5
Nahimiyaan Hiyyeeyyii Qarqaare
1 Yennaa takka dhiiraa fi dubartiin Yihudootaa hedduun, Yihudoota sooreyyii ifii mormanee iyyatiisa jalqabane. 2 Isaan keessaa gariin, «Nuuti maatii hedduu qanna; akka nyaannee jiru'uun leenuuf, midhaan dhaggachuu nu barbaachisa» jedhane.
3 Worri dhibiin, «Bara beelaa midhaan dhaggatiisaaf, fichaa keenna, addee woynii teennaa, mana keennalle qassiinneerra» jedhane.
4 Worri dhibiille, «Fichaa keennaa fi addee woynii teennaatiif, gibira mootumma'aa kaffaliisaaf beesee liqeeffanneerra. 5 Nuuti akkuma Yihudoota kaanii Yihudoota; ijoolleen teennalle akkuma ijoollee isaanii ti; te'uu malee nuuti ijoollee teenna akka garboota te'anu gooneerra; ammumaayyuu ijoolleen teenna ta durraa gariin garboomaneeran; fichaa keennaa fi addeen woyni'ii teenna waan nu irraa fudhatamaneef, nuuti hunna dhanneerra» jedhane.
6 Ani yennaa iyyata isaanii kana dhage'e guddoo aare. 7 Guddisee itti yaadeen duuba, worra gugurda'aa fi qondaaltotaan, «Isin attam kolbaa teessan irraa dhala liqa'aa fudhattan!» jedhee aaladhe; isaan woliin dubbii tana ilaaliisaaf gumii guddoo waamee, 8 «Nuuti haga dandeennetti, worra keenna Yihudoota ka gosa dhibi'itti gurguramane wodiisatti jirra; amma ammoo isin worrummaan keessan garba te'anee akka isinitti gurguramanu hunnaan godhiisatti jirtan!» isaaniin jedhe. Isaan waan jedhanu dhabanee cadhisane.
9 Maarre ani, «Wonni isin hujiisatti jirtanu dansa'aa moti; akka worri diina keennaa nu hin qaanessine, isin Waaqa sodaatiisaan ideemiisa maltane. 10 Anii fi worri kiyya, tajaajiltooti tiyyalle beese'ee fi midhaan kolba'aaf liqeessineerra. Dhala liqa'aa fudhatiis hafuu ti. 11 Fichaa isaanii, addee woynii isaanii, oorruu muka ejersaa isaanii, mana isaaniille deebisa'aaf; akkasuma dhala beese'ee, dhala midhaanii, dhala woyni'iitii fi zayiti'ii ammuma lakkisa'aaf» jedheen.
12 Achiin duuba worri gugurda'aa fi qondaaltoti, «Nuuti waan mara hin deebinna; waan tokkolle deebinee isaan irraa hin barbaannu; akkuma ati jette hin goona» jedhane.
Ani hayyoota waamee, sooreyyiin akkuma waadaa galane akka godhanu, akka kakachiisanu godhe. 13 Achiin duuba ani hiituu hidhaa hiikadhee, hargufee, «Maarre nama waan waadaa gale kana hin goone, manaa fi karra isaa irraa Waaqi isa hargufuu ti! Hargufamee duwwaa hafuu ti!» jedhe. Gumiin martinuu, «Ameen» jettee Mootii Waan Maraa galateeffatte. Worri gugurda'aa fi qondaaltoti akkuma jedhane godhane.
Arjummaa Nahimiya'aa
14 Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne. 15 Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone. 16 Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji'iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite. 17 Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture. 18 Guyyuma guyya'atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni'ii ta gosa adda addaatitti*Daadhii woyni'ii ta gosa adda addaa: jechuun tun daadhii woyni'ii o'ituu yookiin ta turte daadhii godduu akka qopheessane ilaalaa. qophowaayyu. Te'uu malee, ba'aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne. 19 Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom.
*5:18 Daadhii woyni'ii ta gosa adda addaa: jechuun tun daadhii woyni'ii o'ituu yookiin ta turte daadhii godduu akka qopheessane ilaalaa.