2
Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise
(Mat. 9:1-8; Luq. 5:17-26)
Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette. Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu, jarri takka nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo*Heellichoo: Heellichoon mana biyya Filisxeemii hin baxxatti malee, akka mana keennaa ol hin luuxxottu manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
Barsiisoti Seera Muuse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko, «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande'a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu'utti kaso'o? 10 Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween, 11 «Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
12 Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
Yesuus Lewwii Waame
(Mat. 9:9-13; Luq. 5:27-32)
13 Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise. 14 Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka'ee isa hordofe.
15 Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu. 16 Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.
17 Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
(Mat. 9:14-17; Luq. 5:33-39)
18 Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane.
19 Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu. 20 Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyyaa san laaman.
21 «Woyaa dullatti'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erbeen haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurachiitteeShuntuurachiittee: Shuntuurrachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'iille ka qaraa ka caalu te'a. 22 Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayinDaadhiin Woyni'ii ta hin bayin: Daadhiin Woyni'ii o'ituun qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qaddi» isaaniin jedhe.
Gaaffii Marroo Guyyaa Sanbataa
(Mat. 12:1-8; Luq. 6:1-5)
23 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane. 24 Fariisaayoti Yesuusiin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane.
25 Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee? 26 Bara Abiyaataar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe.
27 Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne. 28 Maarre Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a» isaaniin jedhe.

*2:4 Heellichoo: Heellichoon mana biyya Filisxeemii hin baxxatti malee, akka mana keennaa ol hin luuxxottu

2:21 Shuntuurachiittee: Shuntuurrachiittee

2:22 Daadhiin Woyni'ii ta hin bayin: Daadhiin Woyni'ii o'ituun