8
Izraan Seera Waaqaa Kolba'aaf Dubbise
Kolbaan Israa'elii martinuu ji'a torbeesso'oo qachoota ifiititti qubatte; ji'a san guyyaa qaraa kolbaan duudiin Yerusaalemitti karra «Karra bisaanii» jedhamu fuula duratti gara keessaatitti tokkumma'aan wolitti qabante; isaanille Izraa barreessaa kitaabaa, «Kitaaba Seera Muuse'ee ka Waaqi kolbaa Israa'eliitiif kenne fidi!» jedhanee gaafatane. Ji'a torbeesso'oo, guyyaa qaraa Izraan hayyichi nami hubatuu dande'u duudiin: dhiirti, dubartiin, diqqa'aa fi guddaan addee wolitti qabamaneeranutti Kitaaba Seeraa fide. Inni gara gumii karra bisaanii fuula dura jirtuu garagalee, dhiiraa fi dubartii, akkasuma worra wo hubatuu dande'u duratti ganamaa haga orra'aa, qoonqoo guddo'oon dubbise; kolbaan duudiin Kitaaba Seeraa san akka dansaa dhageette.
Izraan barreessaan kitaabaa waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta mukaa, guyyaa haajaa akkasii kanaaf irra dhaabbatiisaaf hujante irra dhaabbate; gara harka isaa middaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bita'aatille'een Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa cinaa dhaabbataneeran.
Izraan addee ol kaate irra waan dhaabbateeruuf, kolbaan duudiin gara isaa ilaaliisatti jirtiiyyu; akkuma inni Kitaaba san baneen, isaan martinuu ka'anee dhaabbatane. Izraalle Mootii Waan Maraa Waaqa guddicha leellise; kolbaan duudiin harka ifii ol qabattee «Ameen, ameen!» jette; achiin duuba adda ifiille'een lafatti gad jiddee Mootii Waan Maraatiif sagadde.
Achiin duuba isaan martinuu ka'anee, adduma jiranutti dhaabbatane; worri Lewwootaalle, Iyaasuun, Baaniin, Sherebiiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiiyaan, Ma'aseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad, Haannaanii fi Phelaayaan Kitaaba Seeraa san kolbaa hubachiisane. Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba'aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba'aaf galu hiikanee issane.
Kolbaan duudiin waan Seerri jedhu yennaa dhageette waan bootteef, Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan hayyichi barsiisaan kitaaba seeraatii fi Lewwooti worri seera hiikanee kolbaa barsiisane, «Guyyaan kun Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyicha waan te'eef, isin hin gaddina'a, hin bowna'a!» jedhanee isaan duudi'itti himane. 10 Nahimiyaan, «Dhaqa'aatii sagalee filante nyaadha'a; untoo mi'oottuulle una'a! Worra hin qannelle'eef irraa qooda'a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te'eef, hin gaddina'a!» jedhe.
11 Worri Lewwootaalle kolbaa duudi'iin, «Guyyaan kun woyyicha waan te'eef, cadhisa'a; hin gaddina'a!» jedhanee cadhisiisane. 12 Kolbaan duudiin jechoota isaaniif dubbifame waan hubataneef, nyaatiisaa fi uniisaaf, waan qabanu irralle'ee worra dhibi'iif qoodiisaaf, gammadiisaafille gara mana mana ifii galane.
Jila Gose'ee Jilifatane
13 Guyyaa lammeesso'oo worri sooreyyii firaa duudiin hayyootaa fi Lewwoota woliin jechoota Seera sanii baratiisaaf, Izraa barsiisaa Seera Kitaabaa biratti wolitti qabamane. 14 Isaanille ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne keessatti, «Ji'a torbeesso'oo keessa yennaa jila gose'ee jilifatanu, kolbaan Israa'elii gosee keessa teetuu ti!» jedhu, Seera keessatti bareeffameeruun dhaggane. 15 Maarre isaan, «Akkuma barreeffametti gosee ijaariisaaf gaaratti ol baya'aatii, dameelee ejersa zayiti'iitii fi ejersa badda'aa, dameelee muka dakkaraa, meexxi'ii fi dameelee muka baala-qabeeyyi'ii fida'a!» jedhanee, qachoota isaanii duudi'ii fi Yerusaalem keessatti lassane.
16 Tanaaf kolbaan baatee dameelee mukaa fiddee, tokko tokkoon isaanii heellichoo mana ifii irratti*Heellichoo mana ifii irratti: Heellichoon mana Israa'elootaa diriirtuu waan teeteef, isii irratti midhaan afachuu, gosee dhibii irratti ijaaranee keessatti waaqonfatuu yookiin yennaa bonaa keessa rafuu dande'an., dalleya mana ifiitii fi dalleya Galma Waaqaa keessatti, badhinna karra bisaanii jedhamutti, badhinna karra Efreemii duralle'etti gosee ijaarane. 17 Namooti biyya itti booji'amanee deebi'ane duudiin gosee ijaarratanee keessa tee'ane; eegii bara Iyaasuu ilma Nuniitii haga guyyaa saniititti kolbaan Israa'elii akkas gammaddee hin beettu; gammadi itti dhage'amelle akka malee gudda'a. 18 Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya'aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso'oo aadaan muummeffata jilaa godhame.

*8:16 Heellichoo mana ifii irratti: Heellichoon mana Israa'elootaa diriirtuu waan teeteef, isii irratti midhaan afachuu, gosee dhibii irratti ijaaranee keessatti waaqonfatuu yookiin yennaa bonaa keessa rafuu dande'an.