7
1 Dalleenni deebi'ee ijaaramee, cufanaan itti keyameen duuba, worra karra eeguuf, worra faarfatuu fi worra Lewwootaatiif hujiin isaanii kennanteef. 2 Anille qachaa Yerusaalemii akka bulchanuuf, namoota lama file; isaanille obboleessa kiyya Haanaanii fi Hanaaniya'a; Hanaaniyaan nama itti gaafatamaa kushe'ee*Itti gaafatamaa kushe'ee: Itti gaafatamummaan isaa tun ta eegiisa dalleya mana mootumma'aa ti., nama addatama'aa fi nama namoota hedduu caalaa Waaqa sodaatu. 3 Anille, «Barii haga aduun o'itutti karri Yerusaalemii akka hin bananne, galgala worri karra eegu adoo hin galin dura karra cufee akka danqaru, akkasuma Worra Yerusaalem keessa le'u keessaa eeddota filanee, gariin addee eegamuu malte akka eeganu, gariin adaaluma mana ifii akka eeganu fila'a» jedhee isaan ajaje.
Laakkossa Worra Booji'amee Deebi'ee
(Izr. 2:1-70)
4 Qachaan Yerusaalemii badhaa gudda'a; kolbaan qachaa san keessa leetu ammoo diqqo'o; manni hedduulle itti ijaaramee hin jiru. 5 Waaqi akka ani qondaaltotaa fi bulchitoota, kolbaalle wolitti qabee akka hidda dhaloota isaaniititti galmeessu na kakkaase; ani galmee hiddi dhaloota worra qara booji'amee deebi'ee irra jiru dhagge; ani barreeffama asiin gad jiru keessatti dhagge:
6 Worra Nebukadnezaar mootiin Baabilonii booji'eeruun, gara Yerusaalemii fi Yihuda'aa deebi'anee, tokko tokkoon isaaniituu gara qachaa ifii galane, 7 sooreyyiin isaanii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raa'amiiyaa, Nahamaani, Mordekaayi, Biilshaan, Miispheret, Biigwaayi, Nehumii fi Ba'anaah.
8 Sanyiin Faaroshii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama; 9 sanyiin Shefaaxiya'aa dhibba sadii fi torbaatamii lama; 10 sanyiin Ara'aa dhibba jaa fi shantamii lama; 11 sanyiin Iyaasu'uutii fi sanyii Yo'aabii ka te'e, sanyiin Fahat-Mo'aabii kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudhanii saddeeti; 12 sanyiin Elaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; 13 sanyiin Zaatu'uu dhibba saddeetii fi afurtamii shan; 14 sanyiin Zakaayii dhibba torbaa fi jaatama; 15 sanyiin Binu'uu dhibba jaa fi afurtamii saddeeti; 16 sanyiin Bebaayii dhibba jaa fi diddamii saddeeti; 17 sanyiin Azigaadii kuma lamaa fi dhibba sadii fi diddamii lama; 18 sanyiin Adoniiqaamii dhibba jaa fi jaatamii torba; 19 sanyiin Biigwaayii kuma lamaa fi jaatamii torba; 20 sanyiin Aadiinii dhibba jaa fi shantamii shan; 21 gosi Ateerii, sanyiin Hisqiyaasii sagaltamii saddeeti; 22 sanyiin Hashumii dhibba sadii fi diddamii saddeeti; 23 sanyiin Bezaayii dhibba sadii fi diddamii afur; 24 sanyiin Haarifii dhibba tokkoo fi kudhanii lama; 25 sanyiin Giibe'onii sagaltamii shan.
26 Kolbaan Betlihemiitii fi Netofa'aa dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeeti; 27 kolbaan Anaatotii dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; 28 kolbaan Beti-Azimaawetii afurtamii lama; 29 kolbaan Kiriiyat-Ya'ariimii, kolbaan Kefiira'aatii fi Berootii dhibba torbaa fi afurtamii sad; 30 kolbaan Raama'aatii fi Geba'aa dhibba jaa fi diddamii tokko; 31 kolbaan Miikmaashii dhibba tokkoo fi diddamii lama; 32 kolbaan Bet'elii fi Aayii dhibba tokkoo fi diddamii sad; 33 kolbaan Neboo dhibi'ii†Dhibi'ii: Yookiin lammeesso'oo. shantamii lama; 34 sanyiin Elaamii dhibi'ii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur; 35 sanyiin Haariimii dhibba sadii fi diddama; 36 sanyiin Yeriko'oo dhibba sadii fi afurtamii shan; 37 sanyiin Lodii, sanyiin Haadiidiitii fi sanyiin Onoo dhibba torbaa fi diddamii tokko; 38 sanyiin Senaa kuma sadii fi dhibba sagalii fi soddoma;
39 Hayyooti: Sanyii Yedaa'iya'aa keessaa sanyiin Iyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sad; 40 sanyiin Iimerii kuma tokkoo fi shantamii lama; 41 sanyiin Faashihurii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba; 42 sanyiin Haariimii kuma tokkoo fi kudhanii torba.
