhee, jabeessee, seeree, isa erge.
45 Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iititti§Qoommi'iititti: Qoonni'iititti ture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte.

*1:3 Goomole'ee: Gammoojji'ii

1:3 Nami tokko: Hiikkaan gariin, «qoonqoon nama iyyuu» jedha.

1:5 Dhugaa baasanee: Faaci'atanee, cubbuu ifitti beekane.

§1:8 Ayyaana Woyyichaan: Ayyaana Qulqullu'uun

*1:13 Ataabamaa: Nunnuffamaa

1:13 Tajaajilane: Ergamane

1:14 Hidha'aa: Hidhaanaa

1:14 Mat. 3:2

§1:16 Caccoo: Tiyyoo

*1:21 Sanbata: Guyyaa foora Yihudootaa

1:38 Mat. 4:23; 9:35

1:40 Fayyisuu: Qulleessuu

1:44 Hayyichatti: Qeesichatti

§1:45 Qoommi'iititti: Qoonni'iititti