10
Worri wolii galtee mallatteesse kanatti aananee jiran;
Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa ka biyya bulchu, Xidiiqiiyaa,
Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
Phashihur, Amaariyaa, Malkiiyaa,
Haxushi, Shebaniyaa, Maluuk,
Hariim, Meremoot, Obaadiyaa,
Daani'el, Ginetoon, Baaruk,
Meshulaam, Abiiyaa, Miyaamin,
Maaziyaa, Biilgaayii fi Shemaa'iya'a; isaan kun worra hayyootaa ti.
Worra Lewwootaa keessaa ammoo, Iyaasuu ilma Azaaniya'aa, ilmaan Henaadaadii keessaa ammoo Biinuyi, Qadmii'elii fi,
10 firoottan isaanii, Shebaniyaa, Hodiiyaa, Qaliixaa, Pheelaayaa, Haanaan,
11 Miikaa, Rehoob, Hashabiiyaa,
12 Zaakur, Sherebiiyaa, Shebaniyaa,
13 Hodiiyaa, Baanii fi Beniinu.
14 Sooreyyii kolba'aa keessaa ammoo, Phaarosh, Phaahati-Mo'aab, Elaam, Zaatuu, Baanii,
15 Buni, Azigaad, Bebaayi,
16 Adoniyaa, Biigwaayi, Aadiin,
17 Ater, Hisqiyaa, Azur,
18 Hodiiyaa, Hashum, Bezaayi,
19 Hariif, Anaatoti, Nebaayi,
20 Maagphiyaashi, Meshulaan, Heziir,
21 Meshezaabi'el, Zaadoq, Yaaduwaa,
22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
23 Hoshe'aa, Hanaaniyaa, Hashub,
24 Haloheshi, Philhaa, Shobeq,
25 Rehuum, Hashabnaa, Ma'aseyaa,
26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
27 Maluuk, Haariimii fi Ba'ana'a.
28 Namoottaan worra hafane keessaa ammoo, Hayyooti, Lewwooti, worri karra eegu, faarfattooti, tajaajiltooti Galma Waaqaa, akkasuma worra Seera Waaqaatiif jedhanee kolbaa adaala san jirtu keessaa addaan ifi baasane maraa, dubartoota isaanii, ilmaan isaaniitii fi ijoollee durraa isaanii worra beekkumsaa fi hubantii qabu mara woliin, 29 firoottan isaanii, qondaaltota isaanii wolitti dabalamanee, seera Waaqaa ka harka Muusee garbicha Waaqaatiin kenname gula deemiisaaf, ajaja, seerata fi sirna Mootii Waan Maraa Goottaa keennaa maraayyuu eegiisaaf, yoo yakkane abaaramiisaaf kakatane.
30 Nuuti ijoollee durraa teenna namoota biyya sanii akka hin heerumsiinne, ijoollee durraa ta isaaniille ilmaan teenna akka hin fuusinne kakanne.
31 Namooti biyya sanii meya daldalaa yookiin midhaan gurguriisaaf, gaafa Sanbataa yoo fidane, gaafa Sanbataa yookiin guyyaa jilaa dhibiille, nuuti isaan irraa hin binnu. Woggaa torbeesso'ootitti fichaa bulchinee foorfachiinna; liqaa maralle hin lakkinna.
32 Nuuti tokko tokkoon keenna wogguma wogga'aan tajaajila mana Waaqa keennaatiif, sheeqelii*Sheeqelii: Beesee meetii irraa hujanu. harka sad keessaa tokko baasuu ifitti murre.
33 Kunille daabboo Waaqaaf kennantuufDaabboo Waaqaaf kennantu: Daabboon tun akka seera bara saniititti ta Waaqaaf xarapheessaarra keyanu., kennaa midhaanii ka guyyaa guyya'aan dhikaatuuf, kennansa ciinca'aa ka guyyaa guyya'aa dhikaatuuf, guyyaa Sanbataatiif, baatii ji'ootaatiif, guyyaa jila beekkamaneetiif, kennansa woyyichaa fi kolbaa Israa'eliitiif araara buusiisaaf ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaattu, hujii mana Waaqa keennaa keessatti hujantu maraaf ka te'u.
34 Nuuti hayyooti, Lewwooti, kolbaalle, akka seera keessatti barreeffantetti, ciincaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikaatu addee ciinca'aa irratti ciincessiisaaf, qoraan barbaachisu, maatii dhikeessitu murteessiisaaf, wogguma wogga'aan hixaa buufanna.
35 Nuuti wogguma wogga'aan midhaan galfannuu fi midhaan mukaa mara keessaa mataa mataa gara Galma Mootii Waan Maraa finna.
36 Ilma angafa tokko tokkoo keennaaf dhalate, gara hayyoota Galma Waaqa keennaa keessa tajaajilanuu geessinee, akkuma seera keessatti barreeffante, achitti Waaqaaf adda baanna. Akkasuma angafa loon keennaa, angafa hoolotaa fi re'oota teennaalle Waaqaaf adda baanna.
37 Itti daballeelle bukoo midhaan keennaa ka qaraa irraa, kennaa midhaan keennaa irraa, midhaan mukaa mara irraa, daadhii woyni'ii haareya irraa, zayitii ejersaa irralle'ee hayyootaaf akka te'anu, Galma Waaqa keennaa keessatti addee meen itti galfamutti geessina; qachoota nuuti keessa hunyu marattuu kudhan keessaa tokko worri guuru Lewwoota waan te'eef, kudhan keessaa tokko midhaan keenna Lewwootaaf geessina. 38 Yennaa Lewwooti kudhan keessaa tokko kana fudhatanu, hayyichi sanyii Aaronii isaan biratti dhaggama; worri Lewwootaa ammoo kudhan keessaa tokko ka guurane san keessaa, kudhan keessaa tokko gara Galma Waaqa keennaa fidanee addee meen itti galfamutti galchan. 39 Lewwootii fi kolbaan Israa'elii kennaa midhaan adda addaa, woynii haareyaa fi zayitii ejersaa addee meen Galma Waaqaa keyamuu fi addee hayyooti worri hujii irra jiranu, worri karra eeguu fi faarfattooti tee'anutti geessan; nuuti ammoo Galma Waaqa keennaa hin lakkinnuHin lakkinnu: Cadhinnee hin ilaallu jechuu ilaala..

*10:32 Sheeqelii: Beesee meetii irraa hujanu.

10:33 Daabboo Waaqaaf kennantu: Daabboon tun akka seera bara saniititti ta Waaqaaf xarapheessaarra keyanu.

10:39 Hin lakkinnu: Cadhinnee hin ilaallu jechuu ilaala.