4
Nahimiyaan Worra Hujii Isa moromu Injifate
1 Nuuti Yihudooti dalleya deebinnee ijaariisa akka jalqanne Sanbalaax yennaa dhage'e, aaree guddoo mufatee, nutti murge. 2 Inni jaalota ifiitii fi loltoota Samaariya'aa duratti, «Yihudooti dadhabooti tun maan hujiisatti jiran? Isaan dalleya deebisanee hin ijaaranii? Isaan ciincaa dhikeessaaranii? Isaan guyyuma tokkotti hujanee fixaaranii? Isaan dhakaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanee ittiin ijaaruu hin dande'anii?» jedhe.
3 Xobiiyaan Amoontichi ka isa bira jiru, «Dalleya dhaka'aa ka isaan ijaariisatti jiranu san, jeedalti takka adoo irra baate caccassitee jissiisa dandeetti!» jedhe.
4 Ani Nahimiyaan, «Ee Waaqa keenna! Nuuti waan tuffatanneef nuu dhage'i; arraba isaanii matuma isaaniititti deebis; akka isaan saamamanuuf, biyya ormaatitti dabarsii isaan kenni. 5 Isaan nu worra ijaaru waan arrassaneef, yakkaa isaanii hin dhossin; cubbuu isaaniille fuula keeti duraa akka baddu hin godhin» jedhee daadimadhe.
6 Maarre kolbaan hujiisaaf dharraa waan qadduuf, nuuti dalleya deebinnee ijaarree, haga dheerinna dalleyaa geessisiisaaf wodhakkeessinee, dalleya mara wol geessinne.
7 Sanbalaaxii fi Xobiiyaan, worri Arabaatii fi worri Amoonii, worri Ashidoodiille akka nuuti dalleya Yerusaalemii deebinnee, akka dansaa ijaariisatti jirruu fi addee duwwaalle akka duuchine yennaa dhage'ane, isaan guddoo aaranee, 8 isaan martinuu gara Yerusaalemii dhufanee, loliisaa fi jeeqiisaaf wolitti qabamanee mala dhowane. 9 Nuuti ammoo gara Waaqa keennaa daadimannee, isaan ifi irraa dhooggatiisaaf eeddota halkanii fi guyyaa eeganu godhane.
10 Yoos kolbaan Yihuda'aa, «Nuuti ba'aa ba'atiisa waan dadhanneef, caccabaan woyiille guddoo waan bacateef, nuuti dalleya ijaariisa hin dandeennu» jedhane.
11 Diinoti keenna, «Adoo isaan hin beekin yookiin adoo isaan womaa hin dhaggin, nuuti dursinee isaanitti dhunnee isaan ijjeennee, hujii isaanii dhaabbachiinna» jedhane. 12 Yihudooti worri adaala diinota keennaa le'anu, diinoti keenna addee maraa dhufanee nu loliisaaf, mala nutti dhowane yennaa hedduu nutti himane. 13 Tanaaf ani namoota dalleya duubaan addee ijaarsi hin fixamin, shallaagaa, ebo'oo fi guubee qabachiisee, maatii maati'iin kushee qabachiise.
14 Ani akka kolbaan sodaatte dhaggee, kolba'aa fi sooreyyii isaaniitiin, qondaalotalle'een, «Diinota keessan hin sodaatina'a. Waaqi guddaan sodaatamaan, worra keessaniif, ijoollee teessaniif, haadhotii manaa teessaniif, maatii teessaniif akka isiniif lolu qaabadha'a» jedheen. 15 Diinoti keenna mala isaanii akka nuuti beenne dhage'anee, Waaqille yaada isaanii akka hongeesse yennaa hubatane, nuuti martinuu gara dalleya deebinnee ijaariisaa dachaane.
16 Guyyaa san irraa jalqabee, namoota kiyya keessaa gamisi isaanii hujii ijaarsaa hujane; gamisi isaaniille eboo, wontee, guube'ee fi meya lolaa hidhatanee eeddoo dhaabbatane. Sooreyyiin teennalle kolba'aaf qarqaarsa guutuu kennituun, 17 kolbaan dalleya deebittee ijaartiiyyu. Worri waan dalleya ittiin ijaaranu ba'atuuyyuu, harka tokkoon hujii hujaa, harka kaaniin meya woraanaa qabatanee diina ifi irraa dhooggatiisaaf qophowaneeraniiyyu. 18 Worri dalleya ijaaru marti yennaa dalleya ijaaru, shallaagaa ifii hidhatti hidhatee ijaaraayyu. Namichi tultullaa afuufu na biraa hin gorre. 19 Ani kolba'aan, sooreyyi'ii fi qondaaltota isaaniitiin, «Hujiin hujii guddo'oo fi badhoo waan teeteef, nuuti dalleya irra wol irraa faffagaanneerra. 20 Qoonqoo tultullaa yoo dhageettane, gara keenna birmadha'a*Birmadha'a: Yookiin nutti reeba'a yookiin gara keenna dacha'a'ajechu'u.. Waaqi keenna nu'uuf hin lola» jedheen. 21 Maarre guyyuma guyya'aan, dayya'a boru'uutii haga halkan urjiin bayutti namoota keenna keessaa gamisi dalleya ijaaraa, gamisi eboo qabatanee eegaaraniiyyu.
22 Anille yennaa san kolba'aan, «Halkan eegaa, guyyaa akka nuuf hujanu namooti martinuu tajaajiltoota ifii woliin qachaa Yerusaalemii keessa bulanuu ti» jedheen. 23 Maarre anille yookiin worri kiyyalle yookiin tajaajiltooti tiyyalle yookiin namooti eeddoo na gula deemanulle nami tokkolle woyaa teenna ifi irraa hin baafanne. Yennaa bisaan dhaquuyyuu nami tokkolle meya ifii ka woraanaa harka middicha irraa lafa hin keenne.