4
Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu
(Mat. 13:1-9; Luq. 8:4-8)
1 Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu. 2 Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee:
3 «Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye. 4 Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5 Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe. 6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge. 7 Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune. 8 Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!*Kitaab gariin, gariin dachaa soddoma, gariin dachaa jaatama, gariin dachaa dhibba buuse jedha; akkas jechuun midhaan soddoma, yookiin jaatama yookiin dhibba buuse jechu'u.» jedhe.
9 Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe.
Mammaassi Maaf Akka Barbaachise
(Mat. 13:10-17; Luq. 8:9-10)
10 Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane. 11 Yesuus deebisee, «Dhossaan†Dhossaan: Iccitiin, misxiriin, fojoon, gonci mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti‡Kennanteerti: Himanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama. 12 Wonni himamuufille,
«‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle,
ijjumaa akka hin dhaggine;
dhage'anee dhage'aneelle,
ijjumaa akka hin hubanne;
gara Waaqaa deebi'anee
innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.
Hiikkaa Mammaassa Namicha Midhaan Facaasuu
(Mat. 13:18-23; Luq. 8:11-15)
13 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree? 14 Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa. 15 Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti. 16 Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti.
17 «Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan§Miidhaan: Ari'amuun yennaa ka'u yoosuma jigan. 18 Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti. 19 Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan. 20 Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe.
Mammaassa Ifa Gombisoo Jalaa
(Luq. 8:16-18)
21 Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii? 22 Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati.Mat. 10:26; Luq. 12:2 23 Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe.
24 Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama. 25 Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe.
Mammaassa Midhaan Ifumaan Mudhee Guddatuu
26 Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti. 27 Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata. 28 Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa. 29 Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe.
Mammaassa Midhaan Sanaafici'ii
(Mat. 13:31-32; Luq. 13:18-19)
30 Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna? 31 Isiin akka midhaan Sanaafici'ii*Sanaaficii: Sanaaficiin waan ficha'atti dhaabbanuu fi nyaatantu teetee, midhaan isi'ii imiimii akka midhaan muka danbi'iiti ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata. 32 Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe.
33 Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime. 34 Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
(Mat. 8:23-27; Luq. 8:22-25)
35 Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe. 36 Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane. 37 Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin†Danbaliin: Danbalaan bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette. 38 Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.
39 Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e. 40 Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.
41 Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.
*4:8 Kitaab gariin, gariin dachaa soddoma, gariin dachaa jaatama, gariin dachaa dhibba buuse jedha; akkas jechuun midhaan soddoma, yookiin jaatama yookiin dhibba buuse jechu'u.
†4:11 Dhossaan: Iccitiin, misxiriin, fojoon, gonci
‡4:11 Kennanteerti: Himanteerti
§4:17 Miidhaan: Ari'amuun
4:22 Mat. 10:26; Luq. 12:2
*4:31 Sanaaficii: Sanaaficiin waan ficha'atti dhaabbanuu fi nyaatantu teetee, midhaan isi'ii imiimii akka midhaan muka danbi'iiti
†4:37 Danbaliin: Danbalaan