8
Ifa Torba
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2 «Ati Aaroniin ‹Issaa torba waan issaa irra keyanu irra yennaa keettu, akka adaala waan issaa irra keyanu duratti ifanu keyi› jedhiin» jedhe. 3 Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, issaa san waan issaa irra keyanu fuula duratti akka ifanu keye. 4 Wonni issaa irra keyanu akka fakkeenna Mootiin Waan Maraa Muuse'etti mudhisetti jalaa ka'ee haga qaccee isi'ii ta akka daraara'aatitti worqii tumante irraa hujameera.
Lewwooti Waaqaaf Kennamane
5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 6 «Lewwoota odduu Israa'elootaatii fuudhiitii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqulleessi. 7 Isaan qulqulleessiisaaf, waan asii gad jiru kana godhi: bisaan ittiin qulqulloomanu itti fiffixi; achiin duuba akka isaan rifeensa nafa ifii duudii haadatanee woyaa ifiille dhiqatanee ifi qulqulleeffatanu isaanitti himi. 8 Isaan dardara tokkoo fi kennansa midhaanii bullaa dansaa ta zayiti'iin sukkuumante ka isaan woliin dhikaatanu fidanuu ti; atille araara cubbu'uutiif dardara dhibii tokko fidi. 9 Kolbaa Israa'elii duudii wolitti qabiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa duratti Lewwoota dhikeessi! 10 Yennaa ati Lewwoota fuula kiyya duratti dhikeessitu, Israa'elooti harka ifii mataa isaanii irra keyanuu ti! 11 Lewwooti akka hujii tiyya hujanu Aaron Israa'eloota oddu'uu akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti isaan dhikeessuu ti. 12 Lewwooti harka ifii mataa dardara lamaanii san irra keyanuu ti; Aaron dardara tokko kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessee, dardara kaanille Lewwootaaf gumaa cubbu'uu godhiisaaf kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
13 «Worra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiisiitii akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti dhikeessi. 14 Karaa kanaan Lewwooti Israa'eloota kaan oddu'uu adda baasi; isaanille kiyya hin te'an. 15 Ati isaan qulqulleessitee akka kennansa tachoofamuu dhikeessiteen duuba, isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf ol seenanuu ti. 16 Israa'eloota keessaa isaan guutumatti naaf kennamaneeran; Israa'eloota mara keessaa angafa addee fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. 17 Ani yennaa angafa biyya Gibxi'ii keessaa mara ijjeese, ka worra Israa'elii adda baafadhe; tanaaf, Israa'eloota keessaa dhiira te'ee ka dhalate, angafi namaatii fi hori'iille kiyya. 18 Ani addee ilmaan angafa Israa'elootaa mara fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. 19 Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee Israa'elootaa bu'anee akka tajaajilanuuf, Israa'elooti addee woyyitti'itti dhikaatanee balaan akka itti hin buune akka isaaniif araarsanuuf, ani Israa'eloota mara keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennansa godhee kenneera» jedhe.
20 Maarre Muuseen, Aaronii fi kolbaan Israa'elii duudiin akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Lewwoota adda baasane. 21 Lewwooti ifi qulqulloonsanee woyaa ifiille dhiqatane; achiin duuba Aaron akka kennansa tachoofamuu Mootii Waan Maraa duratti isaan dhikeessee, isaan qulqulleessiisaaf gumaa cubbu'uu isaaniif tolche. 22 Saniin duuba Lewwooti sooressummaa Aaronii fi ilmaan isaatiin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajila ifii tajaajiliisaaf ol seenane; kolbaan akkuma Mootiin Waan Maraa marroo Lewwootaa Muusee ajajetti waan mara isaaniif goote.
23 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 24 «Wonni Lewwoota ilaalu asii gad jira; Dhiirti Lewwootaa ta woggaan isaanii diddamii shaniitii fi achii olii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhufanuu ti; 25 woggaan isaanii shantama yennaa guutte ammoo tajaajila ifii irraa hin foorfatan; achiin duuba hin tajaajilanu. 26 Isaan tajaajila obboleeyyan isaanii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu obboleeyyan ifii qarqaaran malee, ifiif hujii hin hujanu. Akka kanatti itti gaafatamummaa worra Lewwootaa tarree galchita» jedhe.