7
Kennansa Eebba Dunkaanii Dhugaa Bayaatiif Kenname
Muuseen yennaa dunkaanii dhugaa bayaa dhaabee fixe, dunkaanii dhugaa bayaatii fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aatii fi meya isi'ii mara zayitii ejersaa muudee woyyoonse. Achiin duuba sooressitooti Israa'elootaa ka worra laakkowameef itti gaafatantoota te'ane sooressitooti maatii maati'ii kennansa kennane. Isaan garreettaa geejjibaa ka itti uffifame jaa fi korommii kudhanii lama, sooreyyiin tokko tokkooyyuu korommii tokko tokko, akkasuma lama lama te'anee, garreettaa geejjibaa tokko tokko kennane; isaan kennansa kana dunkaanii dhugaa bayaa duratti dhikeessane. Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aatiif kennansa kana sooreyyii irraa fuudhi; Lewwootaaf akkuma hujii isaaniititti isaaniif kenni» jedhe. Maarre Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii san Lewwootaaf kenne. Inni garreettaa geejjibaa lamaa fi korommii afur akkuma hujii isaaniititti worra Gershooniitiif kenne. Inni garreettaa geejjibaa afurii fi korommii saddeeti karaa ilma Aaronii hayyichaa Itaamaariitiin, akka tajaajila isaaniititti, worra Meraariitiif kenne. Worri Qahaatotaa ammoo meya woyyicha gurmuu ifii irratti waan ba'atanuuf, Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii isaaniif hin kennine.
10 Addeen ciinca'aa yennaa eebbifantu sooressitootille eebba isi'iitiif kennansa fidanee addee ciinca'aa duratti dhikeessane. 11 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota keessaa eebba addee ciinca'aatiif, guyyuma guyya'atti nami tokko kennansa ifii akka dhikeessu isaanitti himi» jedhe.
12 Guyyaa qaraa kennansa ifii ka dhikeesse gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon; 13 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma*Sheeqeliin dhibbaa fi soddoma: Gara kiiloogiraama 1.5 te'a. madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatamaSheeqeliin torbaatama: Gara giraama 800 te'a. madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 14 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhanSheeqeliin kudhan: Gara giraama 110 te'a. madaalu; 15 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 16 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 17 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Aminaadaabii Nahasoon dhikeesse.
18 Guyyaa lammeesso'oo sooressi gosa Yisaakorii ilmi Zuwaarii Nataani'el kennansa ifii dhikeesse; 19 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma§Sheeqeliin dhibbi tokkoo fi soddoma: Gara kiiloogiraamii 1.5 te'a. madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama*Sheeqeliin torbaatama: Gara giraama 800 te'a. madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 20 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu, 21 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokkoo fi buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 22 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 23 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuwaarii Nataani'el dhikeesse.
24 Guyyaa sadeesso'oo sooressi gosa Zebuloonii ilmi Helonii Eliiyaab kennansa ifii dhikeesse; 25 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 26 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 27 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 28 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 29 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Helonii Eliiyaab dhikeesse.
30 Guyyaa arfeesso'oo sooressi gosa Ruubenii ilmi Shiide'urii Eliizur kennansa ifii dhikeesse; 31 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 32 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 33 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 34 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 35 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Shiide'urii Eliizur dhikeesse.
36 Guyyaa shaneesso'oo sooressi gosa Shimi'oonii ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el kennansa ifii dhikeesse; 37 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 38 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 39 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 40 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 41 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el dhikeesse.
42 Guyyaa jayeesso'oo sooressi gosa Gaadii ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf kennansa ifii dhikeesse; 43 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 44 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 45 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 46 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 47 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf dhikeesse.
48 Guyyaa torbeesso'oo sooressi gosa Efreemii ilmi Amiihudii Eliishaama kennansa ifii dhikeesse. 49 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 50 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 51 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 52 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 53 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiihudii Eliishaama dhikeesse.
54 Guyyaa saddeetesso'oo sooressi gosa Minaase'ee ilmi Phedaazurii Gamaali'el kennansa ifii dhikeesse; 55 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 56 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 57 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 58 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 59 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Phedaazurii Gamaali'el dhikeesse.
60 Guyyaa sagaleesso'oo sooressi gosa Beniyaaminii ilmi Gedewoonii Abiidaan kennansa ifii dhikeesse. 61 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 62 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 63 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 64 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 65 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Gedewoonii Abiidaan dhikeesse.
66 Guyyaa kudhaneesso'oo sooressi gosa Daanii ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer kennansa ifii dhikeesse. 67 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 68 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 69 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 70 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 71 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer dhikeesse.
72 Guyyaa kudhanii tokkeesso'oo sooressi gosa Asheerii ilmi Okraanii Fagi'el kennansa ifii dhikeesse. 73 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 74 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 75 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 76 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 77 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Okraanii Fagi'el dhikeesse.
78 Guyyaa kudhanii lammeesso'oo sooressi gosa Naftaalemii ilmi Enaanii Ahiira kennansa ifii dhikeesse. 79 Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran. 80 Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu; 81 kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo; 82 kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko; 83 kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Enaanii Ahiira dhikeesse.
84 Gaafa addeen ciinca'aa muudante kennansi sooreyyiin Israa'elootaa, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana: gabataa meetii irraa hujame kudhanii lama, qorii boollittii meetii irraa hujante kudhanii lama, girgiraa worqii hujame kudhanii lama; 85 gabataan meetii irraa hujame sun tokko tokkoon isaatuu sheeqelii dhibbaa fi soddoma, qoriin meetii irraa hujante tokko tokkoon isi'iituu sheeqelii torbaatama madaalan; wolumatti meetiin meya kanaa akka sheeqelii addee woyyitti'iititti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afurSheeqeliin kuma lamaa fi dhibbi afur: Gara kiiloogiraama 28 te'a. madaalti. 86 Girgiraa worqii irraa hujame kudhanii lama ka hixaanaan guutame, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti tokko tokkoon isaaniituu sheeqelii kudhan madaalan; wolumatti worqiin girgiroota kanaa sheeqelii dhibbaa fi diddamaSheeqeliin dhibbaa fi diddama: Gara kiiloogiraama 1.4 te'a. madaalti. 87 Kennansa midhaanii ka isaanii woliin wolumatti horiin ciinca'aaf dhikaate dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee kudhanii lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii lama; kennansa araara cubbu'uutiifille korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama. 88 Horiin ciincaa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate wolumatti korommii diddamii afur, korbeeyyii hoole'ee jaatama, korbeeyyii re'e'ee jaatama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo jaatama. Kennansi gaafa addeen ciinca'aa muudante, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana.
89 Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seene, qadaaddaa Saanduqa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan wodhakkaa jiru gubba'aa qoonqoo isatti dubbattu dhage'e. Mootiin Waan Maraa isatti dubbate.

*7:13 Sheeqeliin dhibbaa fi soddoma: Gara kiiloogiraama 1.5 te'a.

7:13 Sheeqeliin torbaatama: Gara giraama 800 te'a.

7:14 Sheeqeliin kudhan: Gara giraama 110 te'a.

§7:19 Sheeqeliin dhibbi tokkoo fi soddoma: Gara kiiloogiraamii 1.5 te'a.

*7:19 Sheeqeliin torbaatama: Gara giraama 800 te'a.

7:85 Sheeqeliin kuma lamaa fi dhibbi afur: Gara kiiloogiraama 28 te'a.

7:86 Sheeqeliin dhibbaa fi diddama: Gara kiiloogiraama 1.4 te'a.