11
Kolbaa Yerusaalem Keessa Leete
Bulchitooti kolba'aa qachaa Yerusaalemii keessa le'ane; kolbaan worri hafane hixaa buufatanee maatii kudhan kudhan keessaa tokko qachaa guddaa woyyicha Yerusaalem keessa le'iisaaf filatamanee, worri hafe ammoo qachoota dhibii keessa le'ane. Kolbaalle namoota worra fedha ifiitiin Yerusaalem keessa le'iisaaf ifi kennane mara eebbiche.
Kolbaan Israa'elii gariin, hayyooti, Lewwooti, tajaajiltooti Galma Waaqaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoonii qachoota lafa Yihuda'aa keessa jiranu lafuma ifii keessa qachaa ifii keessa le'ane. Sanyii Yihuda'aatii fi sanyii Beniyaaminii keessalle'ee gariin Yerusaalem keessa le'ane. Sanyiin Yihuda'aa:
Atayaa ilma Uziya'aa, akaakoo Zakaariyaasii ti. Sanyiin isaa Amaariyaa, shefaaxiya'aa fi Mahalalelii sanyii Faaresiille dabalata. Akkasuma Ma'aseyaa ilma Baarukii, akaakoo Kolhozee ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Shelaa Hazaayaa, Adaayaa, Yoyaariib fi Zakaariyaas.
Sanyiin Faaresii worri Yerusaalem keessa le'ane, loltooti beekkamane, namoota dhibba afurii fi jaatamii saddeeti.
Sanyii Beniyaaminii keessaa:
Sa'aaluu ilma Meshulaamii, akaakoo Yo'edii ti. Sanyiin isaa ta dhibiin Fedaayaa, Qolaayaa, Ma'aseyaa, Itii'el, Yeshaa'iya'a.
Beniyaaminitti aananee, Gabaayii fi Silaayi, wolumatti sanyiin Beniyaaminii dhibba sagalii fi diddamii saddeetitti Yerusaalem keessa le'e. Yo'el ilmi Ziikrii toowataa isaanii ti; Yihudaan ilmi Hasenu'aa qachaa irratti itti aanaa toowataa qacha'aa ti. 10 Hayyoota keessaa:
Yedaa'iyaa ilma Yoyaariibiitii fi Yaakiin. 11 Seraayaan ilma Hilqiiya'aa, akaakoo Meshulaamii ti. Sanyiin isaa Zaadoq, Meraayootii fi ka dur Galma Waaqaa keessatti hayyicha guddaa te'eeru Ahiixub fa'a. 12 Sanyiin Seraaya'aa worri Galma Waaqaa keessa tajaajilane wolumatti namoota dhibba saddeetii fi diddamii lama. Isaanille Adaayaa ilma Yerohaamii, akaakoo Felaaliya'aa ti. Sanyiin isaa Amzii, Zakaariyaas, Fash-Hurii fi Milkiiyaa fa'a. 13 Sanyiin Adiya'aa, abbootiin firaa dhibba lamaa fi afurtamii lama. Isaanille Amash-saayii ilma Azaari'elii akaakoo Ahazaayii ti. Sanyiin isaa Mashilemootii fi Iimer fa'a. 14 Sanyiin isaanii loltooti beekkamane dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti. Toowataan isaanii Zabdii'elii ilma Hagdoolimii ti.
15 Lewwoota keessaa:
Shemaayaa ilma Hashubii akaakoo Azriiqaamii ti. Sanyiin isaa Hashabiya'aa fi Buni fa'a.
16 Shabetaayii fi Yozaabaad, bulchitoota Lewwootaa, ta hujii Galma Waaqaatiin alaa ti.
17 Mataaniiyaa ilma Miika'aa, akaakoo Zabdii, sanyii Asaafii, ka daadimata leellisaa faaru'uun faarfattoota Galma Waaqaa sooresse.
Gargaaraan isaa Baqbuqiiyaa;
Abdaan ilma shamu'aa, akaakoo Gaalaalii sanyii Yedutuu ti.
18 Wolumatti Lewwoota dhibba lamaa fi saddeettamii afuritti qachaa Yerusaalemii woyyicha keessa le'e.
19 Eeddoti Galma Waaqaa:
Aquub, Xalmoonii fi firoottan isaanii wolumatti dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.
20 Kolbaan Israa'elii ta dhibiin, hayyootaa fi Lewwooti worri hafane, qachoota Yihuda'aa keessa lafuma ifii keessa qachoota Yihuda'aa dhibii keessa le'ane. 21 Tajaajiltooti ammoo Galma Waaqaa gaara Ofeelii gubbaa le'ane; Ziihaa fi Gishiphaan toowattoota isaanii ti.
22 Toowataan Lewwootaa ka Yerusaalem keessa le'e Uzii ilmi Bunii, akaakoo Hashabiiya'aa ti. Sanyiin isaa Mataaniiya'aa fi Miikaa sanyii Asaafii, worra dur itti gaafatantoota faarfannaa Galma Waaqaa keessaa te'ee ti. 23 Dabareen guyyaa guyya'atti worra faarfattootaatiif kennamuu male akka kennamuuf, mooticha biraa ajaji bayeeru jiraayyu.
24 Sanyii Yihuda'aa ka te'e, sanyii Zera'aa, ilmi Meshezaabi'elii Fetaahiyaan mooticha biratti bakka bu'aa Israa'elii ti.
Kolbaa Ollootaa Fi Qachaa Yerusaalemiitiin Alaa keessa Leetu
25 Kolbaan Yihuda'aa gariin qachoota asii gadii ka fichaa isaaniitiin cina'aa: qachaa Kiriyaat-Arabaatii fi olloota isaa keessa, qachaa Dhiibooniitii fi olloota isaa keessa, qachaa Yiqaabzii'eliitii fi olloota isaa keessa. 26 Akkasuma qachaa Yeshu'aa, qachaa Molaada'aa, qachaa Bet-Phaalexii, 27 qachaa Hazarshu'aalii, qachaa Bersheeba'aatii fi olloota isaa keessa, 28 qachaa Siiqlaagii keessa, qachaa Mekona'aatii fi olloota isaa keessa, 29 qachaa En-Rimoon keessa, qachaa Zaarii'a'aa keessa, qachaa Yarmuutii keessa, 30 qachaa Zaano'a'aa keessa, qachaa Adunaamiitii fi olloota isaa keessa, qachaa Laakiishiitii fi fichaa cinaa isaa keessa, qachaa Aazeqa'aatii fi olloota isaa keessa le'ane. Maarre isaan biyya Bersheeba'aatii haga dhooqa Hiinomiititti qubatane.
31 Sanyiin Beniyaaminii ka Geba'aa dhufane, qachaa Makma'aa keessa, qachaa Ayyaatii keessa, qachaa Bet'eliitii fi olloota cinaa isaa keessa, 32 qachaa Anaatotii keessa, qachaa Nobii keessa, qachaa Anaaniiyaa'aa keessa, 33 qachaa Hazoorii keessa, qachaa Raama'aa keessa, qachaa Giitaayimii keessa, 34 qachaa Haadiidii keessa, qachaa Zebo'iimii keessa, qachaa Nebaalaaxii keessa, 35 qachaa Lodiitii fi Onoo keessa, dhooqa namoota hujii harkaa hujuu keessalle qubatanee le'ane. 36 Lewwooti dur lafa Yihuda'aa keessa le'anu gariin lafa kolbaa Beniyaaminii keessa qubatane.