19
Seera Bisaan Ittiin Qulqulloomiisaa
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 2 «Kun qajeelfama seeraa ka ani ajaje: Goronsa arrowa komii hin qanne, ka waanjoon mormarra keyamee hin beenne akka fidanu Israa'elootatti himi. 3 Goronsa san Ele'azaarii hayyichatti kenna'a. Goronsi sun fuudhamee addee quttumaatiin alatti hayyicha duratti gorra'amuu ti. 4 Achiin duuba hayyichi Ele'azaar dhiiga goronsaa quba ifiitiin diqqaa isaa fuudhee yennaa torba fuullee Dunkaanii Woldeenna'aatitti fiffixuu ti. 5 Goronsi sun gogaan isaa, foon isaa, dhiigii fi meen gadhaa isaalle duudiin hayyicha duratti gubamuu ti. 6 Hayyichi muka hindheensaa, damee hisoophiitii fi liilana diimaa fuudhee ibidda goronsi keessatti gubamiisatti jiru sanitti qolaansuu ti. 7 Achiin duuba, inni woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, gara addee quttumaa deebi'uu ti; garuu haga galgalaatitti akka aadaa dhugeeffannna'aatitti qulqullu'uu moti. 8 Nami goronsa gube woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. 9 Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e daadhaa goronsaa san haree, addee quttumaatiin alatti, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete keessatti naquu ti; daadhaan sun kolbaa Israa'eliitiif bisaan ittiin qulqulloomanu qopheessiisaaf te'a. Kunille cubbuu irraa ittiin qulqulleessiisaaf te'a. 10 Namichi daadhaa goronsaa harelle woyaa ifii dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. Kun Israa'elootaa fi orma odduu isaanii le'uufille seerata haga bara baraa hin te'a.
11 «Nami reeffa namaa tuqe marti guyyaa torbaaf akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullu'uu moti. 12 Inni guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo bisaaniin ifi qulqulleessuu ti; achiin duuba qulqulluu hin te'a; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yoo ifi hin qulqulleessin ammoo qulqulluu hin te'u. 13 Nami reeffa namaa tuqee adoo ifi hin qulqulleessin hafe, dunkaanii dhugaa bayaa tiyya hin batteessa; inni kolbaa Israa'elii keessaa bawuu ti. Bisaan ittiin qulqulloomiisaa isatti waan hin fiffixaminiif, battummaan isaa isuma irratti hafa.
14 «Nami tokko dunkaanii keessatti yennaa du'u seerri muummeffamu ka asii gad jiru: Nami tokko dunkaanii keessatti yoo du'ee, nami dunkaanii keessa jiru yookiin nami gara dunkaanii sanii seenu guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti. 15 Meen afaan banaa jiru ka cuqqaallaan jabaan irra hin jirre marti qulqullu'uu moti. 16 Nami nama shallaaga'aan diidatti ijjeefameeru yookiin nama akkasumaan du'eeru yookiin lafee namaa yookiin irreensa namaa tuqe, guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti.
17 «Nama san qulqulleessiisaaf, daadhaa goronsa arrowaa ka cubbuu ittiin qulqulleessiisaaf gubate irra diqqaan isaa fuudhamee, okkote'etti naqamee, bisaan maddaa itti naqamuu ti. 18 Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e damee hisoophii fuudhee, bisaan keessa cuuphee, dunkaani'itti, waan dunkaanii keessa jirutti, namoota achi jiranu maratti, ka lafee nama du'ee tuqetti yookiin ka irreensa tuqetti yookiin ka nama ijjeefame tuqetti yookiin ka reeffa nama akkasumaan du'e tuqetti fiffixuu ti. 19 Nami qulqulluu te'e, guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo nama qulqulluu hin te'initti bisaan fiffixuu ti. Guyyaa torbeesso'oo sanitti isa qulqulleessuu ti. Nami qulqulloome sun woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, galgaluma san hin qulqullooma.
20 «Nami qulqulluu hin te'in ammoo, yoo ifi hin qulqulleessin, addee woyyittii tiyya waan batteesseef, kolbaa keessaa bawuu ti; bisaan ittiin qulqulloomiisaa waan itti hin fiffixaminiif inni qulqullu'uu moti. 21 Kun seera haga bara baraa isaaniif te'uu ti; nami bisaan ittiin qulqulloomiisaa itti fiffixame woyaa ifii dhiqatuu ti; nami bisaan itti qulqulloomiisaa tuqe marti haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. 22 Wonni nami qulqulluu hin te'in tuqe marti qulqullu'uu moti; nami waan qulqulluu hin te'in san tuqelle haga galgalaatitti qulqullu'uu moti» jedhe.