18
Hujii Hayyootaatii Fi Lewwootaa
Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Atii fi ilmaan teeti, maatiin abbootii teetii ta durii yakkaa addee Woyyittii keessatti hujjaneef itti gaafatantan; yakkaa tajaajila hayyumma'aatiif ammoo si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. Atii fi ilmaan teeti, dunkaanii dhugaa bayaa duratti yennaa tajaajiltanu akka isin qarqaaranu, gosa abbootii teetii ta durii keessaa obboleeyyan teeti Lewwoota as fidi. Isaan itti gaafatamummaa teeti jalatti hujii dunkaani'ii hujanuutii malee, meya Addee Woyyitti'ii yookiin addee ciinca'aa tuquu hin qabanu. Yoo tuqane atii fi isaanille hin duutan. Isaan itti gaafatamummaa eegiisa Dunkaanii Woldeenna'aa fudhatanee, hujii dunkaanii keessatti hujatu mara hujiisaan si qarqaaran; nami gosa Lewwi'ii hin te'in ammoo si woliin hin hujin. Mufiin tiyya ammalle Israa'elootatti akka hin deebine, tajaajila Addee Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aa si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. Ani Mootiin Waan Maraa obboleeyyan teessan Lewwoota, Israa'eloota oddu'uu filee, hujii Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa akka hujanuuf isinii kenneera. Te'uu malee, hujii addee ciinca'aatii fi hujii gollaa keessaa mara si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. Akka isin hayyoota teetanee tajaajiltanuuf, ani hujii hayyumma'aa isiniif kenneera; isin malee nami dhibiin ka addee woyyitti'itti dhikaatu ijjeefamuu ti» jedhe.
Qooda Hayyootaa
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Kennansa naaf dhikaatu mara irratti itti gaafatamaa si godheera; kennansa woyyicha Israa'elooti naaf kennitu mara si'ii fi ilmaan teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. Kennansa irra caalaa woyyichaa ka ibiddaan hin gubanne ifiif fudhadhu; kennansa irra caalaa woyyichaa ka isaan naaf kennanu marti, kennansi midhaanii yookiin kennansi gumaa cubbu'uutiif dhikaatu yookiin kennansi isaan sababa yakka'aatiif dhikeessanu marti keetii fi ka ilmaan teetii ti. 10 Addee Woyyittii keessatti waan kana mara nyaadhu; dhiirti marti waan kana nyaattuu ti; wonni kun si'iif woyyu'u.
11 «Kennansi tachoofamu ka Israa'elooti dhikeessitu marti keeti te'uu ti; ani si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
12 «Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii keessaa ta caaltu, midhaan mata'aa keessaa ka caalu, ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif kennane ani sii hin kenna. 13 Midhaan mata'aa ka lafa isaanii keessaa, ka isaan ana Mootii Waan Maraatiif fidanu marti keeti. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
14 «Israa'el keessaa wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti keeti te'uu ti.
15 «Wonni Angafa te'e marti, nami yookiin horiin ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu keeti te'anuu ti. Angafa namaatii fi angafa hori'ii ka qulqulluu hin te'iniif ammoo wodoo fudhatuu qadda. 16 Ijoolleen ji'a tokkoo, akka sheeqelii Addee Woyyitti'iititti meetii sheeqelii shan ta gara geraa diddama madaaltuun wodamanuu ti. 17 Angafi loonii, angafi hoole'ee, angafi re'e'ee ammoo woyyuu waan te'aneef wodoo hin fudhatin; dhiiga isaanii addee ciinca'aatitti fiffixi; cooma isaanille kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii addee ciinca'aa irratti gubi. 18 Foon isaanii akkuma foon cormi'iitii fi foon luka middaa ka kennansa tachoofamuuf dhikaatuu keeti te'uu ti.
19 «Kennansi woyyichi ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu marti si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa mara akka te'u kenneera. Tun si'ii fi sanyii teetiif ana Mootii Waan Maraa duratti Gondooroo sooddaa ti*Gondooroo sooddaa: Gondooroon sooddaan godhantu ta ijjumaa hin diiganne.» jedhe.
20 Mootiin Waan Maraa ammalle Aaroniin, «Ati lafa Israa'elii keessaa dhaala hin fudhatu; Israa'el odduulle'etti qooda lafaa hin qabaattu. Israa'el oddu'utti ani Mootiin Waan Maraa qooda keetii fi dhaala keeti.
Qooda Lewwootaa
21 «Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aa keessa waan tajaajilanuuf, waan kolbaan Israa'elii kudhan keessaa tokko naaf fiddu mara ani isaaniif dhaala godhee kenneera. 22 Cubbuu itti te'ee akka hin duune, Israa'elooti dhibiin ammaa jalqabanee Dunkaanii Woldeenna'aatitti hin dhikaatin. 23 Worri Lewwootaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanuu ti. Isaan yakkaa achi keessatti hujanuuf itti hin gaafataman. Kun dhaloota dhufuuf seerata bara baraa ti. Isaan Israa'eloota oddu'utti lafa dhaalanu hin qabaatanu. 24 Waan Israa'elooti kudhan keessa tokko kennansa addaa godhanee ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu, ani Lewwootaaf kenneera; tanaaf ani isaaniin, ‹Israa'eloota oddu'utti lafa dhaaltanu hin qabaattanu› jedheera» jedhe.
25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 26 «Ati worra Lewwootaatiin, ‹Waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka ani dhaala keessan godhee isiniif kennu san yennaa fudhattanu, isinille ka fudhattanne san keessaa kudhan keessaa tokko kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 27 Kennansi keessan kun akka midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. 28 Akka kanaan isinille waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka fudhattanu mara irraa qooda kiyya Aaronii hayyichatti kenna'a. 29 Kennansa fudhattanu mara keessaa ka irra caalaa dansaa te'ee fi irra caalaa woyyicha te'e qooda kiyya godha'aatii dhikeessa'a. 30 Isin waan irra caalaa dansaa san yennaa dhikeessitanu, akkuma midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. 31 Tajaajila isin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiltanuuf kaffaltii waan isinii te'uuf, isinii fi maatiin teessan waan hafe san eessalle'etti nyaatuu hin dandeettan. 32 Eega waan irra caalaa dansaa te'e dhikeessitane, isin yakkaameyyii hin teetanu. Achiin duuba kennansa woyyicha Israa'elootaa hin batteessitanu; hin duutanulle'e› jedhi» jedhe.

*18:19 Gondooroo sooddaa: Gondooroon sooddaan godhantu ta ijjumaa hin diiganne.