43 Lewwooti: sanyiin Iyaasu'uu, maatiin Qadmii'eliitii fi Hodaawiya'aa torbaatamii afur; 44 faarfattoota keessaa: sanyiin Asaafii, dhibbaa fi afurtamii saddeeti; 45 Worra karra eegu keessaa: sanyiin Shaalumii, sanyiin Ateerii, sanyiin Xalmoonii, sanyiin Aquubii, sanyiin Haxiixa'aatii fi Shobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeeti.
46 Worri tajaajiltoota Galma Waaqaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasufa'aa, sanyii Xabaa'otii, 47 sanyii Qerosii, sanyii Sii'aa, sanyii Faadonii, 48 sanyii Lebaana'aa, sanyii Hagaaba'aa, sanyii Shalmaayii, 49 sanyii Haanaanii, sanyii Giidelii, sanyii Gahaarii, 50 sanyii Re'aaya'aa, sanyii Resiinii, sanyii Neqoda'aa 51 sanyii Gaazaamii, sanyii Uza'aa, sanyii Faaseha'aa, 52 sanyii Besaayii, sanyii Me'uniimii, sanyii Nefushesiimii, 53 sanyii Baqbuqii, sanyii Haqufa'aa, sanyii Harhurii, 54 sanyii Baazliitii, sanyii Mehiida'aa, sanyii Haarsha'aa, 55 sanyii Baarqosii, sanyii Siisera'aa, sanyii Tama'aa, 56 sanyii Nesiiya'aatii fi sanyii Haxiifa'aa ti.
57 Sanyii tajaajiltoota Solomoonii keessaa: sanyii Soxaayii, sanyii Soferetii, sanyii Firiida'aa, 58 sanyii Ya'ala'aa, sanyii Daarqonii, sanyii Giidelii, 59 sanyii Shefaaxiya'aa, sanyii Haxiilii, sanyii Fokeret-Hasbaayimiitii fi sanyii Amoonii ti.
60 Sanyiin tajaajiltoota Galma Waaqaa martii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii wolumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.
61 Worri qachaa Tel-Melaatii irraa, qachaa Tel-haareshaatii irraa, qachaa Keruubii irraa, qachaa Adoniitii fi qachaa Iimerii irraa deebi'anee dhufane ammoo sanyii isaanii yookiin abuubota isaanii Israa'el akka te'ane mirkaneessiisa hin dandeenne. 62 Isaanille sanyii Delaaya'aa, sanyii Xobiiya'aatii fi sanyii Neqoda'aa ti; laakkossi isaanii dhibba jaa fi afurtamii lama.
63 Ammalle, hayyoota keessaa: sanyiin Habaaya'aa, sanyiin Haqoziitii fi Baarzilaayii ka intala Baarzilaayii Giilaadichaa fuudhee maqaa kanaan waamamane; 64 worra akka hidda dhaloota isaaniititti barreeffame keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef, isaan akka qulqullummaa hin qannetti laakkowamanee, hujii hayyumma'aa keessaa baasane; 65 Bulchaan Yihudootaa, «Haga hayyuun Uriimii fi Tumiimiin‡Uriimii fi Tumiim: Waan hayyichi fedhii Waaqaa murteessiisaaf itti fayyadamu. tajaajilu dhaggamutti sagalee woyyittii§Sagalee woyyittii: Ta Waaqaaf kennante jechu'u. hin nyaatina'a» jedhee isaanitti hime.
66 Laakkossi worra booji'amee deebi'ee wolumatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama. 67 Kana biratti laakkossi tajaajiltoota isaanii dhiiraa fi dubartiin kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; isaan faarfattootalle dhiiraa fi dubartii dhibba lamaa fi afurtamii shan qaban. 68 Fardooleen isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaa; gaangoleen isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan; 69 Gaalota dhibba afurii fi soddomii shanii fi harreelee kuma jaa fi dhibba torbaa fi diddama qaban.
70 Dura aantoti firaa gariin hujii tanaaf kennansa kennane. Bulchaan biyyaa worqii gara kiiloo saddeetii, qorii boboollittii shantama, woyaa hayyootaa dhibba shanii fi soddoma kenne. 71 Dura aantoti firaa gariin worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetiitii fi meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamaa Galma Waaqaa deebisanee ijaariisaaf kennane. 72 Kolbaan worri hafane wolumatti worqii gara kiiloo dhibbaa fi jaatamii saddeetii, meetii gara kiiloo kuma tokkoo fi dhibba tokkootii fi woyaa hayyootaa jaatamii torba kennane.
73 Maarre Hayyooti, worri Lewwootaa, eeddoti karraa, faarfattooti, kolbaan worri kuunille, tajaajiltooti Galma Waaqaa, Israa'elooti martinuu qachaa ifii keessa qubatane.