9
Jila Irra Dabaramaa Ta Lammeesso'oo
Israa'elooti biyya Gibxi'iitii bayaneen duuba woggaa lammeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa, Mootiin Waan Maraa goomolee Siina'aa keessatti Muuse'etti dubbatee, «Israa'elooti Jila Irra Dabaramaa yennaa isi'ii eeganee jilifatanuu ti. Ji'uma kana guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, dimimmisa galgala yennaa isi'ii eegadha'aatii, akkuma seerataa fi sirna isi'iititti jilifadha'a» jedhe. Maarre Muuseen akka isaan Jila Irra Dabaramaa jilifatanuuf Israa'elootatti hime. Israa'elootille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti ji'a tokkeesso'oo keessa, guyyaa kudhanii arfeesso'oo dimimmisa galgala goomolee Siina'aa keessatti Jila Irra Dabaramaa jilifatane.
Isaan keessaa namooti akka aadaa dhugeeffanna'aatitti reeffa namaa tuqiisaan battowane, gaafas worra kaan woliin Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dandeenne; isaan gaafasuma gara Muuse'eetii fi Aaronii dhufanee, «Nuuti reeffa namaa tuqiisaan battoonneerra; garuu Israa'eloota kaan woliin yennaa kennansi kennamu nuuti Mootii Waan Maraatiif kennansa akka hin dhikeessine maaf dhoogganna?» jedhane.
Muuseen deebisee, «Mootiin Waan Maraa marroo teessaniif waan jedhu haga dhage'utti, eegadha'a» isaaniin jedhe.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 10 «Ati Israa'elootaan, ‹Isin keessaa yookiin sanyii teessan keessaa worri reeffa namaa tuqiisaan battowe yoo jiraate yookiin yennaa Jila Irra Dabaramaa karaa fagoo deemiisatti jiru yoo jiraate, Jila Irra Dabaramaa jilifatiisa hin dande'an. 11 Garuu ji'a lammeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti galgala dimimmisa jilifatanuu ti. Buruusoo korbeessa hoole'ee ka Jila Irra Dabaramaatiif qalame san daabboo uukoo hin qannee fi baala hadhowu woliin nyaatanuu ti. 12 Isaan foon buruusoo korbeessa hoole'ee san haga boruyyaatitti hin hamburatin yookiin lafee isaalle hin cassin. Isaan yennaa Jila Irra Dabaramaa jilifatanu akka sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatanuu ti. 13 Ammoo nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'ee, karaa adoo hin ideemin Jila Irra Dabaramaa hin jilifatin hafe, kennansa Mootii Waan Maraatiif dhikeessu yennaa isaatitti waan hin dhikeessiniif, inni kolbaa ifii keessaa bawuu ti. Inni akka cubbuu ifiititti itti hin gaafatama.
14 «‹Alagaan odduu teessan le'u Jila Irra Dabaramaa yoo jilifatuu barbaade, akka seerataa fi sirna Jila Irra Dabaramaatitti jilifatuu ti. Isin worra alaga'aatii fi worra dhalataa biyyaatiif seeraa fi sirna tokkochuma qabaadha'a› jedhi» jedhe.
Duumensa Dunkaanii Dhugaa Bayaatiin Gubba'aa
15 Gaafa dunkaaniin dhugaa bayaa dhaabbatte, duumensi dhufee isii golle. Duumensi sun galgalaa haga ganamaatitti ibidda fakkaataayyu. 16 Gaafa mara akkasuma te'aa ture; duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa golle; inni halkan ibidda fakkaataayyu. 17 Yennaa duumensi dunkaanii irraa ka'u mara Israa'elootille ka'anee deeman; addee duumensi bu'etti isaanille hin qubataniiyyu. 18 Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deemanee, ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan. Haga duumensi dunkaanii dhugaa bayaa gubbaa jiru, isaan quttumuma san keessa turan. 19 Duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa adoo hin ka'in guyyaa hedduu yennaa ture, Israa'elooti ajaja Mootii Waan Maraa eegatan malee, ka'anee hin deemanu. 20 Yennaa tokko tokko duumensi guyyaa diqqaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; isaanille ajaja Mootii Waan Maraatiin addee quttuma ifii turan yookiin ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'anee deeman. 21 Yennaa tokko tokko duumensi sun galgalaa haga ganamaa qofa dunkaanii dhugaa bayaa irra tura; ganama yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e, isaanille ka'anee deeman. Galgalalle te'u gamanalle duumensi dunkaanii dhugaa bayaa irraa yennaa ka'e mara isaanille ka'anee deeman. 22 Duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irra guyyaa lama yookiin ji'a tokko yookiin yennaa hedduu turulle, Israa'elooti adduma quttumaa turan malee, ka'anee hin deemanu; yennaa duumensi sun dunkaanii dhugaa bayaa irraa ka'e ammoo, isaanille ka'anee deeman. 23 Isaan ajaja Mootii Waan Maraatiin qubatan; ajaja Mootii Waan Maraatiin ka'aneelle deeman; isaan ajaja Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname hin eegataniiyyu.