3
Yesuus Namicha Harka Naafaa Fayyise
(Mat. 12:9-14; Luq. 6:6-11)
1 Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. 2 Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. 3 Yesuus namicha harka naafateeruun, «Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!» jedhe. 4 Achiin duuba jaralle'een, «Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansaa moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?» jedhe. Isaan ammoo cadhisane. 5 Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye.
6 Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane.
Gumiin Guddoon Gara Yesuus Dhutte
(Mat. 12:15-21; Luq. 6:17-19)
7 Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii, 8 qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte. 9 Gumiin guddoon sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime. 10 Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane. 11 Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.
12 Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lamaan Filate
(Mat. 10:1-4; Luq. 6:12-17)
13 Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane. 14 Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu, 15 durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, «Ergantoota» jedhee moggaase.
16 Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni «Pheexroos» jedhee moggaase, 17 Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni «Bo'anerges» jedhee moggaase; akkas jechuulle, «Ilmaan Mandiisu'uu» jechu'u. 18 Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii «Hinaatticha» jedhamee beekkamee fi 19 Yihudaa nama qachaa keriyootii, ka isa dabarsee kenne.
Yesuusii fi Bi'el Zebul
(Mat. 12:22-32; Luq. 11:14-23; 12:10)
20 Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante. 21 Kolbaan, «Inni maraateera» waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane.
22 Barsiisoti Seeraa worri Yerusaalemii dhufane ammoo, «Bi'el Zebul*Bi'el Zebul: Mooticha ayyaanota hamootaa isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» Yesuusiin jedhane.
23 Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, «Attamiin Seexanni Seexana baasuu dande'a? 24 Mootummaan takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti. 25 Maatiin takka yoo ifi falmitee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti. 26 Maarre Seexannille ifi falmee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaa ti malee dhaabbachu'uuf hin dande'u.
27 «Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a.
28 «Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama. 29 Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.Luq. 12:10
30 Yesuus sababa kolbaan, «Inni ayyaana hamaa qaba» jetteertuuf akkana jedhe.
Haadhaa fi Obboleeyyan Yesuusii
(Mat. 12:46-50; Luq. 8:19-21)
31 Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane. 32 Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.
33 Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe. 34 Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana! 35 Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.