31
Israa'elooti Worra Miidiyaanotaa Haluu Baate
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Marroo Israa'elootaatiif, worra Miidiyaanota haluu bayi; achiin duuba, ati hin duuta» jedhe.
Maarre Muuseen, kolba'aan, «Worra Miidiyaanotaa dhaqanee lolanee, haluu Mootii Waan Maraa akka bayanu, isin keessaa nama garii lolaaf qopheessa'a. Gosa Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa dhiira kuma tokko tokko gara lolaa erga'a» jedhe.
Maarre gosa Israa'elii tokko tokkooyyuu keessaa dhiirti kum tokko tokko filantee, wolumatti dhiirti kum kudhanii lama lolaaf qophootte. Muuseen gosa tokko tokkooyyuu keessaa dhiira kuma tokko tokko, Fiinehaasii ilma Ele'azaarii hayyichaa ka meya addee woyyitti'iitii fi tultullaa lolaaf ittiin dammassanu harkatti qabateeru woliin gara lolaa erge. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, worra Miidiyaanotaa lolanee dhiira mara ijjeesane. Worra isaan ijjeesane san keessa moototi worra Miidiyaanotaa shanan Ewii, Reqem, Zuur, Huurii fi Rebaalle hin jiran. Isaan Bala'aamii ilma Be'oriille shallaaga'aan ijjeesane.
Israa'elooti dubartoota worra Miidiyaanotaatii fi ijoollee isaanii booji'anee loon isaanii mara, hoole'ee fi re'ee isaaniitii fi karra isaanii mara saamanee fudhatane. 10 Qacha'aa fi addee quttuma isaanii maralle gubane. 11 Isaan waan booji'anee fi saamane mara namaa fi horii fuudhane. 12 Achiin duuba isaan waan booji'anee fi waan saamane laga Yordaanosiitiin gama, fuullee Yeriko'ootitti, dirree Mo'aabiititti addee isaan qubataneeranutti gara Muuse'ee fi Ele'azaarii hayyichaa, akkasuma gara wolde'a Israa'elootaa fidane.
Lola Irraa Deebi'iisa Loltoota
13 Muuseen, Ele'azaariin hayyichii fi sooreyyiin wolde'aa marti loltoota qophatiisaaf addee quttumaa keessaa alatti bayane. 14 Muuseen ajajjoota loltootaa ka te'ane ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa worra lola irraa deebi'anetti aare.
15 Inni, «Isin dubartooti martinuu akka lubbu'uun hafanu maaf gootane? 16 Isaan kun gorsa Bala'aamii fudhatanee, Phe'oritti Israa'elooti Mootii Waan Maraa akka lakkittuu fi balaan kolbaa Mootii Waan Maraatitti akka bu'u worra godhe. 17 Maarre amma ijoollee dhiiraa maraa fi dubartoota dhiira woliin rafaneeranu mara ijjeesa'a. 18 Durra dhiira woliin rattee hin beenne ammoo ifiif hamburadha'a. 19 Isin worri nama ijjeettane yookiin reeffa tuxxane marti guyyaa torba addee quttumaatiin ala turuu qaddan. Guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo ifii fi dubartoota booji'attanelle qulqulleessa'a. 20 Woyaa maraayyuu, waan goga'aa fi rifeensa re'e'ee irraa hujame mara yookiin waan muka irraa hujame mara qulqulleessa'a» jedhe.
21 Ele'azaariin hayyichi, loltoota lola irraa deebi'aneen, «Ajaji seeraa ka Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje ka asii gad jiru: 22 Worqii, meetii, sageettuu, sibiila, qorqooroo, irsaasa, 23 waan ibiddi hin gunne mara ibidda keessa dabarsa'aatii qulqulleessa'a. Te'uu malee bisaan ittiin qulqulleessiisaalle'een qulleessuu qaddan. Wonni ibiddi gubu marti bisaan ittiin qulqulleessiisaa keessa dabarsa'aatii qulleessa'a. 24 Guyyaa torbeesso'oo woyaa teessan dhiqadha'a; isin qulluu hin teetan. Achiin duuba gara addee quttumaa gala'a» jedhe.
Boojuu Qoodamane
25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 26 «Atii fi Ele'azaariin hayyichi, sooreyyii kolba'aa woliin waan boojitane mara, namootaa fi horiille laakkowa'a. 27 Boojuu san worra loltootaatii fi kolba'aaf addee lamatti qooda'a. 28 Qooda loltootaa irraa namoota keessaa, loon keessaa, harree keessaa, hoole'ee fi re'ee keessaa dhibba shan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif qooda adda baasi. 29 Ana Mootii Waan Maraatiif kennansa addaa godhiitii, Ele'azaarii hayyichatti kenni. 30 Qooda Israa'elootaa irraa namoota keessaa, loon keessaa, harree keessaa, hoole'ee fi re'ee keessaa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwoota worra itti gaafatantoota dunkaanii dhugaa bayaa tiyya keessa tajaajilanuuf kenni» jedhe. 31 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi akkuma Mootii Waan Maraa Muusee ajaje godhane.
32 Boojuu loltooti fudhatte irraa ka hafe hoolee 675,000, 33 loon 72,000, 34 harree 61,000 35 fi durra dhiira woliin rattee hin beenne 32,000. 36 Qoodi worra lola dhaqee deebi'ee, hoolee 337,500; 37 isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame hoolee 675. 38 Loon 36,000; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame loon 72. 39 Harreen 30,500; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame harree 61. 40 Namooti 16,000; isaan keessaa qoodi Mootii Waan Maraatiif baafame namoota 32; 41 Muuseen qooda Mootii Waan Maraatiif baafame san akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje Ele'azaarii hayyichatti kenne.
42 Qoodi Israa'elootaa, ka Muuseen worra lola dhaqee deebi'ee san irraa adda baase: 43 qoodi kolba'aa hoolee 337,500; 44 loon 36,000; 45 harree 30,500 46 fi durra dhiira woliin rattee hin beenne 16,000. 47 Muuseen qooda Israa'elootaa irraa namoota keessaa, horii keessalle'ee shantama keessaa tokko fuudhee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti, Lewwoota itti gaafatantoota dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa keessa tajaajilanuuf kenne.
48 Achiin duuba ajajjoota loltootaa ka te'ane ajajjooti kumaatii fi ajajjooti dhibbaa gara Muuse'ee dhaqanee, 49 «Nuuti tajaajiltooti teeti, loltoota ajaja keenna jala jiranu laakkonneerra; isaan keessaa tokkolle ka dhidhate hin jiru. 50 Maarre nuuti Mootii Waan Maraa duratti gumaa cubbuu teennaa tolchiisaaf, waan nami tokko tokkooyyuu dhaggate meya worqii irraa hujame: irmuura miilaa, irmuura harkaa, qubee qubaa, qubee gurraatii fi dooqa mormaa kennansa Mootii Waan Maraatiif finneerra» jedhane. 51 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi faaya meya worqii irraa hujamee san mara isaan irraa fuudhane. 52 Worqiin ajajjooti kumaatii fi ajajjooti dhibbaa Mootii Waan Maraatiif fidane wolumatti gara kiiloogiraama dhibba lamaa teete. 53 Loltooti tokko tokkooyyuu waan saamane ifumaaf fudhataneeran. 54 Muuse'ee fi Ele'azaariin hayyichi worqii ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa irraa fuudhane san, kolbaan Israa'elii, Mootii Waan Maraa duratti akka ittiin yaadatantu gara Dunkaanii Woldeenna'aa fidane.